Feestivaala aadaa biyyoota gaanfa Afrikaa walitti fidu, Itoophiyaatti

Afrikaan addunyaarratti ardii guddittii lammaffaafi baay’ina ummataan Eshiyaatti aantee sadarkaa lammaffaarratti argamti. Odolawwan (island’s) isheetti dhihaatan dabalatee bal’inni lafa ishee hanga iskuwer kiiloo meetira miiliyoona 30fi 221 olidha. Waggaa jaha dura, ALA bara 2016 baay’inni ummatashee biiliyoona 1.2 ta’uun yoo galmaa’u, kunis baay’ina ummata addunyaa harka 14 ta’a jechuudha.

Ardiin tun Kaabaan Galaana Mediteraaniyaan, Kaaba Bahaan Suwiiz Kanaaliifi Galaana Diimaa, Kibba Bahaan Garba Indiyaa, Dhihaan ammoo Garba Atilaantikiin daangeffamtee argamti. Afrikaan Madagaaskaariin dabalatee biyyoota 46, odolaan walitti dabalamee biyyoota 57 of keessatti qabdi.

Haalli teessuma lafa biyyoota Gaanfa Afrikaa bakka sadiitti qoodama. Isaanis naannawaalee ol ka’oo, gaarreewwaniifi pilaatoowwan (lafa diriiraa), irraan gadeefi sululaadha. Gaarreeniifi lafti diriiraa irra caalaatti Itoophiyaa keessatti argamu. Biyyoota hafan keessattis darbanii darbanii ni argamu.

Naannawaan lafa dakee ammoo bal’inaan Somaaliyaa keessatti argama. Jibuutiifi Ertiraattis qarqara qaama bishaanii galoo Galaana Eedaniifi Galaana Diimaatiin daangeffamutti argama. Itoophiyaa keessatti bakkeewwan lafa irraan gadee gara Kibbaa naannoo Booranaa, Baaleefi Harargee, naannoo Sulula Qiinxamaa guddaan, gara dhihaatti naannawaa Laga Baaroo irraa hanga Laga Angarab jedhamutti bal’atee argama. Sululli Qiinxamaa Guddaan biyya Sooriyaatii ka’ee Galaana Diimaa keessa qaxxaamuree Itoophiyaa bakka lamatti addaan qoodee darbuun biyyoota kibba bahaa Afrikaa keessa darbuun hanga Moozaambikitti fulla’a.

Kana malees, naannoo biyyoota Gaanfa Afrikaa daangessan qaamaan bishaana’oo gurguddoon Garba Guddaa Hindii, Galoo Galaana Eedaniifi Galaana Diimaadha. Laggeen gurguddoon Gaanfa Afrikaatti argaman Laga Abbayyaa, Takkazee, Marab, Baaroo, Waabee Shabalee, Dawaafi Laga Gannaalee fa’i.

Naannawaa kanatti harawwan uumamaa kanneen akka Hara Shaallaa, Laangaanoo, Danbal, Abijaataa, Hawaasaa, Turkaanaa, Hara Xaanaafaatu argama. Akkasumas harawwan namtolchee kanneen akka Qooqaa, Malkaa Waakkannaa, Fincaa’aa Gilgal Gibee yoo ta’an yeroo ammaa kana ammoo Afrikaafi Itoophiyaarraa bal’inaafi guddinaan kan beekamu hidhi Abbayyaa ni argama.

Ummanni gaanfa Afrikaatti argaman kunneen ollaa walii haata’an malee aadaan isaanii adda adda. Akkaataa teessuma lafaafi haalli qilleensasaanii walfakkaatus walitti dhufeenyi isaan aadaadhaan qaban garagara. Ummata kana gaaddisa tokko jalatti walitti fiduudhaan obbolummaafi tokkummaan isaan gidduutti akka cimu gochuu madiitti walitti hidhamiinsi aadaa akka jiraatu gochuuf feestivaaliin aadaa Itoophiyaatti akka qophaa’u murtaa’eera.

Kanuma bu’ureeffachuun Ministeera Aadaafi Ispoortiirraa ogeessonni aartii, gaazexeessitoonni miidiyaa mootummaafi kominikeetaroonni naannolee adda addaa feestivaalii aadaa biyyoota Gaanfa Afrikaa yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti qophaa’u irratti hubannoo uumuuf torban darbe magaalaa Adaamaatti simpooziyeemiin aadaa adeemsifameera.

Simpooziyeemii kanarratti Obbo Biruuk Kabbadaa gaazexeessaan Raadiyoo Faanaa duraanii akka jedhanitti, walitti hidhamiinsa aadaa biyyoota gaanfa Afrikaa kanaaf mootummoonni biyyoota gaanfa Afrikaa yeroo baay’ee carraaqqii gochaa turaniiru. Fakkeenyaaf “IGAD” jalatti walitti hidhamiinsi dinagdee akka uumamuuf yaaliin taasifamaa turus karaa aadaatiin hinhojjetamne.

Kanaan dura Torban Itoophiyaa jedhamuudhaan magaalaa Finfinneetti aadaa sabaafi sablammoota Itoophiyaatii torban tokkoof kabajamee turuu eeranii, baranammoo biyyoonni gaanfa Afrikaa akka walii galanitti “Torban Afrikaa Bahaafi Giddu Galeessaa” jedhamuudhaan Caamsaa 6 bara 2014 magaalaa Finfinneetti kan kabajamu ta’uu ibsu. Aadan iddoo tokko dhaabatee kan turu osoo hintaane, hawaasa wajjiin kan guddatuufi iddoodhaa gara iddotti kan socho’u ta’uu ibsanii, kana beeksisuu keessatti ammoo ga’een miidiyaa olaanaa ta’uu himu.

