Eenyuyyuu of fooyyeessuu ni danda’a

Maxxansa keenya kanaan duraa irratti barbaachisummaa of jijjiiruu, jijjiiramni inni jalqabaa of irratti hojjechuufi of fooyyessuu akka ta’e, egeree ofii jijjiiruu danda’uu akka ta’e, isa kanaaf ammoo ilaalcha ofii geeddaruun barbaachisaa ta’uu isaa ilaalleerra. Of jijjiiruu jechuun takkumaan jijjiirama sammuu namaa dhoosu yookaan haala jiran keessaa butamanii ba’uu ta’uu dhiisuu danda’a.

Haa ta’u iyyuu malee tarkaanfii suuta suutaan fudhatamuun haala keessa jirru keessaa baanee bakka ga’uu qabnu ga’uu danda’uudha. Jijjiiramni nuti of irratti fiduu qabnu kun ammoo walitti fufiinsa kan qabu ta’uu qaba. Yeroof yaallee kan bor dhaabnu miti. Egeree keenya jijjiiruu kan danda’u ta’uu qaba. Isa kanaaf ammoo har’aa utuu barreeffama kana dubbisaa jirruu rakkoo keenya, jireenya keenyaa keessaa wantoota jijjiiramuu qaban, wantoota fooyya’uu qaban mara irratti yaaduun jijjiiruuf tarkaanfii eegaluun murteessaadha.

Namni tokko jireenya isaa irratti jijjiirama fiduuf maal gochuu qabaa? Tarii baay’een keenya gaaffii akkasii qabaachuu nidandeenya. Jijjiirama of irratti fiduuf inni jalqabaa jabaannee hojjechuu namoota dandaa’an ta’uu qabna. Sababiin isaa namni kamiyyuu waan barbaachisaa tokko argachuuf jabaatee hojjechuu qaba. Isa kanaaf ammoo tarsiimoo sirrii hordofuun keenya murteessaadha. Of qabuu danda’uun barbaachisaadha. Of mo’achuun murteessaadha. Sababiin isaa jijjiiramni yeroo gaafata. Jabaatanii hojjechuu barbaada. Obsa gaafata. Rakkoo nama mudatu dandamachuu gaafata. Eeggannoos nigaafata.

Jireenya keenyarratti jijjiirama fiduuf wanti gochuu qabnu gar malee of dadhabsiisuun kan ta’u miti. Of nuffisiisuunis barbaachisaa miti. Haa ta’uyyuu malee utuu wal irraa hinkutiin of irratti hojjechuu, amala, jireenya, ilaalcha, adeemsaafi kkf., hinbarbaachisne keessaa baanee isa barbaadne bira ga’uuf tattaaffii barbaachisaa taasisuudha.

Kanaaf, firii gaarii argamsiisuuf tattaaffii taasisuun garuu filannoo miti. Daran barbaachisaadha. Of jijjiiruu yookaan haala keessa jirru tokko fooyyessuuf wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate hiriyaa sirrii, tarii nama fakkeenya nuuf ta’uufi nama waliin mari’annu qabaachuun gaariidha. Nama ba’aa qabnu, yaaddoo qabnu, sodaa qabnu hirruuf qabaachuun gaariidha. Inni kun tattaaffii taasisnu keessatti daran nugargaara. Akka gara fuula duraatti deemnu nu taasisa. Kanaaf namoota nu tumsuu dandaa’an, namoota adeemsa jijjiirama jireenya keenya irratti fiduuf yaallu keessatti nu cina dhaabatan qabaachuun barbaachisaadha. Kunneen garuu namoota nuti ilaalcha isaanii, gorsa isaanii kabajnu ta’uu qabu.

Inni kan biraa haala jiru dandamachuudha, Adeemsa jijjiirama jireenya keenya irratti fidnu keessatti wantoota nu mudatan dandamannee haala jiru simachuu danda’uu qabna. Fakkeenyaaf wantoota nu qunnaman irra deddeebinee yaaduu irraa of qoqqobbachuun barbaachisaadha. Haala nu mudatu hanga barbaachisuu olitti irra deddeebinee yaaduun firii barbaachisu akka hinarganne nutaasisa. Inni kun rakkoo nu mudatu hiikuuf fedhii qabnu keessa seenuun akka rakkoo keenya hiikuu hindandeenye nutaasisa. Rakkoo jiru keessaa akka hinbaaneefi furmaata akka hinbarbaadne nutaasisa.

