Haroo Wancii: Abdii dinagdee qonnaan bultootaafi dargaggootaa

Oromiyaan wiirtuulee hawwata tuuristii dinagdee biyyaa fulduratti tarkaanfachiisan hedduu galii ykn tajaajila barbaadamu kennaa kan hinjirre hedduudha. Mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa wiirtuulee hawwata tuuristiifi madda galii ta’uun dinagdee biyyaafi jireenya qonnaan bulaa utubuu danda’an sakatta’uun madda galii gochuuf hojiitti seeneera.

Wiirtuulee hawwata tuuristiifi madda galii ta’uu danda’an filatamaniifi ijaarsisaanii jalqabame keessaa Pirojektiin Iikkoo Tuurizmii Wancii Dandii isa tokkodha. Haroon kun hawwata tuurizmii uumamni badhaase yoo ta’u, kanaan dura tajajaila barbaadamu osoo hinkennin akkasumaan taa’aa ture. Mootummaan pirojektii ‘Gabataa lahaager” jedhu bocee haroo Wancii misoomsaa jira. Pirojektiin Iikkoo Tuurizmii Wancii Dandii kun qonnaan bultoota naannawichaaf abdii bayyanachiisa dinagdee ta’ee kan tajaajilu ta’uu dubbatu jiraattonni naannawichaa.

Abbaa Waldagabreel Magarsaa Godina Shawaa Kibba Lixaa, AanaaWanciitti jiraataa ganda Haroo Wanciiti. Bakkichi qalbii namaa kan hawwatu ta’us hawata turizimii ta’uun madda galii ta’ee hawaasa tajaajilaa hinturre. Pirojektiin Iikkoo Tuurizmii Wancii Dandii ijaarsarra qonnan bultootaafi dargaggoota naannawaa sanaatiif abdii ta’eera. Qonnaan bultoonni sababa pirojektichaatiin lafti isaanii misoomaaf ooles beenyaa argataniiru. Abdiin hojii uumanii hojjechuufi galii ofii guddisuus babal’achaa jira jedhu.

Ijaarsi pirojektichaa jiraattota naannawi chaatiif abdii jireenyaa itti horaa jiraachuu himanii, jireenyi qonnaan bultootaa kanaan dura qonna qofarratti xiyyeeffatee ture yeroo amma gara tajaajila geejjiba bishaanirratti ce’uun madda galiisaanii akka guddifatan taasisaa jira. Maddi bayyanachiisa dinaagdeesaanii kun kan duraaniirra adda ta’uufi pirojektichi wayita xumuramu ammoo carraan hojii bal’aa jiraattotaaf uumuu akka danda’us eeraniiru.

Pirojektichi jalqabuun rakkoo hawaas dinagdee jiraattota naannawichaa furuun keessumaa omishaaleesaanii gatii madaalawaan balabla ofiitti akka gurguratan kan taasisu ta’uu himanii, kanaan dura rakkoo daandii waan tureef qonnaan bultoonni naannawichaa omishaleesaanii gatii hinmalleen argachaa turan. Pirojektichaan walqabatee daandiin, ibsaafi tajaajilli bishaan dhugtii waan guutamuuf abdiin dinagdeen fooyya’uu olaanaa akka ta’e dubbatu.

Bulchaan Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Taayyee Guddisaa akka jedhanitti, pirojektiin Wancii Dandii dargaggootaaf abdii dinagdeeti. Ijaarsi pirojektichaa dargaggoota naannawichaaf carraa hojii bal’aa uumeera. Dargaggoonni hojii malee yeroosaanii gubaa turan yeroo ammaa hojiilee ijaarsa pirojektichaan walqabatan adda addaa keessatti hirmaachuun hirkattummaa jalaa bahuun miira ofitti amanamummaafi of danda’uu horachaa kan jiran ta’uu eeru.

Pirojektoonni akkasii babal’achuun kutaa hawaasaa hundaaf abdii ta’uu himanii, ijaarsi pirojektii Iikkoo Tuurizmii Wancii Dandii jalqabuusaatiin aadaan hojii uummachuufi madda galii ofii guddifachuu akka babal’atu taasisaa jiraachuu himaniiru.

Obbo Tasfayee Shuggexee jiraataa ganda Haroo Wanciiti. Akka isaan jedhanitti, kanaan dura qonnaan bulaa qofaan bulaa turan. Erga ijaarsi pirojektichaa achitti jalqabee garuu waardiyyaa pirojektichaa ta’uun miindeffamanii galii dabalataa argachaa jiraachuufi pirojektichi eebba dinagdee fideefii kan dhufe ta’uu dubbatu.

Pirojektichi dargaggootaafis carraa hojii bal’aa kan uume ta’uu himanii, dargaggoonni hojii ijaarsa pirojektichaarratti hirmaachaa jiran galii dhuufaasaanii akka argatan taasisuudhaan fayyadamummaansaanii mirkaneessaa jira. Ijaarsi pirojektichaa faayidaa har’a kennaa jiru caalaa abdii egeree ta’uus eeraniiru.

