Shaampiyoonaan Daakkaa Bishaanii injifannoo naannoo Amaaraatiin xumurame

Finfinnee: Shaampiyoonaan daakkaa bishaanii bara 2014 Magaalaa Bishooftutti gaggeeffamaa ture injifannoo naannoo Amaaraatiin xumurameera.

Guyyaa kaleessaa xumura kan argate shaampiyoonaan daakkaa bishaanii kanaan saala lamaaniinuu kan injifate naannoon Amaaraa, waancaa lamaan cinatti naannicha deggarsa ispoortiif taasisaa tureen waancaa addaas argachuu danda’eera.

Naannoo Oromiyaa keessaa immoo gareen Poolisii Oromiyaa waancaa amalaa kan argate yoo ta’u, dhiirotaan Xilahuun Ayyalee naannoo Amaaraarraa “taphataa urjii shaampiyoonichaa” jedhameera.

Birhaan Dammaqaa immoo dubartoota keessaa taphattuu urjii shaampiyoonichaa yoo taatu, Mandaafroo Taganyi immoo leenjisaa urjii shaampiyoonichaa ta’eera.

Shaampiyoonaan daakkaa bishaanii kanarratti duuba dhuftoonni hedduun kan irratti mul’ataniifi shaampiyoonaa Afrikaafi Addunyaa fuuladuratti gaggeeffamuufis biyyattii bakka bu’anii dorgomuu kan danda’an ta’uunis ibsameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014

Recommended For You