Misiraachoon nageenyaa akka labsamuuf

Akka qo’annoowwan adda addaa ibsanitti nagaa jechuun waraanni jiraachuu dhabuu ykn bilisummaa jeeqamuu dhabuu jechuudha. Yaadrimeensaa hiika araara, callisaafi tasgabbii jedhu of keessatti kan qabateedha. Jechichi mil’annaafi ergaa waliigalaa hawaasaa guutamummaa, milkaa’ina nageenya waliigalaafi kkf of keessaa qaba.

Nagaan Rabbii ykn nagaan keessoo wabii nageenya keessa nama tokko kan bakka bu’uudha. Nagaan keessoo akka kan biyyi lafaa kun kennituu waan alaan mul’aturratti kan hundaa’e miti. Nagaan kun kan namoonni arjummaadhaan nuu kennan ykn fudhatan miti.

Nagaan waliigalaan hawaasa keessatti dhabamuu walitti bu’iinsaafi tasgabbii yoo eeru; faallaasaatiin ammoo dhuudhaan hariiroo hawaasummaa jiraachuu kan agarsiisuudha. Nageenyi alaa nagaa hawaasaa waliigalaa kan bakka bu’uufi tokko isa kaan wajjin kan dhugeedha.

Fakkeenyaa, gaaffiileen alaa dhabiinsa nagaa irrakeessaatiif gumaacha olaanaa taphatu. Naannoo ta’uun, mootummaa ta’uun, gaaffii mirgaa sabummaa, daangaa, bakka dheedicha loonii, gaaffiilee afaanii, qixxummaa korniyaa, lageeniifi hidhawwanitti gararrummaan fayyadamuu, ittifayyadamummaa haqaqabeessifaan eeramuu danda’u.

Egaa waa’ee nagaafi ibsamasaa kana waa malee hinkaafne. Yeroo akka biyya keenyaatti amantiilee guguddoon lamaan soomaa, kadhataa jiran kanattiifi biyyi keenya dhabiinsa nagatiin raafama cimaa keessa galte kanatti dhimma kana kaasuun hunduu waa’eesaa kaasee irratti dubbachuun, darbees waa’eesaa labsuun murteessaa ta’uu hubachiisuufi.

Waraanniifi jeequmsi dhaabatee lammiileen yaaddoo tokko malee nagaan bahani akka galaniif akkasumas hunda dura nagaan dheebotameefi hawwamu akka guutummaatti dhugoomuuf hunduu ofiisaafi qe’eesaarraa eegalee hanga manadarasaa darbees biyyaatti nagaa labsuu qaba.

Kanaafis akkuma qonnaan bulaan tokko midhaan facaase keessaa marga ykn aramaa hinbarbaachisne buqqisu lammiileen nageenya bu’aa nageenyaa hubataniifi dheebotan hundi garee gufuu nageenyaa qe’eefi naannawaa jiru buqqisuudhuma qaba.

Keessumaa ummanni Oromoo yeroo bu’aa qabsoosaa dhamdhamuu qabutti qe’eensaa jeeqamee bahuufi galuun yaaddoo itti ta’uu hinmalu ture. Ummatichi ammas taanaan tarkaanfii mootummaan farreen nageenyaarratti fudhachaa jiru irree gamtoomeen qe’eesaarratti nageenya labsachuu qaba.

Mootummaanis tarkaanfii fudhachaa jiru harcaatii tokko malee xiyyeeffannaan ittifufee ummata nagaa dheebotee watwaataa jiruuf nageenya waaraa labsuuf kutannoodhaan hojjetee akkan misiraachoon nageenyaa labsamu gochuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014

Recommended For You