Haala jiruufi jireenya keenyaa fayyummaa qaama keenyaatiif filatamoo ta’an

Jireenya guyyaa guyyaan dabarsinu keessatti wantootaa dhimma fayyaa waliin wal hinqabanne kan biroo yoo hojjennu karaalee hedduudhaan fayyaa ofii keenyaa miidhuu dandeenya. Kunis Fayyaan nama tokkoo kan miidhamu tarii waan fayyaa keenyaaf barbaachisan gochuu dhiisuudhaan yookaan ammoo waan fayyaa keenya balaarra buusan osoo beeknuus ta’e osoo hinbeekin taasisuudhaan ta’uu mala.

Kanaaf ammoo haala jiruufi jireenya keenya ittiin adeemsifannu kanneen fayyaa qaama keenyaatiif baayyee barbaachisoo ta’an beekuu dhabuu keenyaan, miidhama caaluuf irbaata akka of hingooneef, tooftaa yookaan ammoo haala akkamiitiin jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti fayyaa keenya eeggachuu akka qabnu beekuutu nurra jira.

Haala jiruufi jireenyaa ykn ooltoo bultoo keenya keessatti tooftaan fayyaa keenya ittiin eeggannu baay’ee diddiriirsuu dandeenya. Isaan keessaa inni duraa wantoota fayyaa keenyarraan balaa qaqqabsiisanirraa of eeggachuudha. Jiruufi jireenya fayyummaa qabu (healthy life style) jiraachuuf wantoota guguddoo gochuu qabnuufi haala jireenya keenyaa kanneen fayyummaa keenyaaf jecha jijjiiruu qabnu tokko tokko akka armaan gadiitti kaasnee kan ilaallu ta’a.

1. Sochii qaamaa

Sochiin qaamaa fayyummaa dhala namaatiif hedduu barbaachisaa akka ta’e namni hedduun ni beeka. Haa ta’u garuu sochii qaamaa waanumti jedhamu kun yeroo tokko tokko mana meeshaalee ittiin sochiin qaamaa ykn ispoortiin adda addaa hojjetamu ykn dirree atileetiksii deemanii shaakala taasisuu fakkaatee namatti mul’achuu mala. Haa ta’u malee sochiin qaamaa kan fayyummaa namaatiif barbaachisu, hangas cimaafi meeshaalee ispoortii garaagaraa fayyadamuu kan barbaadu miti.

Namni tokko torbanitti guyya shan guyyaa shananuu ammoo daqiiqaa soddoma sochii qaamaa yoo hojjete ykn ammoo torbanitti gara daqiiqaa 150 sochii qaamaa yoo taasise fayyaa isaaf eegumsa barbaachisu argachuu mala. Sochiin qaamaa nuti taasisnu ammoo kan naannoo keenyatti salphaatti hojjachuu dandeenyu ta’uu mala. Fakkeenyaaf kanneen akka wadaroon utaaluu, fiigicha sussukuu, daddafanii deemuufi kkf ta’uu mala. Namoonni dhukkuba biroo keessumaa dhukkuba onnee qaban ammoo gosaafi cimina ispoortii hojjatanii baruudhaaf hakiima isaan yaalu haasofsiisuu qabu.

Haala armaan olitti eerame fayyadamuudhaan sochiin qaamaa taasisnu dhibeewwan akka, dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaafi dhukkuboota dhiibbaa dhiigaa waliin walqabatanii dhufan, sammuu keessatti dhiiguu ykn sammuu keessatti dhiigni itituu (stroke) fi kkf hedduu carraa nama qabachuusaanii hedduu gadi buusa.

Keessumaa namoonni haalli hojiisaanii guyyaa keessatti yeroo dheeraadhaaf akka taa’aniif isaan dirqisiisu warreen akka konkolaachiftootaafi hojjetoota biiroolee garaagaraa haalli hojii isaanii sochii qaamaa waan isaan hinhojjachiifneef, sagantaa baafatanii xiyyeeffannoo addaatiin sochii qaamaa taasisuu danda’uu qabu.

2. Haala sirna nyaataa/soorannaa

Guyyaa guyyaatti anniisaan keessa keenyatti gubatee akka lubbuun jiraannu nu taasisu nyaata nuti nyaatnu irraa argama. Akkasumas namni tokko qaamni isaa yeroo yerootti ijaaramee diigamaafi of jijjiiraa akka deemuuf sooratni hedduu murteessaadha. Seelonni haaraan qaamni keenya ittiin of ijaaru kun nyaata nuti argannu irraa argamu. Anniisaafi ijaarsa qaamaa qofa osoo hintaane mineraalonniifi vitaaminoonni qaamni keenya jiraachuuf barbaadu hedduun isaanii soorata nuti fudhannu keessaa argamu.

Kanaaf sirna soorannaa keenya keessatti nyaatota wantoota fayyummaa qaama keenyaaf barbaachisan of keessaa qabu soorachuun fayyaalessa nama taasisa jechuudha. Barbaachisummaa soorannaa akka olitti ibsame kanaan yoo hubannu, anniisaa, viitaaminoota, ijaarsa qaamaafi kkf akaakuu nyaataa tokko qofarraa argachuu akka hindandeenyes beekuun barbaachisaadha.

Fakkeenyaaf raafuu magariisni qabiyyee viitaamin A’dhaan badhaadhaadha. Muuzni ammoo kan elementii pootaasiyeemii hedduu of keessaa qabu yoo ta’u, midhaan akka baaqelaafi ataraa ammoo kan pirootinii ijaarsaaf oolaniin badhaadhaniidha. Kanaaf nyaata madaalamaa yoo jennu nyaata akaakuudhaan hedduu garagaraa soorachuu jechuudha. Nyaata akka coomaafi cooma hedduu of keessaa qaban irra deddeebi’uun yeroo mara soorachuun ammoo inumaa rakkoo dhukkuba onnee, kan istirookii, dhiibbaa dhiigaafi kkf nama saaxiluu mala.

