Biyyoottan Awurooppaafi Ameerikaa keessatti poornoogiraafii waraabanii gabaatti dhiyeessuun seera qabeessa erga ta’ee oolee buleera. Rakkoon kun ammoo kalaqa intarneetaa wajjin saffisaan kan biyyoottan addaa addaatti tamsa’aa jiruuf namoonni bifa salphaa ta’een bakka intarneetiin jirutti baasii akka argatan, inni kun ammoo namoota hedduuf balaa hamaa kanaaf akka saaxilaman isaan taasiseera. Namoota hedduus araada poornoogiraafiif saaxileera. Namoonni amantaafi jireenya hawaasummaa irraa citanii akka kopha galeeyyii ta’an taasiseera. Araada kana keessa namoonni jiran akka ija jabaatanii wal’aansa hinbarbaanne taasisuun miidhaa hamaaf saaxileera.
Yeroo ammaa intarneeta irraa kan ilaalaman dhibbeentaan %35 (Dhibbeentaa soddomii shan) kan ta’an poornoogiraafiidha. Yeroo kam caalaa intarneetiin hanguma guddachaa deemu, poornoogiraafiin babal’achaa deemaa jira. Addumaan umurii gadiitti ijoolleen poornoogiraafiitti saaxilaman jireenya isaanii irratti miidhaa hamaa akka qabu qorattoonni nimirkaneessu. Waggaa muraasa dura waa’ee poornoogiraafii irratti qorannoo taasifameen namoonni umuriin isaanii ganna 18-49 gidduu jiru %84 ol ta’an akka fiilmii poornoogiraafii daawwatan, namoonni %82 ta’an ammoo suura poornoogiraafii wantoota addaa addaa irraa akka ilaalan dubbata.
Ijoolleen dhiiraa %93.2 ta’aniifi ijoolleen dubaraa %62.1 ta’an poornoogiraafiif kan saaxilaman ganna 18 utuu hinguutin ta’uun isaa beekamaadha. Inni kun ammoo jireenya isaanii keessatti poornoogiraafiif akka bakka guddaa kennan, araada isaafis akka saaxilaman isaan taasisa. Haa ta’u iyyuu malee poornoogiraafii kitaaba, gaazexaa, suura, fiilmiifi kkf., ilaaluun miidhaa malii qabaa jennee gaafachuu dandeenya.
Bara kana keessa yeroo itti dinagdeen addunyaa kanaa gadi bu’aa jiru keessatti hojjettoonni waajjira adda addaafi namoonni yeroo isaanii irra guddeessa poornoogiraafii ilaaluutti akka dabarsan beekamaadha. Fakkeenyaaf dhaabbanni “Forbes” jedhamu tokko akka qorannoo hojjettoota waajjiraa adda addaa irratti hojjetee gabaasetti hojjettuun herregaa tokko qofti iddoola saphaphuu poornoogiraafii kuma tokkoo fi dhibba saddeet (1,800) ol torbee lama keessatti akka do’atte dubbata. Darbees suurawwan poornoogiraafii dhibba ja’a (600) ol akka komputarii ishee irraa qabdu ibsee jira.
Haa ta’u iyyuu malee namoonni maaliif poornoogiraafii akka ilaalan yommuu gaafataman deebii garaa garaa kennuu danda’u. Isaan keessaa muraasni “Akkuma bashannanaattan ilaala” “Sababan hinfuuneef yookaan hinheerumneef gaa’ela koo booda keessatti waanan ilaalu kun na gargaara”; “Akkan qunnamtii saalaa akka tasaatti hinraawwanneef na gargaara”, “Namoota fiilmii kana hojjetan irraa bitee ilaaluun namoota kana gargaaruuf shoora guddaa qaba”; “Onanummaa (masturbation) keessatti bu’aa naaf qaba” jedhanii deebisuu danda’u.
Haa ta’u iyyuu malee poornoogiraafiin miidhaa guddaa namoota ilaalan irratti fida. Yeroo namoota qullaa isaanii hojii xuraa’ummaa raawwatan ilaalan fakkiin isaanii sammuu isaanii keessa seenuun yeroo hedduuf akka hin irraanfatamne ta’a. Inni kun immoo deddeebi’ee sammuu isaaniitti dhufuun akka isaan waa’ee xuraa’ummaa kanaa qofa yaadan gochuu danda’a. Nama fuudhe yoo ta’e haati manaa isaa akka ishee intarneetii irratti ilaalu akka isheen taatuuf fedha. Ishee ilaaluu wajjin wal hinqixxaattu yoo ta’e, akka ishee ilaaluus ta’uufii hindandeessu taanaan jireenyi maatii isaatii balaa guddaaf nisaaxilama.
