Marii biyyaalessaarraa abdii guddaatu eegama

 Maree biyyaalessaa Itoophiyaan gaggeessuuf jettu sirnaan milkoofnaan nageenya waaraawaafi badhaadhina itti fufiinsa qabu fiduuf Abdii guddaan akka jiru haayyonni kora qarannoo 6ffaa Yuunivarsiitii Mattuutti gaggeeffamerratti hirmaatan himan.

Biyyoota addunyaa kanarratti mootummaa jiddugaleessaa ijaarrachuun bulaa turaniifi murii dheeraa qaban keessaa Itoophiyaan tokko yoo taatu, dhimmoota biyyoolessaarratti garuu garaagarummaa jiru hir’isuu dadhabuusheetiin rakkinoota gara garaa keessummeessaa har’a ga’uu kora qorannoo yuunivarsiitichatti tibbana gaggeeffamerratti ifoomeera.

Doktar Ayyanawu Birhaanuu barsiisaa saayinsii Siyaasaa Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee yoo ta’an, kora qorannoo Yuunivarsiitii Mattuurratti qorannoo maree biyyaalessaafi ijaarsa nageenyaarratti xiyyeeffachuudhaan dhiyeessaniiru.

Akka qorannoosaaniitti, rakkinoonni waggoota dheeraaf biyya ijaaruu keessatti mudachaa turaniifi anjandaawwan biyyaalessaa tokkummaa biyyaa cimsanirratti waliigalteen jiraachuu dhabuun hudhaa damdaneessaa har’a biyya qoraa jiruuf ka’umsa ta’aniiru.

Rakkinoota kanneeniif maree biyyaalessaa gaggeessuun fala olaanaa ta’uu kan himan Doktar Ayyanawu, ejjennoo mootummaan qabate kana lammiileen Itoophiyaafi dhaabbileen gara garaa tumsuu akka qabanis himaniiru.

Biyyoonni gara garaa maree biyyaalessaa gaggeessuun rakkoo akka biyyaatti isaan mudate keessaa kanneen ba’an hedduun jiraachuu himuun, biyyi keenyas muuxannoo biyyoota adda addaa keessatti ciminaafi hanqina turerraa barachuun milkaa’ina caaluuf hojjechuu qabdi jedhan.

Yuunivarsiitii Mattuutti barsiisaan seeraa Jennenus Geetaachoos mariin biyyaalessaa Itoophiyaan gaggeessuuf jettu sirnaan milkoofnaan nageenya waaraawaafi badhaadhina ittifufiinsa qabu fiduuf abdii guddaan akka jiru himaniiru.

Mariin biyyaalessaa gaggeeffamuuf jedhu kun rakkinoota waliigaltee biyyaalessaa uuman hiikuuf fala ta’uu eeruun, paartiileen siyaasaa, haayyonniifi qaamoliin hawaasa ejjennoo tattaaffiin milkaa’ina marii biyyaalessaatiif taasifamaa jiru gama hundaan tumsuu malee boodatti deebisuun sirrii akka hintaanes ibsaniiru.

Akka Oromiyaattis paartiileen siyaasaa, hayyonniifi qaamoliin hawaasaa ajandaa marii biyyaalessaatiif qabame akka salphaatti osoo hinilaalin xiyyeeffannoo guddaa kennuun tokko ta’anii hojjechuu akka qaban hubachiifamuu eeruun Waajjirri Kominikeeshinii Mootummaa Godina Iluu Abbaa Boor gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014

Recommended For You