Utaalloofi dhibee asmii

Utaalloon kan nu qabu qaamni sirna hargansuu keenyaa qoonqoo olitti argaman yoo rifatan ykn infeekshinii nu qabe kan dhufuudha. Qaamonni hargansuu keenyaa kanneen qoonqoo olitti argaman funyaan keenya dabalatee sababoota garagaraarraa kan ka’e infeekshiniif ni saaxilamu. Utaalloon heddumminaan daa’imman kan mudatu yoo ta’u, ga’eessotas baay’inaan ni qaba.

Baay’inaan waantonni utaalloo namatti fidan jarmiiwwan vaayirasii yoo tahan baakteriyaanillee utaalloo namatti fiduu danda’a. Vaayirasiiwwan dhibee utaalloof nu saaxilan baay’ee yoo ta’anis baay’inaan dhibee utaalloof kan nu saaxilu vaayirasii Riinoovaayiras jedhamudha. Vaayirasiin kun uumamaan bakka diilallaa’aa waan jaalatuuf kutaa qaama keenyaa keessaa funyaan jalatti maxxanee jiraata. Vaayirasichi namarraa namatti kan daddarbu karaa hargansuun ykn tuttuqqiitiini. Vaayirasiin kunis waytii diilallaa’aa eeggatee waan namatti ka’uuf yeroo baay’ee tibba kana filachuun namoota hedduu qaba.

Mallattoowwan utaalloo maal fa’i?

  • Dhangala’aan funyaan keessaa dhangala’uu
  • Dhukkubbii mataa
  • Qufaa goggogaa
  • Funyaan nama cuqqaalamuu
  • Dhukkubbii qoonqoo
  • Nama haxxifachiisuufi kkfdha

Yeroo dhibeen utaalloo nu qabu maal gochuu qabna?

  1. Wantoota ho’aa bishaanis ta’e shaayii ykn kan biroo dhuguu ykn aara ho’asaa funyaan keenyatti qabachuu. Akkuman jalqaba kaasuu yaalle vaayirasiin yeroo baay’ee utaalloo fidu riinoovaayirasiin jiraachuuf bakka diilallaa’aa waan filatuuf yeroo waan ho’aa argatu ni du’a. Kanaaf waan ho’aa fayyadamuun baay’ee gaariidha.
  2. Dhangala’aawwan garaagaraaf kuduraafi muduraawwan akka loomiifi burtukaanaa baay’inaan fayyadamuu. Akkuma beekamu dhangala’aan funyaan namaa keessaa waan dhangala’uuf dhangala’aan qaama keenya keessaa hir’achaa deema. Kanaaf dhangala’aa fudhannee bakka buusuu qabna. Gama biraaatiin kuduraafi fuduraawwan akka maangoo, loomiifi birtukaanni vaaytaamin C’dhaan waan badhaadhaniif fayyadamuun gaariidha. Vaayitaamin C’n haguuggii ujummoo qilleensaa jabeessuun akka dhukkuba ofirraa lolu godha.
  3. Boqonnaa fudhachuu
  4. Yoo mataa dhukkubbii hamaan nu mudate qorichoota mataa bowwuuf oolan baay’een waan jiraniif isaan fudhachuu
  5. Qorichoonni dhangala’aa funyaan keessaa dhaabaan kan decongestant jedhamanis waan jiraniif isaan bitatanii fayyadamuunis gaariidha
  6. Damma dhangala’aa fayyadamuu. Dammi keemikaala farra baakteriyaafi vaayirasii ta’e waan of keessaa qabuuf qorannoon ba’e tokko akka agarsiisuutti damma fayyadamuun qufaa sababa utaalloon dhufu ittisuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Kanaaf yeroo ciisichaa damma fal’aana tokko fayyadamuun baay’ee gaariidha keessumaa daa’immaniif hedduu fayyada.

Hubachiisa: Daa’immaan waggaa tokkoo gadiif damma kennuun fayyaa isaaniif gaarii miti.

