Weerarri awaannisaa cophxoorratti fanxoo akka hintaane

 Bitooteessa 7 bara 2014 hoomaa awaannisaa Godina Booranaa, aanaa Taltalleetti mul’achuun isaa ni yaadatama. Kunis keessumaa godina balaa hongeef saaxilamee namniifi beelladni hedduu miidhametti ta’uunsaa rakkinicha daran yaaddeessaa taasiseera.

Weerarichi akka isa ji’a Sadaasaa bara 2014 mudatee tureetti baay’achuu baatus gamanumaa yoo to’atamuu baate cophxoorratti fanxoo ta’uun hawaasa godinichaa caalaatti miidhuu danda’a.

Akka ragaan aanicharraa argame agarsiisuutti, hoomaan kun gandoota 12 aaniichaa keessatti kan mul’ate yoo ta’u, lafa qonnaa heektaara kuma afuriifi 238, lafa dheedichaa heektaara kuma torbaafi 672, lafa bosonaa heektaara kuma saddeetiifi 471, lafa abbaa warraa kuma shaniifi 762 irratti miidhaa qaqqabsiiseera.

Wayita ammaa roobni roobuu eegaluusaatiin midhaan facaasuuf qophiin taasifamaa waan jiruuf gamanumaa balleessuun yoo hindanda’amne, miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu akka danda’ullee ittiigaafatamaan waajjira qonnaa aanichaa sodaa qaban ni ibsu. Haala kanas itti dhiheenyaan hordofaafi deggarsa taasisaa kan jiru mootummmaa federaalaa ta’uufi, mootummaan naannoo Oromiyaa ammoo gabaasa bilbilaan yeroo yerootti ergamuuf malee qaamaan argamee bakkicha kan hinilaalle ta’uudha odeeffannoon qabnu kan ibsu.

Akka waliigalaatti naannawaa kanatti tarkaanfii awaanisarratti fudhatamu yoo saffise malee waggaa lamaan durallee akkanuma utuu harkifatuu walhore balaa olaanaa qaqqabsiiseera. Yeroon kun yeroo midhaan lafaa biqilu ta’uusaatiin hatattammaan xiyyeeffannaan kennameefii xiyyaarri dhufee bakka inni jirutti balleessu malee Godina Booranaa qofa osoo hintaane biyyaafuu yaaddoo ta’uudha kan ibsamu.

Ministeerri Qonnaas “Sodaan mul’ate kan waggaa darberraa madde malee, weerarri amma mul’ate akka isa yeroo darbee miidhaa kan geesisu miti” jedhus wantoonni fagootti tuffataman aarsaa olaanaa akka nama hinkanfalchiisneef gamanumaa hojjetamuu qaba.

Akka duraa miidhaa hinqaqqabsiisu jedhanii tuffatanii dhiisuun furmaata waan hintaaneef oolee utuu hinbulin mala jirutti fayyadamuun hoomaa awaannisaa mudate dhabamsiisuu qofatu fala.

BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014

Recommended For You