Qophii sagantaa ashaaraa magariisaa alanaatiif taasifamu

Karoorri sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa milkaa’inaan akka raawwatamuuf qophiin taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’uu Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eliyaas Kadir ibsan.

Bu’uura jireenya uumama hundaa kan ta’e qabeenya uumamaa misoomsuufi kunuunsuurratti bona hojii fiizikaalaafi kunuusa biqiltuurratti, ganna immoo hojii baayiloojikaalaarratti hojii boonsaan hirmaannaa hawaasatiin hojjetamuun jijjiiramni qabatamaan argamaa dhufeera.

Baranas, qophii ashaaraa magariisaa ganna dhufu gaggeeffamuuf qophii sanyii biqiltuu bosonaa kuntaala 8,697.7 dhiheessuuf karoorfamee kuntaalli 9,899.41 (%113) dhiyaateera. Godinaaleen baayyeen sanyii bosonaa dhiheessuuratti karooraa ol kan raawwatan yoo ta’u, Godinni Gujii Lixaafi Booranaa raawwiin isaanii %85 gadi irra waan jiruuf yeroo hafe keessatti karoora qabatan xumuruu akka qaban kallattiin kaa’ameera.

Bara kana akka Oromiyaatti biqiltuu Bosonaa biiliyoona 4.828 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 4.3482 (%90) qophaa’uu Obbo Eliyaas himaniiru. Godinaaleen Qophii Biqiltuu Bosonaatiin raawwiin isaanii %85 gadirra jiru: Baalee Bahaa, Gujii Lixaafi Boorana yoo ta’u, isaanillee haala mijaawaa rooba Arfaasaa kanatti gargaaramuun karoora qabatan guutummaatti akka raawwatan ibsaniiru.

Dabalataanis, bakka dhaabbii biqiltuu (GPSfi GPS malee) adda baasuuf hojii hojjetamaa jiruun GPSn lafa hektaara 327,430.81 adda baasuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri 100,274.53 (%61), GPSn (Saayitii ykn lakkoofsaan) immoo lafa hektaara 8689 adda baasuuf karoorfame keessaa hektaarri 4325 (%50) adda bahuunis ibsameera. Godinaalee Lafa dhaabbii biqiltuu GPS hektaaraan adda baasuu %50fi isaa olirra jiran. Godina Harargee Bahaa, Jimmaa, Baalee Bahaa, Shawaa Bahaa, GOANF, Booranaa, Harargee Lixaafi Baalee yoo ta’an, godinni lafa dhaabbii biqiltuu adda baasuu hineegaliin immoo Gujii Lixaati.

Lafa dhaabbii biqiltuu GPS malee hektaara 982,292.43 adda baasuuf karoorfame keessaa hektaarri 326,688.46 (%33.26) adda kan baheefi lafa dhaabbii biqiltuu GPS malee adda baasuu (Saayitii ykn lakkoofsaan) hektaarri 27,435 (%45.3) adda baheera.

Godinaalee lafa dhaabbii biqiltuu GPS malee hektaaraan adda baasuu %50fi isaa oli raawwatan: Harargee Bahaa, Jimma, Baalee, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Booranaa yoo ta’an, Godinni Gujii Lixaa Lafa dhaabbii biqiltuu adda baasuu akka hineegalles ibsameera.

Barana akka Oromiyaatti biqiltuu akaakuu adda addaa biiliyoona 4.2 dhaabuuf karoorfameef boolla biqiltuu qopheessuun kan jalqabame yoo ta’u, hanga ammaatti boolli biqiltuu miiliyoonni 411.87 (%9.3) fi lafti heektaarri 121,462 qophaa’uu Obbo Eliyaas ibsuun, godina Baaleefi Booranaatti dhaabbiin biqiltuu jalqabamuufi hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 37.94 lafa hektaara 13,081.55 irratti kan dhaabbate yoo ta’u, biqiltuun nyaata horiif tajaajilan dafanii dhaabbachuu akka qabanis kallattii kaa’uusaanii odeeffannoon fuula FB biirichaarraa arganne ni eera.

BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014

Recommended For You