Faalama qilleensaafi fayyaa

(The health effects of air pollution)

Dhalli namaa addunyaa kanarratti yoo uumamu, oksiijiinii malee daqiiqota muraasa qofa, bishaan malee guyyoota xiqqoo, akkasumas, nyaata malee guyyoota xiqqoo jiraachuu danda’a. Wantoota lubbuun jiraachuu dhala namaaf barbaachisan kana rabbi gaafa nama uume itti hinhanqisne. Haa ta’u malee namni gaafa lafa kanarratti uumamee kaasee waantoota kana balleessuu irraa of qusatee hinbeeku.

Oksiijinii kanneen nuuf oomishanii lubbuun nu jiraachisan, biqiltoota muruu irraa dudduuba hinjedhu. Qilleensa qulqulluu akka somba keenya daawwatuuf uumame sanatti xuraawaa warshaalee dabaluudhaan, bishaan qulqulluu lafa keessaa burqutti dhangala’aa xuraawaa naquun xureessee lubbu qabeeyyii bishaan keessaa mirga lubbuun jiraachuu dhorkee, ofiis bishaan xuraawaa dhuga. Mee barruu keenya ammaa kana irratti faalama bishaanii, kan qilleensaafi kanneen biroo altakkaan kaasnee ilaaluu waan hindandeenyeef faalama qilleensaa irratti haa xiyyeeffannu.

Wantonni qilleensa faalan jajjaboon maal fa’i?

Qilleensi jalqaba rabbi dhala namaaf uume, baay’inaan elementii naayitroojiiniifi oksiijiinii kan of keessaa qabuufi qabiyyeen dhukkuba nama irraan ga’an kan keessa hinjirre yoo jechuu baanneyyuu muraasa kan qabudha. Faalama qilleensaa kan jennu walumaagalatti haalli qabiyyee qilleensaa sun yoo jijjiiramu jechuudha. Baay’inaan keemikaalonni ykn elementoonni qilleensatti makamanii qilleensa faalan: Salfar daayoksaayiidii, naayitiroojin oksaayid, beenzen, kaarboon monooksaayiidiifi kanneen biroo fa’i. Wantoonni keemikaalota qilleensa faalan kanaaf madda ta’anii, qilleensa keessa gadi lakkifamanii qulqullina ykn qabiyyee qilleensaa kana balleessan ammoo hedduminaan namtolcheedha. Mee wantoota qilleensa faalan mara kaafnee irratti dubbachuun ulfaatus kanneen hangafaa haa laallu:

  1. Aara konkolaataa: Konkolaataan akkuma baay’ataa deemeen aarri qilleensatti gadi lakkiifamus dabalaa deema. Keessumaa konkolaattonni hojii cimaa (heavy duty vehicles) irratti bobba’aniifi konkolaattonni teknolojii duraaniin omishaman, ga’een isaan qilleensa faaluu keessatti qaban olaanadha.
  2. Aara warshaalee: Warshaaleen akkuma beekamu keessumaa biyyoota guddatan keessatti rakkoo faalama qilleensaa fiduudhaan kanneen maqaa dha’amaniidha.
  3. Balfaafi waantoota dhabamsiisuuf jecha gubaman: Yeroo tokko tokko naannawaa qulqulleessuuf jecha wantoonni gubaman, akka balfaafi wantoota hinfayyadne addaaddaa kara biraan qilleensa garmalee faala. Keessumaa ammoo wantoota yoo gubatan qilleensa haala addaan faalan akka qorichootafi keemikaalota adda addaa gubuu irraa of qusachuun hedduu barbaachisaadha. Kanaaf namni balfa tokko dhabamsiisuuf gubu waa’ee balfa gubatu sanaa sirritti beekuu qaba jechuudha. Akkas ta’uu baannaan naannoo qulqulleesuuf jennee qilleensa faalle jechuudha.
  4. Aara mana nama dhuunfaa keessaa ba’u: Kun keessumaa biyya keenya keessatti baay’inaan akka madda anniisaatti hawaasni qoraan (muka) waan fayyadamuuf aara hedduutu gadi lakkifama. Keessumaa haadholiin faalama qilleensaa mana keessaa kanaaf hedduu saaxilamoodha. Faalamni qilleensaa mana keessaa kun, dhibee yeroo dheeraa dhala nama irraa ga’uu isaa irra darbee, yeroo tokko tokko battalumatti illee lubbuu galaafachuu mala. Fakkeenyaaf yeroo tokko tokko mana cufanii cilee (charcoal) abidda qabu aarsanii turuun (keessumaa ammoo mana keessatti cileetti abiidda qabsiisanii rafuun) mataa dhukkubsuu irraa eegalee haga ofwallaaluufi lubbuu dabarsuutti kan nama miidhuudha. Kunis baay’inaan gaasii kaarboon momooksaayiid waan gadi lakkiifamuuf, summii ta’ee haala salphaan lubbuu galaafata.

Faalamni qilleensaa akka addunyaatti waggaa waggaan lubbuu hagam gaalafata, biyyoota kam faa keessattis baay’ataa?

Ragaan dhaabbata fayyaa addunyaa akka gabaasetti, bara 2012 (waggaa tokkicha) keessatti qofa namootni baay’inaan miliyoona torba ta’an sababa faalama qilleessaan akka addunyaatti lubbuu isaanii dhabaniiru. Faalamni qilleensaa kunis faalama qilleensaa mana keessaa (indoor air pollution)fi faalama qilleensaa bakkee (outdoor air pollution) ta’uu kan danda’uudha.

