Namni maqaansaa A.G. Gordon jedhamu mucaa xiqqoo simbirroo hedduu guubootti baatee deemu tokko argee haasaa mucicha wajjin taasise yoomiyyuu kan dagatamu miti. Mucaan simbira walitti qabee deemu kun attamitti akka simbiirroota kanneen qabate gaafatamee naannawa simbirroonni jiran dhaqee kiyyoo kaa’eefii yeroo isaan qabaman tokko tokkoon keessaa fuudhee guubootti akka walitti qabate itti hime. Gordonis ajaa’ibsiifatee tarii mucaan kun simbirroota kanneen maal akka goodhu yeroo gaafatu dabaree dabareen akka itti taphatee dhumarratti adurree dulloomaa manaa qabaniif laatu itti hime.
Gordonis daran gadde. Simbirroota kanneen irraa bitee fudhachuu barbaade. Mucichis simbirroota sana itti taphachuu, dhumarratti ammoo tokko tokkoon adurreesaa akka nyaachisuu barbaadu ibseef. Darbees simbirrootnisaa kunniin faarfachuu kan hindandeenye, yeroo dheeraaf hidhamanii kan jiran akka ta’an itti hime. Inni garuu cimsee bitachuu barbaade. Doolara hedduu akka kanfaluufis ibseef.
Mucichis gatii cimaa ergan argadhee jedhee itti gurgurate. Gordonis simbirroota kanneen naannawa manasaa geessee samii keessatti gadi dhiise. Simbirrootni kunniinis qabaa keessaa ba’an. Ittiin taphatamuu oolan. Dhumarratti bineensa jalaa ba’an. Kanaaf Gordon simbirroota bitee samii keessa gadidhiise kana dhaabatee yeroo ilaalu qabaa keessaa ba’anii samii keessa sagalee babbareedaa dhageessisaa oliifi gadi balali’uu eegalan. Namichi simbirroota kana bitee gadidhiise ilaalee tarii utuu faarfannaan isaanii nidhagaa’ama ta’ee simbirrootni kun “Gatiin koo kanfalameera; du’a jalaa ooleera…” jedhanii faarfataa balali’u jedhe.
Namni amantaa qabaates qabaachuu baates biyya lafaa kana keessatti ba’aa laphee isaa keessatti baatee deemu qaba. Ba’aan kun ba’aa dhiphinaa, ba’aa yaaddoo, ba’aa sodaa, gaabbiifi kkf., ta’uu danda’a. Isaan kun biyya tokko qofatti kan daangeffaman utuu hinta’in biyyoota hundumaa keessatti walfakkaatu. Dhalli namaas isaan kana jalaa miliquuf yaalii hedduu taasisa.
Jijjiirama hawaasaa, falaasama garaa garaa, baalota sammuu adoochan, kaanis ani cubbuun hojjedhe homaa hinqabu jechuun haaluun, kaan ammoo bashannaanaafi kkf fayyadamuun boqonnaa argachuu yaalu. Kaanis falaasama garaa garaa jalaa miliquuf yaalu. Haa ta’u iyyuu malee isaan kun furmaata utuu ta’anii hinagarru.
Rakkoon dhala namaas itti caalaa, itti fufaa deema. Wantoonni furmaata fakkaatan hundi furmaata fannoon Kiristoos ilmaan namootaaf fide kennuu hindandaa’an. Tarii rakkoolee jiran yaaluuf gargaaruu danda’u. Hundee cubbuu garuu gogsuu kan danda’u humna fannooti. Addumaan torbee kana waa’ee fannoo ilaalchisee waan hedduu dhageenyeerra ta’a. Haa ta’uyyuu malee fannoorraa wantoota hedduu baranna. Isaan keessaa muraasa haa ilaallu.
Fannoon mallattoo araaraati. Wantoonni ilmaan namaa hiran (addaa adda baasan) kanneen walitti fidan caalaa bara itti mul’atu keessa jirra. Bara keenya keesssa dinagdeen, amantaan, aadaan, siyaasaan, qomoon, naannawaan, afaaniin, jireenya hawaasummaatiin namootni hiramoodha. Yeroo akkasii keessatti abdiin jiraa? Wanti namoota walitti fiduu danda’u jiraa? jennee gaafachuu dandeenya.
