Uumaan gaafa nama uume badhaasa addaa tokko dhala namaaf kenne. Badhaasa dhala namaa qofa ilaallatu! Dachee kana Uumaa gaditti akka to’atuuf aangoo guutuu kenneef. To’achuu akka danda’uuf immoo sammuu yaadu kenneef. Uumama namaa wanti adda godhu sammuu isa hogganu qabaachuu isaati. Ofiisaa of hoggana! Akka joobiraa koochoo isaa diriirsee ilmaan isaaf eegumsa godhuutti qaamoota hundumaaf itti gaafatamummaa fudhatee hojjeta. Kennaa guddaadha!
Sammuun dhala namaa kun yaaduu, karoorsuu, xiinxaluufi murtee kennuu, to’achuu, tilmaamuu ni danda’a. Addunyaa callabboofi lafa onaa turte kana teknolojiin kan midhagse Fayyaa Sammuuti, Sammuun gaggeessaa qaama maraati!.
Sammuu namaa, bineensota biraa irraa qabiyyee addaa qabaatee qofa osoo hintaane hojii addaa waan hojjetuufi. Uumaan sammuu namaaf eeggannaa cimaan akka barbaachisu beekee lafee akka sibiilaan golgee qaamota hundumaa gararraa teessoo kenneef. Qaamota hundumaa akka hogganuuf dandeettii ajaa’ibsiisaafi itti gaafatamummaa guddaa kenneef. Kanaafidha yoo lukti bakka hallee deeme, harki yakka hojjete, ilkaan sobee seeqe, arrabni, garaaniifi onneen yoo dogoggoran, kan balleessaa isaaniif aarsaa kanfalu, kan of ceepha’u, kan itti gaafatamus sammuudha.
Qaamoleen biraa yoo dhukkubsatanis murtee isaa eeggatu. Yoo miidhamanis kan furmaata qopheessuuf sammuudha. Dirmammuu gogaaf sammuutu dhukkubsata. Fayyaa Sammuu Sammuun gaggeessaa qaama maraati! (Ahaa! Mataakoo na dhukkube!). Maaliif kutaa qaama keenyaa keessaa tokko yeroo jeeqamuufi miirri keenya dhiphatu kan mataan nu dhukkubuufi? Sagalee guddaa qofa dhagahuudhaan utuu gurra hindhukkubiin maaf sammuun si dhukkubaa? Irra caalaa mataan keenya kan dhukkubsatu yeroo qaamonni biroon nu dhukubaniidha. Sababni isaa sammuun keenya furmaata dhiyeessuudhaaf ofiin of hurkisiisa. Anniisaa hundaaf qopheessa.
Anniisaa ampuulii tokko ibsuu danda’u! Yoo qaamni dadhabe kan ajaja dabarsu sammuudha. Lukti yoo cabe akka hindeemne, yoo beelofte akka nyaattuuf, yoo kufte akka kaatuuf, yoo dadhabde akka boqottuuf, yoo dhukkubsatte akka yaalamtuuf ajaja dabarsa. Ajaja qofa miti furmaata dhiyeessee hojjetee furama fida; Fayyaa Sammuu Sammuun gaggeessaa qaama maraati!. Qaamonnikee biroo akka boqotan ni godha. Ofiisa garuu yeroo hunda hojjeta. Kan har’aa yoo dalage kan boruu karoorsa. Yeroo teessu ni yaada. Yeroo raftuus hojiisa hindhaabu. Sammuun yoo hojii dhaabe sombikee qilleensa hinharganu; Onneenkee dhahannaa isaa itti hinfufu.
Gogaa keenyatti yoo qorre kan diilallaa’u sammuu keenya. Moccorraa xiqqoof kan dhiphatu sammuudha. Gaaffii qaamota maraaf saffisaan deebii sirrii kenna. Fooddaa ijaatti fayyadamee ilaala. Dibbee gurraatti fayyadamee dhagaha. Qaamni yoo dhukkubsate sammuun ni iyyataaf; sammuun yoo miidhaame ofiin ofiif iyya. Yoo ofiif iyyuu dadhabe garuu qaamni isaaf birmatu hinjiru. Sammuun maddaafi kuusa yaada waamaraati; Sammuu Sammuun gaggeessaa qaama maraati!.
Namoonni sammuun miidhaman warra qaaman dhukkubsatan caalaa miidhamoodha. Nama ta’uukeef ragaan jiru sammuukee qofa. Qaamni namaa hundumtuu cimdii cimdiidhaan uumaman. Sammuun garuu uumama qeenxee gahumsa hunda caaluu qabudha. Haa ta’u malee lukti kee lamaan yoo cite namtolchee hojjetattee jiraachuu dandeessa. Harkis akkasuma. Onneen kee, sombi kee ykn qaamonni kee biraa yoo miidhaman jijjiirraa gochuu ni dandeessa. Kaleen, agartuun (ijji)fi gurri kee tokko yoo hojii dhaabee lama waan qabduuf tokkoon jiraachuu ni dandeessa. Sammuun kee yoo miidhame garuu jijjiirraa biraa argachuu hindandeessu.
