Waancaa Kubbaa miilaa Addunyaafi hirmaannaa Afrikaa

Finfinnee: Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa kan Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa “FIFA”n qophaa’u akka adeemsifamuuf yaadnisaa kan dhihaate ALA bara 1920 Beeljiyeem, magaalaa Antiwerpi jedhamutti.

Haata’u malee, Waldaan Kubbaa miilaa addunyaa waggoota sagal booda bara 1929 yaa’ii Ispeen, magaalaa Baarseloonaatti adeemsifatetti waancaan kubbaa miilaa Addunyaa waggaa afuritti al tokko akka qophaa’u murtee dabarse.

Murtee waldichaa kana bu’uureeffachuun waancaan kubbaa miilaa addunyaa ALA bara 1930 Ardii Ameerikaa Kibbaa Uraaguwaayitti akka adeemsifamu ta’eera. Seenaan isaa akka mul’isutti walmorkiin Waancaa Kubbaa miilaa Addunyaa kun erga jalqabee waggoota 92 lakkoofsiseera. Sababii waraana addunyaa lammaaffaatiin bara 1942fi 1946 addaan cituun alatti yeroo isaa eeggatee waggaa afur afuritti al tokko biyyoota miseensota waldichaatti yeroo 21f adeemsifameera. Waggoottan kanneen keessatti biyyoota miseensota waldichaa 215 ta’an keessaa kan hirmaatan 84 qofa ta’unis beekameera.

Afrikaan waancaa addunyaa kanarratti hirmaachuf carraa kan argatte ALA bara 1934 waancaa lammaffaa kan Xaaliyaan qopheessiterratti ture. Kan hirmaattes biyya Misiraati. Haata’u malee waggoota 32f waancaa kanarraa fagaachuun ALA bara bara 1974 waancaa 10ffaa Jarman Lixaa qopheessiterratti Zaayer ishee bakka bu’uudhaan hirmaatte. Eddasii kaasee osoo addaan hinkutin hirmaachaa jirti.

Biyyoota miseensota Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa “FIFA” Afrikaa 54 keessaa carraa hirmaannaa kan argatan 13 qofa. Isaanis, Misir, Kotidivaariifi Seenegaal yeroo sadi sadii, Kaameeruun yeroo torbaaf, Tuniziyaa, Morookoofi Naayijeeriyaan yeroo shan shan, Aljeeriyaafi Gaanaa, yeroo afur afuriif, Afrikaa Kibbaa al lamaaf, Zaayer, Toogoofi Angoolaa yeroo tokko tokko hirmaataniiru.

Walmorkiin Waancaa kubbaa miilaa addunyaa kun yeroo 21 kan qophaa’e ta’us biyyoonni Afrikaa bakka bu’uun hirmaatan kanneen keessaa tokko illee waancaaf dhihaachuu hindandeenye. Inumaayyuu walakkaa irboo maahessaa qaqqabuu hindandeenye.

Walmorkiin kun yeroo 22ffaaf ALA Sadaasa 21 hanga Muddee 18 bara 2022 Istaadiyoomota Kuwaataar saddeetitti adeemsifama jedhamee eegama. Hirmaattonnis biyyoota 32 yoo ta’an, hanga ammaatti biyyoonni 27 tikeetii kutachuun gara Kuwaataaritti qajeeluuf qophiirratti argamu. Kanneen hafan ammoo taphawwan gulaalaa dhaqaafi deebii isaan eeggatu godhachuun qabxii gaarii kan galmeessan biyyootan darbanitti makamuuf shaakala guddaa keessa jiru.

Waancaa kanarratti Awuroppaarraa biyyoonni 13, Ameerikaa Kibbaarraa afur, Eshiyaarraa afur, Ameerikaa Kaabaafi Giddu Galeessaarraa afur, Afrikaarraammoo biyyoonni shan ni hirmaatu. Afrikaa bakka bu’uudhaaf carraa kan argatan Gaanaa, Moorokoo, Tuniziyaa, Seeneegaalifi Kaameeruuni. Isaan keessaa Kaameeruun yeroo torbaffaadhaaf hirmaatti. Tuniziyaafi Moorokoon yeroo shan shaniif Afrikaa bakka bu’uun carraa hirmaachuu argataniiru. Gaanaan yeroo arfaffaaf, Seeneegaal ammoo yeroo sadaffaaf hirmaatu.

Biyyoonni Misiriifi Naayijeeriyaa hawaasa Afrikaa biratti Waancaa 22ffaa kanarraatti ni hirmaatu jedhame eegamaa turus gulaalaa ala ta’anii hafaniiru.

Misir waancaa kubbaa miilaa Ardii Afrikaa yeroo 7ffaaf fudhachuudhaan kan beekamtuudha. Waancaa Addunyaa kanarrattis hirmaachuudhaan muuxannoo yeroo dheeraa kan qabdu ta’usheetti kan baranaa kanarrats ni hirmaatti yaada jedhutu ture.

Naayjeeriyaanis gamasheetiin waancaa Afrikaa fudhachuudhaan kan muuxannoo qabdu ta’uushee malee gareen ishee taphattoota piroofeshinaalotaan kan ijaarameefi cimaa ture. Haata’u malee biyyoonni barana Afrikaa bakka bu’uun hirmaatanis kanaan dura muuxannoo kanneen kuufatan waan ta’eef shaampiyoonaa ta’uu baatanis dorgomtoota ciccimoo ni ta’u yaada jedhutu jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You