Fannoon Kiristoos namaafi nama gidduutti akkasumas Waaqaafi nama gidduutti taatee araara buuseedha. Walitti dhufeenyi namoonni waliisaanii wajjin qaban kan furu akka ta’e agarra. Yihudotaafi namoota Yihudii hintaane gidduutti walqooduutu ture. Qomoo filatamaafi warri kaan ammoo akka qomoo gadiitti ilaalamaa turan. Fannoon namoota kanneen walitti fide. Namoota of tuulummaan akka qomoo addaatti of ilaalan warra Yihudotaafi namoota biroo Yihudii hintaane akka namaa gadiitti ilaalaa turan gidduu diinummaa jiru diige.
Fannoon da’oo namoota gidduutti ijaaramee ture diige. Har’as ayyaana fannoos ta’e du’aa ka’uu yeroo ayyaaneeffannu isa kana yaaduun barbaachisaadha. Araara yaaduun murteessaadha. Wantoota adda nama baasu caalaa wantoota walitti nama butanirratti xiyyeeffachuun gaariidha.
Fannoon ergaansaa araara. Araara namaafi nama gidduutti buuse. Da’oo ilmaan namootaa gidduu jiru diige. Araara gochuu dadhabuun da’oo sana deebisanii ijaaruudha. Haa ta’u malee namoonni hedduun biyya lafaa kanarratti maqaa gaarii gonfatanii darban yeroo ilaallu namoota araara namaaf godhaniidha. Tarii waa’ee Nelson Maandeellaa niyaadanna ta’a. Bara 1962 umrii dargaggummaasaatti nama daran aaruufi loltoota paartii ‘ANC’ nama kurfeesse akka ta’e namoonni nidubbatu.
Haa ta’u iyyuu malee waggoottan digdamii torba mana amala sirreessaa keessa turee erga ba’ee booda wanta biyya lafaa kana ajaa’ibsiise guddaa dubbate. Innis araaraafi dhiifama ture. Ijaa ba’uu irraa of qoqqobbachuu ture. Yeroo fannoo yaadannu sagalee namoota gargar baasu, sagalee tokkummaa hawaasaa diigu irraa of qoqqobbachuun murteessaadha. Carraan jalqabaa araara. Carraan guddaan dhiifama. Mareedhaan rakkoo nama mudate hiikuudha. Hundee diigumsaa gogsuudha. Sagalee jeequmsaa dadhabsiisuudha.
Fannoon mallattoo dhiifamaati. Akka aadaa namoota bara duriitti namni tokko yoo dhiifama cubbuu barbaade hoolaa aarsaa ta’u fidee cubbuu isaa himachuun hoolaa sana qala. Dhiiga hoolaa sanaa irraa kan ka’e dhiifama cubbuu argata. Bakka dhiiga beeyiladaa Yesuus Kiristoos fannoorratti ba’uun akka ilmaan namootaa dhiifama argatan taasise.
Yeroo Fannoo yaannu wanti guddaan nuti dagachuu hinqabne dhiifama; namoota numiidhan yookaan nugaddisiisaniif dhiifama gochuudha. Fannoon ergaan isaa dhiifama erga ta’ee nutis dhiifama gochuun filannoo miti. Dirqama keenya. Sababiin isaa dhiifamaafi fannoon addaan hinba’an. Dhiifamni karoora Waaqayyoo keessa akka jiru fannoon mallattoo cimaadha.
Haa ta’u malee dhiifamni seeraa altummaa kan babal’isu jechuu miti. Seeras cabsuu jechuu miti. Dhiifama gochuun nama itti aarre, itti gaddine, yaada keenya keessattillee nama waa’ee isaaf hadhaa’ina cimaa qabnu tokko dhiisuufii jechuudha. Namoota numiidhan bifa addaan ilaaluu danda’uudha. Tarii aadaan keessatti guddanne yoo nama numiidhe akka miidhuun deebisnu kan nutaasisu ta’e isa kana dhiisuu danda’uudha. Dhiifamni carraa haaraa namaaf kennuun akka isaan jalqabbii haaraa eegalan gochuudha.
