Carraa garee dubartoota Itoophiyaa tapha Naayijeeriyaatu murteessa

Finfinnee: Walmorkii Waancaa Kubbaa miilaa dubartoota addunyaa umrii 17 gadii ALA bara 2008 Niiwuzilaanditti jalqabame. Walmorkichi erga jalqabee waggoota 14 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti biyyoota adda addaatti yeroo ja’aaf adeemsifameera.

Ardiiwwan ja’arraa biyyoonni 16 walmorkicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, walmorkiin kun waggaa lama, lamaan kan adeemsifamu yoo ta’u, yeroo 7ffaaf ALA Onkololeessa 11-30 bara 2022 Hinditti adeemsifama. Walmorkiicharratti Afrikaa bakka bu’uun biyyoonni sadii kan hirmaatan ta’u.

Taphoota gulaalaa gareewwan biyyoota Afrikaa 48 gidduutti adeemsifamaa jiruun hedduun harca’anii biyyoonni torba qofti walmorkii keessatti hafaniiru. Biyyoota torban keessaa tokko kan taate Itoophiyaan, tapha maahessaa Naayijeeriyaa wajjin taasisuuf qophirraatti argamti.

Itoophiyaan walmorkii kanaaf kan dhihaatte Ugaandaa Kiigaalitti, 2-2n, tapha deebiitti ammoo 1-1 adda ba’uudhaan, Afrikaa Kibbaa Johaanis Bargitti 3-0n mo’attee, tapha deebii

Dilbata darbe Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti adeemsifameen ammoo 1-0n mo’amutus walumaagalatti 3-1n mo’achuudhaani.

Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa umrii 17 gadi Leenjisaa Indaalkaachoo Caakkaatiin leenji’aa jiru kanaan dura yeroo lamaaf Afrikaa bakka bu’uudhaan walmorkii waancaa kubbaa miilaa addunyaarratti hirmachuun muxannoo olaanaa kan qabu garee Afrikaa Kibbaa mo’achun isaa ga’umsa guddaa qabaachuusaa agarsiisa.

Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa umurii 17 gadii kun tapha ittaanu Afrikaarraa yeroo baay’ee tapha biyyoolessaarratti hirmaachuun kan beekamu garee Naayijeeriyaa waliin waan qabuuf tapha ittaanuuf darbuuf qophii cimaa taasisuu qaba. Taphi kun walakkeessa Caamsaa bara 2014 kan adeemsifamu ta’uu Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa “FIFA”ni beeksiseera.

Kilaboota kubbaa miilaa guddattoota biyyatii keessaa walitti qabamuudhaan hoteela galee leenji’aa kan jiru gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa kun qaamaanis ta’u samuudhaan qophaa’aa ta’uu leenjisaan garechaa himaniiru.

Garichi qophii barbaachisu taasisuudhaan garee Afrikaa Kibbaa mo’achuu danda’eera kan jedhan leenjisaan Indaalkaachoon, tapha garee Naayjeeriyaa waliin isaan eeggatus mo’achuudhaan waancaa kubbaa miilaa addunyaarratti hirmaachuuf qophii barbaachisu hunda kan taasisan ta’uu eeraniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014

Recommended For You