Ijaarsi pirojektichaa dargaggoota barumsa xumuraniifi barachaa jiraniifis abdii ta’uu himanii, kanarra darbees mana shayii, mana bunaa banatanii dinagdeesaanii akka cimsataniif carraa bal’aa uumeera. Pirojektichi qonnana bultootaafi dargaggoota fayyadamoo kan taasisu ta’uu himanii, tajaajila geejjibaa bishaanirraanis galii argachuun dinagdeesaanii akka fooyyeffatan kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

Ijaarsi pirojektichaa wayita xumuramu carraa hojii dabalataa uumuun galiinsaanii kan guddisu ta’uu eeranii, pirojektichi rakkoo dinagdee dargaggootaa furaa jiraachuufi gara fuulduraattis damee hojii daldalaa, geejjiba bishaanirraa irratti bal’inaan akka hirmaataniifi omishaaleesaanii gatii madaala’aan akka gurguratan taasisuun dinagdeesaanii guddisuu keessatti gumaacha olaanaa kan taasisu ta’uu dubbatu.

Kanaan dura rakkoo daandiin, geejjibafi bu’uuraalee misoomaa biroon dinagdeen naannawichaa rakkoo keessa turuu himanii, yeroo amma garuu haala mijataa uumamaa jiruun fayyadamummaansaanii mirkanaa’aa jiraachuu himu.

Gatiin xaa’oo dabaluun rakkoo dinagdee yeroo ammaa qonnaan bultoota mudatee jiru ta’uu himanii, rakkoon kun qonna arfaasaa akka hingufachiifneef xaa’oo aadaa kompoostii fayyadamaa jiraachuu dubbatu.

Fuuldurattis misooma iikko tuurizmii eegalame kanaan carraan hojii dinagdee dargaggootaa bayyanachiisu ni banama kan jedhan bulchaan godinichaa, misoomichi kan hawaasa bal’aa waan ta’eef fayyadamummaasaanii mirkaneeffachuuf mootummaa waliin hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Kana malees harkifannaa kaffaltii beenyaan walqabatee komiin akka ture himanii, yeroo ammaa kaffaltiin beenyaa kan raawwatame ta’uufi namoonni kaffaltii beenyaa argatan qarshicha sirriitti akka ittifayyadamuufi hojiirra oolchaniif gorsi hubannoo gabbisuu kan kennameef ta’uu eeru. Namoonni kaffaltii beenyaa lafaa argatan qarshii argatan seeraan hojiirra oolchuubaannaan gaaga’ama dinagdee keessa bu’uu waan danda’aniif aadaan qusannaa, daldalanii bu’aa argachuu haalaan hojiirra oolchuu akka qaban hubachiisaniiru.

Qindeessaa Pirojektii Iikkoo Tuurizmii Wancii Dandii Obbo Dhaabaa Jinfeessaa akka jedhanitti, misoomichi dinagdee hawaasa naannawaafi biyyaa utubuu keessatti bakka olaanaa qaba. Pirojektoota meegaa akka biyyaatti misoomaa jiran keessaa tokko kan ta’e Pirojektiin Iikkoo Turizimii Wancii Dandiin isa tokko ta’uufi pirojektichi yeroo qabameef keessatti xumramee madda dinagdee hawaasa naannawaafi biyyaa akka ta’uuf hojjetamaa jira jiraachuu himu.

Yeroo ammaa bu’uraaleen misoomaa pirojektichaaf murteessoo ta’an kan akka daandii, bishaaniifi ibsaa guutamaa kan jiran yoo ta’u, pirojektichi yeroo gabaabaa booda dargaggootaaf carraa hojii bal’aa kan uumu ta’a. Akkasumas dargaggoonni naannawichaa hojiilee daldalaa, mana bunaafi shaayii bananii galii dabalataa akka argataniif carraa bal’aa kan uumu ta’uus himaniiru.

Caffee Oromiyaatti Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Baadiyyaa Obbo Diriirsaa Waaqumaa akka jedhanitti, pirojektiin Wancii Dandii dinagdee lammiileefi biyyaa ijaaruurra darbee gola Oromiyaa addunyaatti baasee mul’isuu keessatti qooda guddaa qaba. Kun immoo dinagdeen biyyaafi nama dhuunfaa daran akka fooyya’u taasisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf pirojektichi yeroo qabameef keessatti qulqullinaan xumuramee tajaajila barbaadamu akka kennuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Misoomichi dinagdeen hawaasummaafi siyaasaa cimanii akka ba’aniif haala kan mijeessu ta’uu himanii, lammiileenis kana beekanii qabeenyasaanii kana haalaan kunuunfachuu qabu. Pirojektiin bajanni guddan baasii itti ta’ee misoomaa jiru kun nama dhuunfaa dinagdeen humneessuurra darbee biyyaaf madda dinagdee waan ta’eef xiyyeffannoon guddaan kennameefii hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Walumaagalatti pirojektiin Iikkoo Tuurizmii Wancii Dandii lammiilee dinagdeen cimsuurra darbee dinagdee biyya utubuu keessatti bakka olaanaa waan qabuuf misoomichi yeroo qabameef keessatti xumuramee abdii irratti gatame akka dhugoomsuuf hordoffiifi to’annoon barbaachisu taasifamuufi qaba. Misoomichi wiirtuu hawwata tuurizmii gola Oromiyaa daawwachiisuun madda galii ta’ee akka tajaajiluuf xiyyeffannoon kennameef cimee itti fufuu qaba.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You