Kanaaf haala jirru keessaa ba’uuf yookaan jireenya keenya irratti dhiibbaa gaarii fiduuf yookaan of fooyyessuuf yaalii yeroo taasisnu, rakkooleen garaa garaa yoo nu mudatan, yoo firri nu irraa fagaate, hojii hojjennu keessaa yoo baane haala jiru dandamachuun, itti baruun gara fuula duraatti deemuu malee gar malee haala numudate irratti yaaduun (overthinking) miidhaa cimaa qaba. Gara dhukkubbii sammuutti nu geessuu danda’a. Akka tarkaanfii barbaachisaa hinfudhanne nutaasisa. Sababiin isaa waan ta’e irratti akka irra deddeebine yaadnu nutaasisa. Sirrii yoo fakkaate iyyuu rakkoo cimaaf nu saaxila. Amala al-ta’umsa akka horannu nu taasisa.

Qorannoon bara 2013 keessa taasifame tokko akka addeessuutti namni tokko rakkoo isaa, dadhabbii isaa qofa irra deddeebi’ee yaaduun akka dhukkuba sammuuf saaxilamu qorannoon xiinsammuu irratti geggeeffame “Journal of abnormal psychology” kan jedhu tokko gabaasee ture. Akka barreeffama kanaatti namni tokko fayyinni sammuu isaatii yeroo gadi bu’aa deemu waan tokko irra deddeebi’ee yaaduu eegala. Yaaduun gaariidha. Hanga barbaachisuu olitti waan tokko irratti yaaduun miidhaa qaba. Miidhaa sammuuf nama saaxila. Utuu rakkoof nu hinsaaxilin keessaa ba’uuf yaaluun murteessaadha.

Namootni hanga barbaadamu olitti waan tokko irratti xiinxaluun hanga waan fedhan tokko argatanitti rafuu hindandaa’an. Halkan ciisanii gaggalagalaa bulu. Halkan tokko keessaa sa’a xiqqaa qofa hirribni isaan qaba. Kanaaf, namni tokko gar malee haala isa mudate irratti yaaduu hinqabu. Sababiin isaa akka rakkoo keessa jiru keessaa hinbaane haala taasisu sababa ta’eef isa kana irraa of eeggachuun barbaachisaadha.

Jireenya keenya irratti jijjiirama fiduuf tattaaffii goonu keessatti haala keessa turre keessaa baanee jireenya haara itti seenne simachuuf of qopheessuunis gaariidha. Wanti dagatamuu hinqabne egeree keenya kan fooyyessu irratti xiyyeeffachuun murteessaadha. Egeree keenya jijjiiruu irratti xiyyeeffachuu qabna.

Isa kanaaf wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan yeroo keenya sirriitti fayyadamuu danda’uun murteessaadha. Biyya lafaa kana irra dhalli namaa si’a tokko qofa jiraata. Yeroo jiraatu kana keessatti garuu inni guddaan barbaachisaan yeroo isaa attamitti dhimma itti ba’aa jiraa inni jedhu murteessaadha.

Attamitti yeroo keenyatti sirriitti waa’ee ba’uu dandeenyaa? Isa kana gadi fageenyaan itti yaaduun murteessaadha. Ganama waajjira dhaqnee guyyaa guutuu teenyee hojjetaa oollee, yeroon yoo ga’u manatti deebinee, nyaata nyaannee, halkan ammoo fuula televiziyoonaa dura teenyee ilaaluun yeroo hirribni nu qabu rafuun jireenya keenya dabarsaa jirra? Sa’a meeqa hojii malee dabarsaa jirtaa? Biyya lafaa kana irratti wanti gatii guddaa qabu yeroo ta’uu isaa dagachuu hinqabnu. Yeroon mallaqa. Yeroon jireenya. Yeroon bareedina. Yeroon gorsaadha. Yeroon wanta gati jabeessa namni akkasumaan dabarsuudha. Yeroo qabdutti sirriitti fayyadamuun barbaachisaadha. Yeroon hawaa keenya keessatti humna dhoksaa cimaa qabuudha.

