“Burqaan kaleessaa har’as hingogne” -Komaandar Huseen Shaboo

 Finfinnee: Ispoortiin atileetiksii dorgommiiwwan baay’ee kan ofkeessaa qabu, hunda caalaa meedaaliyaawwan baay’ee kan itti argamuufi daran dadhabsiisaadha. Dorgommiiwwan atileetiksii dadhabsiisoo ta’an keessaammoo fiigichi fageenya dheeraafi gufachiisaa adda durummaan kan eeramuudha.

Itoophiyaanis walakkaa jaarraa tokkoo oliif addunyaarratti kan ittiin beekamtu fiigicha maaraatoonii kiloo meetira 42:195 irraa kaasee hanga kuma tokkoofi 500n meedaaliyaawwan heddu fudhachuudhaan kan beekamtu gosuma kanaani. Dhiheenya kanas kanumatu dabalamaa jira.

Kanuma ilaalchisuun leenjisaan garee biyyaalessaa atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Huseen Shaboo ibsa dheengadda Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin, qabxiin argame qaama tokko qofaan osoo hinta’iin kan dhimmichi ilaallatu maraani jedhu.

Kanaan dura atileetonni fedhii maanaajarootaa qofaan dorgommiiwwan biyyoolessaa barbaadanirratti hirmaachaa turan. Kanumarraa kan ka’e federeeshinii atileetiksii Itoophiyaafi qaamoolee atileetoota ispoonsara godhan jidduutti gufuutu ture. Rakkoon sun hiikamuusaatiin qabxii duraan ture deebisuun danda’amuu ibsu.

“Qabxii barbaaddee atileetiksiifi atileetota unkuruun sirra hinjiru. Atileetonni tasgabii barbaadu. Leenjisaan tokko atileetota isa jala jiraniif leenjisaadhas, abbaadhas. Yoo baleessan gorsuutu isarraa eegama. Itti dheekkamuun hinbarbaachisu. Dheekkamuurra obsaan gorsuu qaba. “Waliigalan alaa galan” akkuma jedhamu mariidhaan hojjechuun qabxii hawwitu argachuu dandeessa. Kana ta’uu baannaan bakka barbadde gahuu hindandeessu” jedhu.

Yeroo ammaa kana Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, kilaboonni atileetotaa, leenjistoonni, maanaajaroonni, waldaaleen atileetiksiifi miidiyaan tokko ta’uudhaan hojjechaa waan dhufaniif qabxiin kun argamuufi fuuldurattis akkanumaan itti fufuu akka barbaachisu ibsu.

Addunyaarratti sababa weerara vaayirasii Kovid-19n ispoortiin atileetiksii yeroo muraasaaf dadhabee turuu kaasanii, Itoophiyaan pirootokoolii Kovid-19 kabajuudhaan dorgommii gaggeessaa akka turteefi kanarraa ka’uun atileetonni dorgommiiwwan ittiin hirmaatan hundatti rikardii iddoo sanaa fooyyessuudhaan mo’achaa jiraachuu dubbatu.

Akka ibsa Komaandar Huseenitti, kanaan dura gootonni atileetota biyyattii dorgommiiwwan irratti hirmaatanitti atileetota biyyoota biroo osoo of giddu hingalchiin walduraa duuba galuun waan mo’ataniif maqaa masoo “Galaana Magariisaa (The Green flood)” jedhamuun waamamaa turan. Maqaan sun ammas deebi’aa jira.

Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa baranaa mana keessatti adeemsifametti addunyaafi Afrikaarraa tokkoffaa ba’uudhaan maqaa san irra deebiidhaan mirkaneessuun isaanii ragaadha jedhu. Kanaafuu burqaan atileetiksii kaleessaa har’as waan hingogneef qabxii argame kanaan osoo hinbooniin Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaan ji’a Hagayyaa bara 2014 Ameerikaa, magaalaa Yuujiin adeemsifamuuf ciminaan hojjechuun qabxii kana eegsisuu akka qaban dhaamu.

“Shaampiyoonaa kanarraa mootummaafi ummanni Itoophiyaa meedaaliyaawwan bare dhabuu hinqabu. Kanuma bu’uureeffachuun Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, atileetonni, leenjistonni, kilaboonni, hakimoonnifi maanaajaroonni tokko ta’uun ciminaan hojjechuu qabu jechuudhaan dhaamsa dabarsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You