Faalama qilleensaa yoo jedhamu duraan biyyoota guddatanii akka Awurooppaafi Ameerikaa, warreen industirii hedduu qaban irra jireessaan kan miidhu jedhamee yaadama. Haa ta’u malee yeroo ammaa kanatti ragaan jiru sanaan kan waldhiitudha. Sadarkaa qulqullina qilleensaa dhaabbanni fayyaa addunyaa baase “WHO air quality standard” irratti hundaa’uudhaan, magaalotni biyyoota guddataa jiranii (kanneen baay’ina ummataa kuma 100 ol qaban) dhibbeentaa 97% kan ta’an, sadarkaa qulqullina qilleensaa sadarkaa fayyaa miidhu keessatti argamu. Gama biraan ammoo magaalota qabiyyee ummataa walfakkaataa qaban kan biyyoota guddatanii ammoo yoo ilaalle dhibbeentaa 41% kan ta’antu qulqullina qilleensaa fayyaa miidhu qaba. Kun dandeettiin dhukkuboota yaaluu biyyoota guddataa jiranii (haala walga’iinsa tajaajila fayyaafi dinagdee ilaaluudhaan) waliin walta’ee “cittoo irratti fanxoo” kan jedhan sana ta’a.

Faalamni qilleensa dhukkuboota akkam akkamiif nama saaxiluu danda’aa?

Faalamni qilleensaa dhukkubootaafi dhibeewwan inni nama irraan ga’u haaluma waan qilleensa san faale waliin walhaaqabatu illee malee, walumaagalatti garuu dhukkuboota sirna onneefi dhiigaa (cardiovascular disease), dhukkuboota sirna hargansuu (respiratory disease) fi kaanseriwwan adda addaa, keessumaa kaansarii sombaa nama irraan ga’a. Faalamni qilleensaa dhukkuboota inni nama saaxiluuf lakkoofneefi sirriitti qorannee bira ga’uun ulfaataa ta’us haguma ammaa kan sirriitti beekaman balaan fayyaa inni dhalla namaa irraan ga’u maal fa’i kan jedhuuf:

  • Dhukkuba onnee (ischemic heart disease): dhukkubni onnee lubbuu namaa balleessuun akka addunyaatti sadarkaa 1ffaa irra jiraachuun akkuma beekamutti ta’ee, dhukkuba onnee ‘ischemic heart disease’ jedhamu kana keessaa haga dhibbeentaa 40 kan ta’u kan nama qabu sababa faalama qilleensaa akka ta’e himama. Dhukkubni onnee kun keessumaa faalama qilleensaa kan bakkee (outdoor air pollution) irraan kan nama hubudha.
  • Dhukkuba Istirookii (Stroke): Dhukkubni istirookiis akkasuma gara dhibbeentaa 40 kan ta’u faalamuma qilleensaa kana waliin akka walqabatu ragaaleen ni ibsu.
  • Dhukkuba somba ukkaamsu kan yeroo dheeraa (Chronic obstructive lung disease): Dhukkubni kun yeroo hedduu namoota aarri mana keessaa umurii dheeraa isaan hubeefi kanneen aarri tamboof saaxilaman kan hubudha. Dhukkubni kun somba dadhabsiisaa deemuuun dhumarratti namni dhukkuba kanaan hubame akka oksiijiinii malee socha’uu hindandeenye taasisa. Oksiijiiniin ammoo carraan mana keessaa qabachuu dhukkubsattoota biyyoota guddataa jiran akka biyya keenyaa baay’ee gadi bu’aa waan ta’eef, yaala barbaachisu illee osoo hinargatin lubbuun darbu jechuudha.
  • Kaansarii sombaa (lung cancer): Kaansariin sombaa kaansarii kami olitti dhala namaa lubbuu galaafachuun kan beekamu ta’ee, irra jireessaan (haga dhibbeentaa 90) aara tamboo waliin kan walqabatu yoo ta’u, faalamni qilleensaa illee dhibbeentaa ja’a kan ta’u ga’ee keessaa qaba. Baay’ina nama waggaatti kaansariin sombaa galafaatuu waliin walbira qabnee yoo ilaallu dhibbeentaan ja’a kun gara lakkofsa guddaatti hiikama.
  • Infekshinii sombaa daa’immanii (lower respiratory tract infections in children): Kun baay’inaan faalama qilleensaa mana keessaa irraan daa’imman xixiqqoo kan hubuudha. Kunis faalamni qilleensaa mana keessaa kun akka sirni argansuu daa’immanii seeraan dhukkuba ofirraa hinqolanne taasisuudhaan, infekshiniif waan isaan saaxiluufdha.

Walumaagalatti dhalli namaa gama tokkoon teknolojii fayyadamee jireenya ofii fooyyeffachuuf tattaffii inni guyyaa guyyaan taasisu, kara biraan ammoo fayyaa isaa irratti akka dhiibbaa fidu hubatee yoo walmadaalsisee gara ququllina qilleensaa eeguutti kan hindeebine ta’e, faalamni qilleensaa lubbuun dhalli namaa lafa kana irra turu (life expectancy) akka gabaabbataa deemuu shakkiin hinjiru.

Kanaaf amma dandahame akka dhuunfaattis tahe akka biyyaattii dhimma faalama qilleensaa kanarratti xiyyeeffannoo guddaan kennamuu qaba.

Fayyaa hindhabinaa

Dr Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Ebla 1 Bara 2014

Recommended For You