Egaa maammila marsariitii poornoogiraafii ta’uun araada namatti ta’a. Araadni immoo dhukkuba. Hojiis nama hiiksisa. Namni tokko yeroo hojii ija qabeessa itti hojjechuu malu jalaa qabachuun akka inni qullaa namaa qofa ilaaluutti yeroo isaa balleessu godha. Maatii wajjin walitti nama buusa. Yeroo maatiif kennan sarbee waan gatii hinqabnetti akka yeroo dabarsan taasisa. Inni kun walii galatti balaaf jireenya namaas ta’e maatii nisaaxila.
Keessumatti bara keessa jirru kana intarneeta irra wantoonni faca’an bakka kamitti iyyuu namoonni umurii addaa addaa mucooliitii eegalee hanga namoota umuriin raaganiitti gatiifi haala salphaa ta’een argachuu nidanda’u. Isaan kana keessaa tokko marsariitii poornoogiraafiiti. Inni kun fayyadamtoota hundumaa kan miidhu yoo ta’e illee addumaan dubartootaafi dargaggoota irratti miidhaa guddaa ni qaqqabsiisa. Sababbiin isaa warri agarsiisan umurii dargaggummaa keessa kan jiran yommuu ta’u warri fayyadamanis umuriin isaanii dargaggoota.
Al tokko maatiin tokko waa’ee ilma isaanii nama waggaa kudha shanii utuu isaan hinargin yeroo hedduuf marsariitii poornoogiraafii ilaalaa ture akka armaan gadiitti gaddanii ibsu. Maatiin kun ilma isaanii irratti jijjiirama addaa akka arguu eegalan dubbatu. Innis maatii isaatti sammuun isaa yeroo hedduu akka dhiphatu, jireenyi isaa gaabbiin kan guute akka ta’e hime. Isaanis rakkoo isaafi jijjiirama amala irra ga’e qorachuun yeroo hedduu dhoksaatti akka inni marsariitii “porn” jedhamu ilaalu bira ga’an. Jecha “porn” jedhu ofii hinbeeku ture. Garuu akka inni barreessee galee ilaalu kan godhaniifi kan jajjabeessan hiriyyoota isaa akka ta’an; innis yeroo ilaaluu eegalu akka araada itti ta’ee irraa cituu dadhabe dubbate. Kutaa inni baratu keessa barattoota digdama jiran keessaa namni iddoola saphaphuu ejjaaf nama kakaasu kana hin ilaalle hin jiran. Umuriin isaanii waggaa kudha shanii gadiifi manni barumsaa isaan itti baratan kan amantaa yoo ta’e illee umuriifi amantaan isaan oolchuu hindandeenye. Isaan kana haala keessa jiran keessaa salphaatti baasuun cimaa ta’uu danda’a. Garuu duraan dursanii akka isaan keessa hingalleef eeggannoo barbaachisaa gochuun akka maatiittis itti fayyadama intarneeta ilaalchisee gorsaafi to’annoo barbaachisaa gochuun gaariidha.
Sababbiin isaa yeroo nu’i keessa jirru yeroo kam caalaa daa’imman, saafelotaafi dargaggootaaf hamaafi rakkisaadha. Maatii hedduun intarneeta mana keessaa kan qaban yommuu ta’an daa’imman akka itti fayyadamaniif gargaaruu qofa utuu hinta’in, akka malees itti fayyadamuun akka isaan miidhu beekuun barbaachisaadha.
Akkuma ga’essonni marsariitii hamaa kana ilaaluuf fedha qaban daa’immannis akka doo’atan beekamaadha. Yeroo ammaa umuriin itti ijoolleen poornoogiraafii ilaaluu eegalan giddu galeessi waggaa kudha tokko akka ta’e qorannoon ni ibsa. Inni kun akka maatiin itti fayyadama intarneetii ilaalchisee da’immaniif eeggannoofi to’annoo godhan, yeroo isaan fayyadaman akka irraa hinfagaanne isaan ni akeekkachiisa.