  • Qullubbiifi zinjibillis utaalloo nurrraa loluuf mallattoowwan utaalloodhaan walqabatanii dhufan nurraa fooyyessuu keessatti ga’ee guddaa qaba.
  • Bishaan soogiddaan xiqqoo ho’isnee qoonqoo keenya ittiin lulluuqqachuunis mallattoowwan utaalloodhaan walqabatanii dhufan kanneen akka dhukkubbii qoonqoo nurraa ittisuu keessatti ga’ee guddaa qaba.
  • Bishaan ho’aa erbee xiqqoon jiisuun naannawa morma keenyaarra godhachuunis gaariidha.
  • Yeroo tokko tokko utaalloon namarra turuun gara sombaa deemee infeekshinii sombaatiif nama saaxiluu danda’a. Kanaaf mallattoowwan armaan gadii yoo ofirratti argitan deemtanii yaalamuun barbaachisaadha.
  • Qufaa jiidha qabu.
  • Ho’ina qaamaa olaanaa.
  • Laphee nama waraanuu
  • Hafuurri namatti cituu.
  • Dhukkuba Asmii

Dhukkubni Asmii, dhukkuba ujummoo qilleensaa kan qilleensa gara sombaa geessuufi ujummoolee qileensaa somba keessatti argaman kan hubudha. Dhukkubni kun kan nama qabu yoo ujummoowwan qilleensaa bal’inaan (diyaametiriin) hir’atanii sirriitti qilleensa deddeebisuu dadhabaniidha.

Bal’inni ujummoolee qilleensaa kunis kan hir’atu yoo kulkula (inflammation) godhatuufi dhangala’aa furdaa (mucus) kan nama fayyaa caalaatti maddisiisudha. Ujummoon qilleensaa dhiphateefi dhangala’aa furdaa (mucus) kanaan guutame keessa qilleensi akka garaa olseenuufi gadi bahuu hindandahu. Kanarraa kan kahe namoonni rakkoo kanaan qabaman mallattoowwan garagaraa argisiisuu eegalu.

Dhukkuba kana maaltu namatti fida?

Dhukkuba kana akka dhukkuboota kanneen biroo sababni ka’umsa isaanii beekameetti maaltu akka namatti fidu hanga ammaa kana jedhanii adda baafachuun hin danda’amne. Ta’us garuu wantootni dhukkuba kanaaf nama saaxilan jedhaman keessaa kanneen akka:

  • Firoota dhiigaa dhukkuba Asmii kanaan qabaman qabaachuu
  • Dhukkubootaa alarjii kanneen biroo qabaachuu (kanneen akka alarjii gogaafi saayinasii)
  • Ulfaatinni qaamaa garmalee dabaluu, tamboo aarsuufi namoota tamboo aarsan cinatti argamuudhaan aara tamboo isaanii irraa ka’uuf saaxilamuu (passive smokers)
  • Sababa hojii irraanis ta’e kan biroo keemikaalota warshaalee addaa addaa irraa maddaniif saaxilamuu. Warreen jedhan ni heeramu.

Mallattoowwan dhukkuba kanaa maal fa’i?

Mallattoowwan dhukkuba kanaa keessaa muraasni:

  • Qufaa (keessumaa halkan halkaniifi yeroo qorraa ykn diilallaa)
  • Yeroo afuura baafatan sagaleen xiixuu dhaga’amuu, afuura baafachuu dadhabuu ykn afuurri nama cituufi kkf.

Dhukkubni kun ciminni isaa namaa namatti hedduu kan walcaaluufi namoota kanneeniif salphaa ta’ee kan mallattoo xixiqqoo qofa argisiisuufi kanneen biroof ammoo kan afuura baafachuu dhorkee hanga hojii idilee dhorkuufi lubbuu galaafachuutti kan deemudha. Dhukkubni Asmii kun kan nama dhukkubsu yookaan mallattoo argisiisu yeroo hedduu walitti fufiinsaan osoo hin taane giddu gidduutti boqonnaa kennaa yeroo kaan namatti cimaa, yeroo kaan immoo mallattoonsaa kan hir’atuudha.

Dhukkubni kun yoo namatti ka’u mallattoo armaan olitti ibsaman kana haala baay’ee cimaa ta’een argisiisa. Namoonni dhukkuba kanaan dhukkubsatan hedduun dhukkubicha kana kan isaanitti dammaqsu ni beeku.

