Gootota tokkummaa biyyaafi nageenya ummataatiif aarsaa kanfalan faarsuufi jajuun darbees beekamtii kennuufiin gootonni baay’een boru akka uumaman kan taasisu barsiifata gaariidha. gootota baay’ee horachuuf fayyada.
Tibbuma kanallee mataduree, “Aarsaa duula kabachiisa seeraafi birmadummaaf kanfalame bilisummaafi tokkummaa Itoophiyaatiif” jedhuun Magaalaa Baahirdaaritti sirni kenniinsa beekamtiifi galataa adeemsifameera.
Akkuma Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) sirnicharratti ummanni Itoophiyaa marti oggaa biyyi se’atamtu tokkummaadhaan dhaabatee bilisummaasaatiif kufu seenaarraa barachuun ni danda’ama jechuun ibsan. Biyyattiin baruma dhufaa darbuttuu adda waraanaa qofatti otoo hintaane dameeleedhuma kamirrattuu gootota danuu horatteetti, horachaas jirti.
Bara amma keessa jiruttis gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf waan socho’eef lammiileen Itoophiyaa gootonni lubbuusaanii, lafeesaanii, humnaafi qabeenyasaanii aarsaa gochuun ykn gumaachuun biyya boonsaniiru.
Gootonni keenya kunneen wayita ajajni kaabaa garee shororkeessaa ABUT’n haleelamettiifi weerarri irratti raawwatametti yeroo dukkanaa sana keessatti aarsaa kanfalaniin tokkummaa biyyaatiif ifa ta’aniidha.
Har’a diinonni keenya sabaan, amantiidhaan, afaaniifi aadaadhaan walqoodaniiru jedhanii yaaduun weeraraafi haleellaa raawwachuuf yaadan mo’atamuu shororkeessichaarraa barachuu qabu.
Diinonni oggaa nageenyi biyyaafi ummata keenyaa boora’u gammadan lammiileen Itoophiyaa marti har’as akkuma kaleessaa tokkummaadhaan hiriiruun kabaja biyyasaanii akka eegsisan beekuu qabu.
Akkuma abbootiin keenya maqaa biyyaatiin walittiqabamuun biyya bilisa taate nutti kennan har’as, lammiileen naannolee adda addaarraa otoo sanyiidhaan, amantiifi ilaalcha siyaasaatiin adda hinbahiin diina Itoophiyaa tuquuf wixxirfatu hunkuteessuuf wajjummaan dhaabatu. Kanaafis diinonni lammiileen akeeka wajjummaatiif irree walta’een biyyasaaniif waardiyyaa kan dhaabatan ta’uu hubatanii qoccollaa kamuu dura irra deddeebi’anii ittiyaaduu qabu.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014