Kana qofa utuu hinta’in qorattoonni addaa addaa gama kanaan argannoo ajaa’ibsiisaa waa’ee daa’immanii dhiyeessee ture. Daa’imman umurii torbaafi torbaa gadii eegaluun akka isaan fiilmii qunnamtii saalaaf nama kakaasu (poornoogiraafii) ilaalan ifa baase. Addumaan ijoolleen umuriin isaanii waggaa saddeetiifi kudha saddeet (8-18) gidduu jiran jechi isaan baay’inaan intarneeta irra barbaadan “qunnamtii saalaa” kan jedhu ta’uu isaafi inni kun attamitti jireenya daa’imman ol adeemoo akka balleessu, nama borii dhabamsiisu tilmaamuun nama hindhibu. Egaa kana irraa kan hubannu maatii hedduun ijoollee isaanii sababa itti siqeenyaan hinto’anneef, erga isaan intarneeta fayyadamanii boodas maal akka hojjechaa turan waan duukaa hinbuuneef miidhaa hamaa kanaaf akka isaan ofiif, maatiifi biyyaaf hin taane gochaa jira.
Ijoolleen ijoollummatti gochaa hamaa kanaaf saaxila ba’an yoomiyyuu mul’ata gaariin ni guddatu jedhamee hineegamu. Isa kana irratti maatiin tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun gaarii ta’a. Xinnummaa isaaniitii eegalee hojii hamaaf akka hinsaaxilamne eeguun, gorsaafi hordoffii barbaachisaa taasisuun barbaachisaadha.
Karaa biraa ammoo poornoogiraafiin ijoollee yookaan dargaggoota qofa utuu hinta’in maatii illee akka miidhuu danda’u qorannoon garaa garaa ni addeessa. Namoonni hedduun poornoogiraafiin walitti dhufeenya abbaa manaafi haadha manaa gidduu jiru addumaan jireenya qunnamtii saalaa wajjin kan wal qabatan rakkooleen yoo jiraatan nifooyyessa jedhanii kan yaadaniifi itti fayyadaman jiru. Haa ta’u iyyuu malee miidhaa addaa akka inni geessisaa jiru yeroo kam caalaa mul’ataa jira. Namoonni gorsa maatii irratti hojjetan rakkoon cimaan yeroo ammaa isaan mudataa jiru rakkoo poornoogiraafii wajjin wal qabate akka ta’e ibsu. Abbaa manaa fi haati manaa dhibbeentaa shantamni (50%) sababa poornoogiraafiif akka lakkoofsa addunyaatti bara 2002 keessa wal hiikaniiru. Sababiin isaa namni araada poornoogiraafiin qabame walitti dhufeenya namootaafi itti gaafatamummaa maatii isaaf addumaan jaalala abbaa manaa isheetiif qabdu yookiin haadha manaa isaatiif qabu poornoogiraafii ilaaluudhaan bakka buusu waan ta’eef walitti dhufeenyi isaanii laafaa deema.
Yeroo abbaa manaa isheetiif laattu yookaan yeroo haadha manaa isaatiif kennu marsariitii poornogiraafii barbaachatti dabarsu. Darbees namoonni umurii gadiitti marsariitii kana ilaaluu eegalan akka qorannoo namoota kuma digdamii saddeet (28,000) irratti ta’etti yeroo gaa’elaaf ga’anii fuudhan qaamni saalaa isaanii qunnamtii saalaatiif akka qophaa’aa hintaane gochuu danda’a. Inni kun immoo fedhiin namni tokko qunnamtii saalaaf qabu poornoogiraafii hinilaalu yoo ta’e fedhiin isaa gadi bu’uu yookiinis qunnamtii saalaaf dadhabaa taasisa. Akkasumas walitti dhufeenya abbaa manaafi haadha manaa gadi buusuu danda’a. Kana irraa kan ka’e rakkoo gama gaa’elaan jiru keessa ofiin of buusu. Bara kana keessatti jeequmsa gaa’ela keessaa dhibbeentaan shantamaa ol ta’u rakkoo qunnamtii saalaa wajjin wal qabateedha. Isa kana keessatti egaa poornoogiraafiin shoora guddaa qaba.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014