Dhukkuba kana maaltu namatti kakaasuu danda’a?

Qaamni keenya uumamaan wantoota alagaa ta’an ofirraa lola. Ujummoon qilleensaa keenyas qaama keenya keessaa tokko waan ta’eef akkasuma. Ujummoon qilleensaa Kan warra dhukkuba kana qabanii addumatti wantoota tokko tokkotti yoo ba’u loluudhaan bal’inni isaa ni dhiphata. Yeroo kanas dhangala’aa armaan olitti ibsame sana gadi lakkisa. Wantootni qaamnisaanii lolu kun allergen jedhamu. Ujummoon nama isa fayyaa isaan waliin walhinlolu, qaamni warra dhukkuba asmii qabanii ammoo ni lola.

Kanneen qaamni keenya lolu kanneen keessaa muraasni; qilleensa qorraa,, qilleensa gogaa, harca’a daraaraa garaagaraafi wantoota xixiqqoo qilleensa keessa jiran kanneen biroo, foolii cimaa (ajaa ykn urgaa), taamboo aarsuu ykn aara tamboof saaxilamuu, dhukkee (dust), infekshinoota ujummoo qilleensaa dhukkuboota akka qufaafi infekshinii sombaa kan biroo, sammuun dhiphachuu (stress), aara qoraan boba’uu, foolii bineeldota manaa, foolii ilbisoota gargaraa, qorichoota dhukkuba biraaf kennaman tokko tokko, sochii qaamaafi kkf.

Dhukkuba kana akkamiin ittisuun yaalamuun danda’amaa?

Waa’ee wantoota dhukkuba Asmii namatti kaasan kanaa kaasuun kan barbaachiseef akkuma beekamu qorichi dhukkuba Asmii hundee irraa fayyisu hinargamne. Garuu to’achuufi akka namatti hindammaqne gochuun ni danda’ama. Qorichoonni mallattoolee Asmii to’atan (controllers) kan yeroo dheeraafi gabaabaa gosa hedduutu jiru. Qorichoonni kun gosaan, akkaataa cimina dhukkuba Asmii namni yaalamu sun qaburratti hundaa’ee adda addaa kan ta’eefi walitti fufiinsaan yookaan yeroo dhukkubni asmii kun namatti ka’u qofa kan fudhataman ta’uu malu.

Qorichoota mana yaalaarraa dhukkuba kanaaf kennaman haalaan fudhachuun dhukkuba kana to’achuun ni danda’ama. Qorichoota kanneen biratti namni dhukkuba kanaan qabame wantoota isatti kaachisan yoo beeke wantoota sana hambisuu (avoid) gochuu qaba. Fakkeenyaaf yoo qilleensa qorraa jibba ta’e afaan ofitti marata ykn kafana wayii godhatanii deemuun daran gargaara.

Waan nutti kaasu beeknee irraa of eeguun waan salphaa miti. Carraa qoricha cimaa fudhachuufi hospitaala ciisuu irraa dhukkubsataa kana baraara. Yoo tamboo kan aarsinu ta’e dhiisuu akkasumas namoota tamboo aarsan irraa fagaachuunis barbaachisaadha. Namootni tokko tokko garuu kan maaltu akka isaanitti kaasu waan hinbeekamneef irraa fagaachuuf rakkisaadha.

Asmiin nama tokkorraa gara nama biraatti darbuu danda’aa?

Hawaasa keessatti yeroo tokko tokko Asmiin namarraa namatti qufaadhaan ni darba jedhamee yaadama. Kun dogoggora yoo ta’u, Asmiin dhukkubsataa tokkorraa kan biraatti karaa kamiinuu hin darbu. Hidda dhiigaa ykn geneticsdhaan garuu hamma xiqqoo maatii irraa dhalatti darbuu danda’a.

Kana jechuun garuu yoo abbaaf haati Asmii qabaatan mucaan ni qabaata jechuu osoo hin taanee warra kuun irra caalaa carraan dhukkuba asmii kanaan qabamuu isaa /ishee ni jira jechuudha.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014

Recommended For You