Maaliif jireenya keenya jijjiiruu keessatti yerootti gatii guddaa kenninaa? Akkuma beekamu wanti hundi yeroon daangeffama Jireenyi keenya yeroon daangeffamaadha. Yeroon umuriidha. Yeroo darbaa deemu, irraa jalaan dulloomaa, dadhabaa dhuma irratti gara biyya lafaa kana irraa godaanuutti deemna. Bara baraan kan jiraatu hinjiru. Kanaaf sirriitti itti fayyadamuun murteessaadha.

Darbees yeroon qabeenya gati jabeessaa. Yeroon qabeenya deebi’anii hinarganneedha. Yeroon barsiisaadha. Yeroon waan hedduu fayyisa; sirreessas. Yeroo har’a dabarsinu bor deebinee hinargannu. Tarii wanti guddaan mallaqa nutti fakkaachuu danda’a. Haa ta’u iyyuu malee mallaqa deebi’anii argachuun nidandaa’ama. Yeroon takkaa nu harkaa ceenaan deebinee argachuu hindandeenyu. Yeroon keenyas hangam akka ta’e sababa hinbeekneef yerootti sirriitti fayyadamuun daran barbaachisaadha. Namni kam iyyuu biyya lafaa kana irra hangam akka turuufi sababa maaliif akka lafa kana irraa deemu hinbeeku. Bor maal akka ta’u hinbeeku. Bakka jirrus hangam akka turru hinbeeknu. Isa kana sirriitti adda baafannee jennaan akkaataa nuti itti yeroo ilaallu nijijjiirama.

Kanaaf, yeroo kanaan dura dabarsine irraa barachuun, bor attamitti akka itti fayyadamnu sirriitti karoorsuun isa har’aa irratti sirriitti xiyyeeffachuun murteessaadha. Akka Sheekispiir jedhu “Namni hundumtuu bulchaa yeroo isaatii ta’uu qaba”. Yeroo isaatti hojjechuu mala.

Egaa yeroo ajjeesuus ta’e oolchuu nidandeenya. Yeroo namaan saamamuus ta’e nama saamuu dandeenya. Namni kam iyyuu humna ittiin sochii yeroo dhaabuu danda’u hinqabu. Yeroonis eenyuun hineegu. Namni seeraan yeroo isaatti fayyadamu jireenya isaa irratti jijjiirama fida. Egeree isaa geeddara. Egaa isa kana itti yaaduun barbaachisaadha. Jireenya kasaaraa ooluuf hojjechuun, of jijjiiruun murteessaadha.

Walumaagalatti jijjiirama of irratti fiduuf akkaataa itti hojjennu jijjiiruu danda’uun barbaachisaadha. Waan hojjennu keessatti abdii utuu hinkutatiin nama waan jalqabe tokko itti fufee hojjetu ta’uu qabna. Waan eegallu nama itti fufsiisu; nama firii garii argamsiisu ta’uun gaariidha. Yoo akkas ta’e jireenya keenya keessatti yookaan waan yaadne tokko itti fufiinsaan hojjechuun akka jijjiirama fidnuuf nu gargaara. Waan tokko hojjechuuf murteeffannee yeroo kaanu jabaannee hojjechuu qabna.

Yeroo akkas ta’u jireenya keenya irratti dhiibbaa gaarii akka finnu, haala keessa turre keessaa ba’uun gara sadarkaa itti aanuutti akka ceenuuf nu gargaara. Haa ta’u iyyuu malee bakka boqonnaa nuuf kennu, bakka itti yaada keenya walitti funaannee yaaduu dandeenyu, lafa gooliin yookiin wacni hinjirre filachuun yaada keenya walitti qabnee bakka itti yaadnu dhaquun of ilaaluun, rakkoo qabnu adda baafachuun, taarsiimoo ittiin keessaa baanu irratti hojjechuun barbaachisaadha. Darbees of irratti jijjiirama fiduuf yeroo hojjennu haala mijataa waan nutti fakkaatu keessaa ba’uuf (leaving our comfort zone) qophaa’oo ta’uu qaba.

“Yeroon mallaqa. Yeroon jireenya. Yeroon bareedina.Yeroon umuriidha. Yeroon barsiisaadha. Yeroon waan hedduu fayyisa; sirreessas. Yeroon gorsaadha. Yeroon wanta gati jabeessa namni akkasumaan dabarsuudha…Yeroon hawaa keenya keessatti humna dhoksaa cimaa qabuudha.”

Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014

Recommended For You