Kutaa qaamaakee kamiifiyyuu jijjiirraa gochuu ni dandeessa. sammuukeef osoo jijjiirraa gootee garuu maaltu ta’a jettee yaadda? eenyummaakee jijjiirteetu akka haaraatti uumamtamoo? waan kanaan dura beektu akka haaraatti deebitee barattaa? hogganaa jijjiirraa hinqabneedha. Kanaaf yoo sammuun kee miidhame faana miidhamta. Sammuu keef eeggannaa gochuun mirgaa kee osoo hintaane dirqama keeti. Dhukkubsataa ykn fayyaa, du’aa ykn jiraataa ta’uunkee kan beekamu yoo sammuunkee fayyaa ta’e qofaadha. Sammuunkee fayyaa taanaan qaamakee kamiifiyyuu jijjiirraa godhachuu dandeessa. Kanaaf akkuma qaamoota keenya biroof eeggannaa goonu sammuu jijjiirraa hinqabneef dursa haa kenninu. Fayyaa sammuu keenyaaf dursa haa kenninu
Maraachuun hanga qullaa buusanittii?
Dhibee sammuurratti hawaasni keenya amantii, aadaafi duudhaa isaarratti hundaa’uudhaan yaada garaagaraa dhiyeessa. Maal kana qofa namoonni muraasni immoo dhibeen sammuu abaarsa Rabbiiti yookiin dhahicha seexanaati jedhanii amanu. Dhibee sammuu wayita jedhamu huccuu ofirraa gatanii qullaa daandii irra fiiguu qofaa kan itti fakkaatu ni jiraam! Namoota qullaa buusanii daandii irra jiraatan kanaaf iyyuu namoonni gaaffii waliif dhiyeessan ni jiru. Fakkeenyaaf namni dhibee sammuu qabu tokko daandii irratti lubbuu isaa oolfachuuf konkolaataa jalaa yoo baqate, namni kun “Sobee maraate malee utuu maraateera ta’ee jalaa hin dheessu ture”, jedhuun. Namoota gariidhaan immoo yoo doorsifamee sodaatee “Elaa, lubbuu isaa beekaam!” jedhuun itti ga’isuun kanuma jirtu.
Qullaa buusuun maraachuu utuu hintaanee mallattoo dhukkuba sammuu keessaa isa tokkodha. Yeroo baay’ee namoota yeroo dheeraaf dhukkubsataniifi battala qalbiin isaanii dabarte irratti mul’achuu danda’a. Namoonni fayyaa ta’anii wayita akka malee aaran (danfan) uffata ofii isaanii ofirratti ciranii nyaatan, yookiin qullaa of buusanis jiraachuu malu. Yaadni biraan callisanii boo’uun mallattoo dhibee sammuu keessaa isa tokko. Haa ta’u malee namni yeroo haadha isaa duuteef yoo boo’uu baatees rakkoo miiraa qaba jechuudha. Sababiin isaa namni yoo xiqqaate haadha irraa dhalateef gadduu qaba waan ta’eef. Karaa biraa imimmaan miiraa (emotional tear) miira qabbaneessuu keessatti gahee guddaa qaba.
Haa ta’u malee qorannooleen garaagaraa akka ibsanitti, dhibee sammuu jechuun namni tokko dandeettii waan tokko hubatee raawwachuu, fedhii yookiin amala isaa duraa irratti jijjiiramni haaraan ifa ta’e yoo jiraatedha. Kana jechuun miiraafi dandeettii kanaan dura qabu yoo dhabe yookiin yoo gad bu’e jechuudha. Jijjiiramni kunis hojii guyyaa guyyaa, jireenya hawaasummaafi walitti dhufeenya namoota wajjiin qabnu irratti hubama fiduu danda’uu qaba yoo ta’e sammuun miidhamaa jiraachuu agarsiisa.
Namni tokko dhukkuba sammuu qaba jechuuf waan huccuu ofirraa baaseef qofa osoo hintaane ulaagaafi mallattoolee agarsiiftuu dhukkuba murtaa’ee guutuu akka qabutti hubachuutu nurra jira. Fakkeenyaaf giinga’uu, sireerratti fincaa’uun, araadaan qabamuu, miiraa saalqunnamtii dhabuufi humnaa ol qabaachuun, waanuma salphaaf dhiphachuuniifi wantoota biroo akka hawaasa keessatti akka fayyummaatti ilaalaman garuu mallattoo dhukkuba sammuu ta’an kaasuun ni danda’ama. Kanaaf namoonni keenya ykn maatiin keenya yeroo jijjiiramni amalaafi of to’achuu dadhabuu kana malees rakkoo sammuu isaan mudatu gara ogeessa yaala sammuutti fudhachuun ogeessa mariisisuun barbaachisaadha. Hanga qullaa buusanitti eeguun gaarummaa hinqabu.
Namni hundiyyuu yoo yeroon yaalame fayyuu ni danda’a. kanaaf hundaaf hubannaa uumuun fayyaalessummaa dhuunfaa keenyaati. Kana qofaa osoo hintaane namoonni dhibee sammuu qaban akka nama miidhaniifi hamoo ta’aniitti yaaduun ni jira. Garuu kan miidhaa geessisan namoota dhibee sammuu qaban muraasa qofa. Namoonni dhukkuba sammuu qaban dhukkubsachuu isaanii waan ofirratti hinbeekneef gargaarsa namoomaa hunda keenyarraa barbaadu. Kanaaaf ofitti qabnee kunuunsa gochuufin gaarummaa guddaadha. Maarree har’aa kaasee dhibee sammuu irratti callisuufi namoota dhibee sammuu qaban baqachuun haa dhaabbatu!
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Ebla 29 Bara 2014