Dabalataan wanti adda ba’ee beekamuu qabu namoonni dhukkuboota adda addaa qaban nyaanni isaaniif ta’u ykn soorachuu qaban akkuma addaa addummaa qabu dhukkuba isaaniitti addaa addadha. Fakkeenyaaf namni dhukkuba sukkaaraa qabu waan mi’aawaa soorachuu kan hinqabne yoo ta’u kanneen dhukkuba onnee, kaleefi dhiibbaa dhiigaa qaban ammoo ashaboo kan namoota kaanii irra hedduu xiqqeessanii soorachuu qabu. Kanneen biroo ammoo nyaata gosa tokko qaamni isaanii kan hin bulleessine ta’uu mala ta’a. Kanaaf gosa nyaataa bulleessuu hindandeenye sana dhiisuudhaan deemanii ogeessa mariisisuun dirqama. Kanaaf namoonni dhukkuboota akkasii qaban dursanii hakiima isaanii haasofsiisuu qabu.

Namni nyaata madaalamaa (balanced diet) nyaachuu jibbu akka hinjirre beekamaadha. Haa ta’u malee haalli jireenyaa, qabeenyaafi argamni nyaataa naannoo keenya jiruu nyaata madaalamaa akka nyaannuuf nuu hayyamuu dhiisuu mala. Fakkeenya fudhachuudhaaf, manneen nyaataa (hoteelota) biyya keenya keessa jiran keessati kan qophaa’ee hawaasaaf dhiyaatu baay’inaan nyaata foon irraa hojjatameedha. Carraan nyaata akka kuduraafi muduraa argachuu daran gadi bu’aadha. Kanaaf akka qaama furmaataatti aadaan akaakuu nyaataa foonii qofa mana nyaataa ykn hootela keessatti qopheessanii gabaaf dhiyeessuu fooyya’uu qaba.

Walumaa galatti nyaata ga’eessi tokko guyyaatti nyaatu keessaa qabiyyeen isaa yoo danda’ame:

  • Dhibbantaa 45 hanga 65 kaarboohaayidireetii
  • Dhibbantaa 10 hanga 35 pirootiinii
  • Dhibbantaa 20 hanga 35 cooma ta’uu akka qabu saayinsiin fayyaa lafa kaa’a.

3. Qulqullina

Dhimmoota fayyummaa waliin wal qabatan keessaa inni tokko qulqullina. Waa’ee qulqullinaa yeroo haasofnu, waan baay’ee fayyaa waliin walqaban hedduu lakkaa’uun ni danda’ama. Qulqullinni kan dhuunfaa keenyaas ta’e kan naannoo keenyaa eegamuu dhabuun fayyaa nama dhuunfaafi kan hawaasaa rakkoo guddaa irra buusuu danda’a.

Kanas kan taasisu ka’umsaafi daddarbuu dhukkubootaa keessumaa infeekshinoota garaagaraaf sababa ta’uudhaani. Maloonniifi haalonni ittiin qulqullina (hygiene) eeggannu hedduu kan ta’aniifi hedduusaaniis hawaasnis kan beeku yoo ta’u, kan baay’ee barbaachisaa ta’e tokko qofa kaasuudhaan isbuun yaala.

Dhukkuboota infeekshinii (infection) hedduu irraa kan nu baraaru harka dhiqachuudha. Harka dhiqachuun keessumaa biyyoota guddataa jiran akka biyya keenyaa kana keessatti hedduu barbaachisaadha. Harka dhiqachuu yoo jennu “Saamunaafi Bishaaniin dhiqachuu” jechuudha. Harka keenya yoo mana fincaanii deemnee deebinu, yoo nama dhukkubsate kunuunsinee ykn gaafannee deebinu, osoo nyaata hinqopheessin dura (yoo qopheessuuf jennu), yoo nyaannuufi haalota kana fakkaatan keessatti sirriitti dhiqachuu qabna. Ogeessonni fayyaa ammoo harka keenya kan dhiqachuu qabnu akka dhaabbanni fayyaa addunyaafi dhaabbanni ittisa dhukkubootaa ameerikaa jedhanitti yoo xiqqaate haalota armaan gadii kana shanan keessatti:

  • Osoo dhukkubsataa harkaan hintuqin (Before touching a patient)
  • Osoo yaala qaama dhukkubsataa infekshiniif saaxilu hintaasisin dura (Before clean/aseptic procedures)
  • Yoo dhangala’aan qaama dhukkubsataa kamiyyuu nutti bu’e (After body fluid exposure/risk)
  • Erga dhukkubsataa tokko tuqnee booda (After touching a patient)
  • Erga naannoo dhukkubsataa wantoota jiran akka afataa tuqnee booda (After touching patient surroundings). Haala kanaan hawaasni infekshiniin akka hin qabamnee fi akka hin daddabarsine ittisuu danda’a.

Walumaagalatti sochii qaamaa taasisuun, nyaata madaalawaafi qabiyyeen nama hubu itti hinbaay’anne soorachuun dhukkuboota daddarboo hintaane (non communicable disease) kanneen akka: dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba kalee, istirookiifi kkf kan nurraa ittisu yoo ta’u, qulqullina (hygiene) eeggachuun ammoo dhukkuboota daddarboo (communicable disease) kan nurraa dhorkuuf nu gargaarudha. Kana malees kanneen biroo hedduun kan jiraniifi fayyaa keenyaaf gumaacha guddaa kan qabu ofuma keenya ta’uu beekuun barbaachisaadha.

Fayyaa hindhabinaa!

 Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014

Recommended For You