Fardi seenaafi aadaa Oromoo keessatti bakka addaa qaba. Hariiroon fardaafi Oromoo gidduu jirus baay’ee adda. Oromoon durii kaasee yeroo waraanaa, gaddaafi gammachuu fardatti dhimma baha. Itoophiyaatti fardatti dhimma bahuu kan dursee eegale Oromoo ta’uutu dubbatama. Sosochiin Oromoo jaarraa 16ffaafi waraanni Adwaa utuu fardi Oromoo hinjiru ta’ee hinmilkaa’u ture. Hariiroo Oromoon farda waliin qabu durii kaasee hanga har’aatti ittifufee jira.
Oromoon abbaan fardaa waan ta’eef farda ni jaalata. Oromoon waa sadiif farda jaalata. Tokkoffaa, fardi amanamaadha. Abbaan fardaa yoo kufe gatee hinqajeelu. Lammaffaa fardi Caffee oola. Caffeen ammoo bakka magariisaafi qabbana akkasumas bakka marii hayyuufi waayyuuti. Sadaffaa fardi ayyaana qaba. Fardi haadhasaa hingaanu; hinkorus. Kun farda beelladoota hundarraa waan adda isa taasisa.
Oromoo farda bifasaarratti hundaa’uudhaan maqaa moggaasa. Farda adii Shaashoo, farda gurraacha Shaanqoo, farda diimaa Daamaa, farda daalacha Daalee, farda magaala Bulloo jedhee moggaasa. Abbaan fardas Abbaa Daalee, Abbaa Shaanqoo, Abbaa Bulloo, Abbaa Daamaafi Abbaa Magaali jedhamee faarfama. Abbaan fardaa, farda ni soora, ni kunuunsa, ni tikfata, ni mararfata. Ittiin dhaadata, ni abadata fedhu ittiin lola. Fardi tokko tokko dhiira kuma caala. Humni konkolaataayyuu humna fardaan madaalama. Oromoo biratti fardi gumaa qaba.
Fardi, eebboofi gaachanni Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba. Fardi Oromoo biratti mallattoo gootummaati. Abbaan farda lubbuu isaa caalaa jaalata. Oromoon farda ilmoosaarraa gargara baasee hinilaalu. Oromoon fardaan dabaala; itti foggala, ittin duula akkasuma ittin geerara. Fardi Oromoof mallattoo gootummaati. Artisti Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa “Gaafa Gaarreen Adwaa, gaafa Maqalee sanii, nu mitii farda keenya ni beeku bareechanii; “ jedhee waa’ee gootummaa Oromoofi farda Oromoo sirbee addunyaatti hime.
Obbo Waajjiraa Waajjisoo abbootii Fardaa Torban Aadaa Oromiyaa Bitootessa 18-20 bara 2014tti Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Shaashimanneetti kabajameratti agarsiisa fardaa dhiyeessan keessaa isaan tokko. Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nagallee Arsii irraa kan dhufan. Obbo Waajjiraan Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, fardi aadaafi seenaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba. Fardi Oromoo biratti kabajaa guddaa qaba. Fardi yeroo fuudhaafi heerumaa, duulaa, gammachuufi gaddaa kan barbaachisu ta’uu himu.
Oromoon ilmoo fardaa garbuu nyaachisee, mana itti ijaaree guddisuun waggaa afur booda luugamaafi gilaasii irra godhee mi’asaa guutee yaabbata kan jedhan Obbo Waajjiraan, aadaa Oromoo keessatti fardi yeroo fuudhaaf heerumaa, duulaafi gammachuu dhimma baasa. Oromoon gaachanaafi eeboo qabatee farda yaabbatee duula. Kabaja fardi aadaafi seenaa Oromoo keessatti qabu dhaloota ittaanutti dabarsuuf hojjechaa jiraachuufi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas aadaafi dhuudhaan kun dhalootatti akka darbuuf gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamaniiru.
Obbo Shabbiyyoo Waarituus abbootii fardaa Aanaa Nagallee Arsiirraa ayyaanicharratti argaman keessaa isaan tokko yoo ta’an, Oromoon fardaan lolee diinasaa ofirraa dachaasa. Abbootiin keenya eeboofi gaachana qabatanii fardaan lolanii diina Oromoofi Oromiyaa haleelnii achi fageessuun injifannoo boonsaa galmeessisaniiru. Kanaaf fardi kabajaa guddaa qaba. Bareedinni fardaa kan konkolaataa waan caaluuuf warri Caffee, warri fardaa, warri aadaa hordofan fardaan fuuchaafi heerumaa jiru. Aadaafi duudhaa bareedaan kun dhaloota ittaanutti akka darbuuf hojii guddaatu nurraa eegama jedhu.
Oromoon fardasaa garbuu soora, nafasaa ni dhiqa, bakka inni bulu ni qulqulleessa, luugama, gilaasiifi mi’asaa hunda guuteefi fardasaa yaabbatee ittiin garmaamuun ykn gulufsiisuun ittiin bashannana. Fardi eegumsiifi kunuunsi barbaachisuuf taasifame kun yeroo bakkee ba’u gammadee garmaama jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014