Yeroo yaa’iin Gamtaa Afrikaa gaggeeffamu yeroo hunda Muuziqaa Toogoo qofaatu miidiyaadhaan kan dhaga’amu ta’uu kaasanii, silaa kan dhaga’amuun irra ture garuu kan biyyoota miseensoota gamtichaa hunda ta’uu eeru. Bakka bu’oonni biyyoota miseensotaa aadaasaanii akka beekamuuf kan barbaadan ta’ullee, dursee kan beekame kan Toogoo waan ta’eef warra kaanirratti dhiibbaa uumuusaa dubbatu.

Haalli kun akka hafuuf fallisaa dabaree dabareedhaan waggaatti al tokko feestivaaliin aadaa biyyoota kanneenii haala adda addaatiin kabajamee akka ooluuf murtaa’uusaa ibsu Obbo Biruk.

Hojii Afrkaanotaa gadi fageenyaan hojjechuuf afaan, keessumattuu afaan aadaa baay’ee barbaachisaadha kan jedhan ogeesi kun, adeemsa kana keessatti miidiyaan walitti dhufeenya ummattootaaf ga’een inni qabu hunda caalaa guddaa ta’uusaatiin miidiyaa Itoophiyaa hojii kana ga’umsa olaanaadhaan akka ba’atan eegama jedhu.

Itoophiyaan alatti ummanni gaanfa Afrikaa waggota dheeraadhaaf gita bittaa jala turuudhaan aadaa, duudhaafi eenyummaadhaan akka ofitti hinboonne hacuuccaa irra ga’een daangeeffamuusaa yaadatanii, biyyoonni hedduun suuta suuta bilisa bahuudhaan Gamtaa Afrikaa jalatti gurmaa’anis, dhibbaa alagaan isaanirraan ga’ee deeme irraa ka’uun aadaasaanii waljijjiiruu akka hindandeenye himu.

Biyyoonni hedduun aadaasaanii dhiisanii kanneen biyyoota isaan bitaa turanii fudhachuun dhaloota Afrikaa hedduutti fe’aa turaniiru. Fe’umsa kanammoo dhaloonni qaroomaan ammaa kun of irraa buusuudhaan aadaa abbootasaa deebisuun eenyummaa ofii beekuu qaba. Jaarraawwan darban keessa biyyoonni Afrikaa wayita bittaa halagaa jala turan ijoolleen isaanii afaan kan hiikkatan afaan Faransaay, Ingiliizii, Jarman, Porchugaaliifi kkf ture. Manneen barnootaattis barnoonni kan kennamu afaanuma bittootaan waan tureef daa’imman isaanii afaaniifi aadaasaanii dagatanii kanneen halagaa akka cimsan godhamaa ture” jedhu.

Gaanfa Afrikaa keessatti afaanonni hedduun ni dubbatamu kan jedhan Obbo Biruuk, Afaan Oromoo Itoophiyaafi Keeniyaa keessatti bal’inaan akka dubbatamuufi Ruwaandaa, Burundiifi Somaaliyaattis dubbattoota muraasa akka qabu ibsu. Afaan Tigireemmoo Itoophiyaa, Ertiraafi Jibutiitti Kasuwaalins akkasuma Gaanfa Afrikaatti bal’inaan akka beekamuu eeranii, biyyoota addaddaa keessa naanna’uun akkaataa aadaa ummatichaa beeksiisuuf sochiin taasifamu garuu kan hinmul’anne ta’uu himu.

Itoophiyaan biyya biyyoota Afrikaa keessaa walabummaafi bilisummaashee kabachiifattee jiraatte ta’uu himanii, jabana Aksumii kaasee biyyoota ollaa wajjin daldalaan walitti dhufeenya bal’aa taasisuushee seenaan ishee ni mul’isa jedhu ogeessi kun.

Haa ta’u malee, waggoota dheeraadhaaf duubatti deebitee jabana Dargii keessa morma ol qabachuudhaan garee hawwisoo ‘Hizbi Lahizbi’ jedhamu biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, giddu galeesa Eshiyaafi Eshiyaa keessa nannaa’uun aadaa biyyattii akka beeksisan taasifamuusaa kaasu. Kanaanis muuziqaafi sirboota aadaa sabaafi sablammoota Itoophiyaa ji’oota lamaaf agarsiisuudhaan addunyaan hanga tokko biyyattii akka baru taasisuu ibsu.

Haa ta’u malee afaanota, aadaafi jireenya aadaa ummattoota biyyoota gaanfa Afrikaa kanneeniif bu’uura buusuuf feestivaaliin aadaa walitti hidhamiinsaa kun yeroo jalqabaaf magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti akka adeemsifamu taasifamuusaa eeranii, kanaanis akkaataa jireenya ummataa gaanfa Afrikaa, aadaa jireenyaafi nyaataa, kabaja guyyoota ayyaanotaa, agarsiisaa, sirbootaa, muuziqaa, meeshaalee aadaafi faashiniidhaan kabajama jedhu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You