Dhiifama gochuu jechuun namoonni numiidhan dhiifama argachuu sababa qabaniif utuu hinta’in nuti jireenya keessa jirru keessaa ba’uu sababa qabnuuf dhiifama namaaf goona. Tarii namni numiidhe tokko dhiifama argachuu hinqabu jennee yaaduu dandeenya. Inni kun gama tokkoon sirriidha. Waa’ee fannoos yeroo yaadnu wanti guddaan dagatamuu hinqabne namoota dhiifama argachuu hinqabnetu dhiifama argate. Dhiifama gochuun mallattoo dadhabinaa utuu hinta’in mallattoo jabinaati. Dhiifamni daandii nagaati.
Biyyis ta’e maatiin walii dhiisuu beekan nagaatti jiraatu. Egaa yeroo ayyaana kana ayyaaneffannu namoota numiidhaniif dhiifama gochuun ergaa fannooti. Namoonni sun dhiifama argachuu sababa qabaniif utuu hinta’in nuti sababa nagaa argachuu qabnuuf garaa dhiifamaa haa qabaannu. Waliifis haa dhiifnu. Fannoo irraa isa kana baranna.
Fannoon mallattoo cubbuuttii hiikamuuti. Fannoon bakka itti gatiin cubbuu ilmaan namootaaf kanfalameedha. Hanguma uumaasaaniirraa fagaataa deeman qooda gaarii hamaa, qooda nagaa jeequmsa, qooda eebbaa abaarsa ta’an. Namoota meeshaa jal’inaafi hamminaa ta’an kana humni fannoo keessaa baase. Gatii cubbuu kanfaluun du’a jalaa gara jireenyaatti ceessise. Inni kun nuufis barnoota. Namoota gatii baasisuu qofa utuu hinta’in namootaaf jecha akka gatii baafnu nubarsiisa.
Akkuma Yesuus Kiristoos aarsaa ta’uun ilmaan namootaa oolche, nutis aarsaa kanfaluu qabnu akka jiru nubarsiisa. Yeroo keenya, qabeenya keenya, jireenya keenya…waan hedduu maqaa dha’uu dandeenya. Fannoon nama aarsaa ta’uufii hinqabneef aarsaa ta’uu agarsiisa. Isa kana adda baasuun itti yaaduun barbaachisaadha.
Fannoon madda boqonnaati. Ba’aan cubbuu ilmaan namootaa irra ture fannoorratti cinqaarfame. Kanaaf fannoon bakka itti ba’aan bara dheeraa ilmaan namootaa irraa ka’e faallaa hamaa gaariin, faallaa jeequmsaa nagaan itti ta’eedha. Kana simachuus ta’e simachuu dhiisuun bu’aansaa isa har’a biyya lafaa keessaa agarru fideera.
Dhalli namaa boqonnaa kan hinqabne ta’e. Har’a Ameerikaa keessatti namoonni miiliyoonni sagal ta’an kan ijjisaanii walitti dhufu, hirriiba rafan qorichaan akka ta’e meeqa keenyatu beeka? Darbees namoonni Ameerikaa qofa keessa jiraatan yoo xiqqaate namoonni miiliyoonni 50-70 hirriiba akka hinqabne beeknaa laata? Boqonnaan qabeenyaan, beekumsaan hindhufu. Kanaaf, fannoon mallattoo boqonnaati; bakka itti ba’aa cubbuutti hiikamaniidha. Ba’aan cubbuu kan boqonnaa namaaf hinlaanne ba’aa hamaadha, Xaxaa kana nama irraa ciree dhalli namaa akka birmadummaatti jiraatuuf Yesuus fannoo irratti ol ba’e. Nutis har’a dhalootaaf, hiriyootaafi, olloota keenyaaf madda boqonnaa ta’uu qabna. Hiikkaan fannoos isa kana.
“Fannoon mallattoo araaraa, dhiifamaa, boqonnaa, jaalalaa, dhugaa, walqixxummaa, gadi of deebisuu, garalafinaa, qulqullinaafi nagaati. Fannoon yeroo itti gaariin hamaa mo’ate; ifni dukkana injifate, jallinni mo’ame. Jibbi jaalalaan, jeequmsi nagaan, du’i jireenyaan injifatamaniidha. Isa kana meeqa keenyatu hubate? Meeqa keenyaaf gale? Ittiyaaduun murteessaadha”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014