Waancaan ‘Betking’ Liigii piriimeerii Itoophiyaa Finfinneetti debi’uufi

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii yeroo ammaa ‘Betking’ liigii piriimeerii Itoophiyaa jedhamuun geggeeffamaa jiru bara 1991 jalqabame. Shaampiyoonicharratti kan hirmaatan kilaboota bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Dirre Dawaa dabalatee naannooleen Oromiyaa, Amaaraa, Ummatoota Kibbaa, Tigiraayifi Sidaamaatti.

Liigiin kun erga jalqabamee waggoota 23 lakobsiseesra. Waggoota kanneen keessatti sababii dhiphina sagantaatiin bara 1994 utuu hin adeemsifamin hafeera. Yeroowwan kanneen keessatti kilabni Oromiyaa Jimmaa Abbaa Jifaar, kan Amaaraa Faasil Kanamaafi kan Tigiraay magaalaan Maqalee si’a tokko tokkoo shaampiyoonaa ta’aniiru. Finfinneerraa ammoo kilaboonni Qiddus Giyoorgis, Humna Ibsaa, Buna Itoophiyaafi Dadabiit waancaan liigichaa yeroo 18f Finfinneetti hambisaniiru.

Kilabni Qiddus Giyoorgis yeroo 14 shaampiyoona ta’uurra darbee waancaawwan sadii kan dhunfaa godhachuudhaan rikardii liigichaa qabatee jira. Waancaan kun waggoota sadan darbanii as fulasaa Finfinneerraa gara naannoleetti gara galfatee turus barana ammoo Finfinneetti waan deebi’u fakkaata.

Shaampiyoonaa adeemsifamaa jiru kanaan marsaan duraa xumuramee marsaan lamaffaa torban 17ffaa kan itti fufe yoo ta’u, Kilabni Qiddus Giyoorgis qabxii 37n liigicha dursaa jira. Kilabni Walaayitaa Diichaa qabxii 31n sadarkkaa lammaffaarratti argama. Garaagarumaan kilaboota lamaan gidduu jiru qabxii ja’a yoo ta’u, waancaan liigichaa gara Finfinneetti deebi’uu danda’a. Bulchiisi magaalaa Hawaasaa qabxi 30n sadaffaa yoo ta’u, carraan abbaa waancaa ta’uusaa dhiphaadha.

Bara darbe shaampiyoona ta’uudhaan waancaan kan fudhate kilabni Faasiil Kanamaa barana qabxii 27n aragachuun garaagarummaa qabxii 10n Kilaba Qiddus Giyoorgisirraa fagaatee argama. Bunni Sidaamaas akkasuma qabxii 27 waan qabuuf Qiddus Giyoorgis carraa abbaa Waancaa ta’uu bal’aa qaba. Kilabni Bulchiinsa Magaalaa Walqixee qabxii 24n, kilabni Bulchiinsa Magaalaa Adaamaafi Arbaaminci garaa garummaa galchaan wal caalanii qabxii 22n, Baahirdaari, Haddiyaafi Bunni Itoophiyaas galchaan wal caalanii walqixa qabxii 21n, Raayyan Ittisaa qabxii 19n Dirree Dhawaan qabxi 17n magaalaan Finfinnee qabxii 15 galmeessisuudhaan akkuma walduraa dubaan sadarkaa afuraffaa hanga kudha afuraffaarratti argamu.

Shaampiyoonaa baranaa kanatti Oromiyaa bakka bu’uudhaan hirmaacaa kan jiru kilabni Magaalaa Sabbataafi Jimmaa Abbaa Jifar qabxii 12fi 11n sadarkaa maahessaarratti waan argamaniif abdiin isaan liigicha waliin gara bara 2015tti ce’uuf qaban dhiphaadha.

Gama biraan ammoo kilaboonni liigii biyyaalessaa keessa turan Huni Ibsaa, Inshuraansiifi Lagaxaafoo Laga Daadhii ammoo gara liigii piriimeerii Itoophiyaatti ce’unisaanii beekamera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You