Akeeka finxaaleyyii kichuutti maseensuu

Ummanni Itoophiyaa naannolee adda addaatti argamu duudhaa waliin jireenyaa himameefii hinxumuramne hedduu qaba. Kaan otoo amantiifi afaaniifi achii dhufteensaa isa hindaangessiin gaa’elaan akkasumas duudhaalee akka hammachiisaa, moggaafi walkeessa galee wajjumaan jiraataa ture, jiras.

Garuu akkuma otoo booressaan jiruu qulqulluu dhuguun hindanda’amu jedhamu san keessumaa waggoota muraasaa as murnoonni maqaa sabootaa akka barjaatti maxxanfatan ummata nagaan waliin jiraatu walitti buusuuf dhagaan isaan hingaragalchine summiin isaan hinfacaasne hinjiru. Otoo akka abjuusaaniitti ta’ee silaa biyyi kun akka hintaane taatee turte.

Ummanni biyyattii duudhaa waliin jireenyaa cimaa qabu kun, summii jibbiinsaa akka moggaasa si’anaatti finxaaleyyiin facaasaniif osoo hinjilbeeffatin qolachaafi daangaasaa akkasumas ummatasaa eeggatee baroota hedduuf ummata jiraateedha. Ta’us gurmuun finxaaleyyii bifa qindaa’aafi ijaarama qabuun keessumaa ummatoota nagaa naannoodhaan waldaangessanirratti duula hamaa gaggeessaa jira. Dhimmi kun keessumaa gama Oromiyaa lixaatiifi kaabaatiin irra deddeebiin kan mul’atuudha.

Cunqursaan ummata kanarratti baroota hedduuf aggaamamaa ture inni tokkoffaan sababa eenyummaasaatiini. Haata’u malee yeroowwan adda addaatti sababoota hedduu kanneen akka eenyummaa, amantiifi daangaa uumuudhaan ummanni kun jireenyasaa tasgabbii qabu akka hingaggeeffanne taasiseera. Kana malees, amantaan ummanni mootummaasaarraa qabu akka laafuufi abdii dhabuuf tattaaffiin badii baruma dhufaa darbaa isaan raawwatan ummaticha rakkoof saaxileera.

Abjuun finxaaleyyiin sirna darbe deebisuuf abajootan yeroodhaa gara yerootti hammaachaafi ummata irratti miidhaa hangana hinjedhamne dhaqqabsiisaa jiraachuun waanuma beekamuudha. Obsaafi gara bal’ina mootummaan agarsiise akka carraatti fayyadamuun karoora addaa qabatanii taateen isaan iddoowwan hedduutti agarsiisanis yeroodhaan furmaanni hinkennamuuf taanaan saboota guguddoo lamaan gidduutti darbees biyyarratti dhiibbaa inni fidu tilmaamuun nama hindhibu.

Mootummaanis kana hubachuun akkuma “Gogaa jiidhaatti maru” jedhamu humna badii kanarratti tarkaanfii fudhachuun nageenya ummata kanaa waarinaan mirkaneessuun dirqamasaa bahachuu qaba. Akkuma hundi keenya yaadannu naannawichatti badii humnoonni shororkeessitootaa ABUTfi Shaneen kana dura dhaqqabsiisaniin ummannni Walloo miidhaa hedduu keessa darbeera.

Daa’imman, haadholiin jaarsoliin, dubartoonni hedduun rakkoo hangana hinjedhamne dabarsaniiru. Lubbuun namoota hedduus darbeera. Kan qaamaa miidhames lakkoofsaan danuudha. Dhaabbileen hawaasummaa kanneen akka manneen barnootaa, manneen yaalaa baankiifi kkf akkasumas qabeenyi namoota dhuunfaa hedduun barbadaa’era.

Ummanni, finxaaleyyii kanneen hunda yaada keessa hingalchine ummata xinsammuunsaa daran miidhamerratti ammas miidhaa hamaa biraa uumuuf wixxirfatan mootummaasaa wajjin ta’ee qolachuu qaba. Mootummaannis obsa daangaa darbaa jiru ni ga’a! jedhee humnoota badii kanneenirratti tarkaanfii keessa deebii hinqabne fudhatee ummatasaa boqochiisuu qaba.

Walumaagalatti gocha finxaaleyyiin sabaafi amantii kamuu bakka hinbuune iddoowwan adda addaatti ummata nagaarraan ga’aa jiranatti luugama gochuun waan boruuf beellamamu ta’uu hinqabu.

Keessumaa dhimma kanaratti mootummoonni naannolee Oromiyaafi Amaaraa walittidhiyeenyaafi xiyyeeffannaa cimaadhaan hojjetanii ummata gidiraa argaa jiru aara galfachiisuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Ebla 15 Bara 2014

Recommended For You