Ma l a a m m a l t u m m a a n qabeenya hawaasaa faayidaa dhuunfaaf itti fayyadamuu, qabeenya seeraan argachuu hinqabne aboo qabanitti ykn bakka jiranitti fayyadamuun argachuuf yaaluu akka ta’e maxxansa darbe irratti agarreerra. Haata’u iyyuu malee malaammaltummaan bifa garaa garaa akka qabu qorattoonni gama kanaan hojjetan nimirkaneessu. Egaa malaammaltummaan bifa tokko qofa kan qabu miti. Maxxansa keenya kana keessatti gosa malaammaltummaafi bifa isaa gabaabaatti haa ilaallu.
Gosa malaammaltummaa keessaa inni jalqabaafi baay’een keenya beeknu matta’aa jedhama. Matta’aan karaa seeraa ala ta’een maallaqa kennuu ykn fudhachuudha. Matta’aan bifa mallaqaan ykn waan namni tokko namaaf ooleef jecha waan kennamuuf of keessatti hammata. Matta’aan namoota aangoorra jiran, namoota dhiibbaa geessisuu danda’aniif kennama. Namoota haala jiru jijjiiruu danda’an, aboon isaan qaban nama kan biraa irratti dhiibbaa geessisuu kan danda’u, namoota hojiitti qacaruus ta’e geggeessuu danda’an, namoota hojjettootaaf faayidaa garaa garaa kennuu danda’an, fakkeenyaaf jijjiirraa, guddinaafi kanneen kana fakkaatan hojjechuuf aboo namoonni qabaniif kan kennamuudha.
Inni lammaffaan qisaasuu, galfata nyaachuu jedhama. Namni dhuunfaan ykn gartuun amanamoo hintaane dhaabbata tokko keessa yeroo hojjetan qabeenya dhaabbata isaanii ykn qabeenya namoota wajjin hojjetanii yoo hinsafeeffatan ta’eefi jalaa nifudhatu ta’e gosa malaammaltummaa kanaa jalatti ramadama. As irratti namoonni falmii adda addaa nikaaasu. Sababiin isaa namoonni tokko tokko inni kun malaammaltummaa utuu hintaane hanna jedhama jedhu. Kaan ammoo bifa malaammaltummaan qabu keessaa tokko kan ofii kan hintaanetti garmalee fayyadamuu sababa ta’eef malaammaltummaa keessatti ramadamuu qaba jedhanii falmu. Haa ta’u iyyuu malee aboo qabanitti fayyadamanii qabeenya dhaabbata tokkoo qisaasessuun malaammaltummaadha.
Biyyoota hedduu keessatti rakkoon hamaan kun nimul’ata. Angawoonni qabeenya biyyaas ta’e kan dhaabbilee garaa garaa dhimma dhuunfaa isaaniif itti fayyadamuun bifa malaammaltummaan ittiin mul’atu keessaa tokko. Egaa namni tokko aboo qabutti hirkatee qabeenya dhaabbata tokkootti fayyadamuun, faayidaa namni kan biraa argachuu qabu jalaa sarbuun malaammaltummaadha.
Gosni malaammaltummaan ittiin mul’atu inni sadaffaan soba jedhama. Gosni malaammaltummaa kun gowwoomsuufi kkf. jedhamee waamama. Yakki kun yeroo hedduu gama dinagdeen taasifama. Gartuu kana keessatti namoonni ramadaman angawoota sadarkaa garaa garaa irra jiran yeroo ta’u, isaanis bakka qabanitti fayyadamanii dantaa mataa isaanii guuttatu. Darbees bakka jiranitti fayyadamuun malaammaltummaan hawaasa keessatti akka babal’atuuf sababa ta’u. Hawaasni yeroo saamamu itti hindhaga’amu; homaa tokko hindubbatan. Sababiin isaa ofii isaaniitiis harki isaanii qulqulluu miti. Malaammaltummaan kan xuraa’eedha. “Sareen teessumni ishee dhibee qabu akka garaa ishee hinduttu” jedhu mitiiree? Ofiif sababa harki isaanii qulqulluu hintaaneef namoonni akka dhuunfaattis ta’e akka walootti ijaaramanii yeroo hawaasas ta’e biyya saaman dhimma hinqaban. Sirreessuufis fedhii hinqaban. Yoo rakkoo inni kaan uumu sirreessuu yaalan kan isaaniitu gadi ba’a.
Yeroo tokko tokko hawaasni namoota malaammaltummaan isaan dararsan akka irraa tasgabbeessaniif qaama dhimmi isaa ilaallatutti yeroo iyyatan nama iyya isaaniitti dirmatu dhabu. Rakkoo isaanii namni dhaggeeffatee mala dha’uuf hinjiru. Sababiin isaa qaamni saamichaan hawaasa dararsus ta’e kan itti iyyatan haala walfakkaataa keessa jiraachuu danda’u. Dhuma irratti fala yeroo dhaban, dhimmi isaanii yeroo lafa irra jalaa harkifamu, lafa dhaqan yeroo dhaban malaammaltummaa kennuuf dirqamu. Yakka kanas nibabal’isu. Maraammartoon akkasii itti fufaa deema jechuudha.
Karaa adda biraa ammoo bifa malaammaltummaan ittiin mul’atu keessaa tokko sodaachisuun horii ykn qabeenya namaa fudhachuu yoo ta’u, inni kun yeroo hedduu humnatti fayyadamuun, nama tokko sodaachisuun qabeenya isaa fudhachuudha. Kolboo (jeequmsa) kaasuun ykn rakkoo uumametti fayydamuun qabeenya namaa saamuudha. Seeraan ala qabeenya namaa goolii ka’etti fayyadamuun fudhachuudha. Namoonni isa kana dalagan yeroo hedduu gurmaa’uun hawaasa sodaachisuun akka isaan maallaqa kennan taasisu. Qindaa’anii yakka dalaguudha. Sodaa namatti naquun qabeenya namaa saamuudha.
Egaa namoonni hedduun rakkoolee garaa garaatti fayyadamuun qabeenya hawaasaa saamu. Inni kun yakka hamaadha. Namoonni gara kanaan qoratanis gosa malaammaltummaa keessatti ramadu. Rakkoo jirutti fayyadamanii, haala mijataa qabanitti waa’ee ba’uun qabeenya biyyaas ta’e kan namoota dhuunfaatti seeraan ala kan ofii godhachuuf yaaluun yakka. Yeroo tokko tokko qaamni aboo qabu qabeenya hawaasaa, kan daldaltootaa, kan dhaabbilee garaa garaa seeraan alatti humnaan harkaa fuudhachuuf yaluun malaammaltummaa akka ta’e qorattoonni kanneen akka ‘Andiviig’ ni addeessu. Humnaanis ta’e hojii tokko raawwachuuf maallaqni ykn qabeenyi hawaasaa seeraan ala namoota aangoo qabaniin fudhatamu bifa garaa garaa yoo ta’e illee, hundi isaanii seera ala qabeenya hawaasa irraa argamuudha. Kanaaf malaammaltummaadha jedhanii amanu.
Gosni malaammaltummaa inni kan biraa loogii isa jedhamuudha. Yeroo tokko tokko qabeenyi biyyaa yeroo naannoolee gara garaatiif hiramu karaa seeraan alaa loogii gochuun walcaalchisanii hiruu danda’u. Inni kun haala addaa addaa irratti kan hundaa’u yoo ta’ellee, qorattoonni garaa garaa gosa malaammaltummaa keessaatti ramadu. Isa tokkoof sababa quubsaa utuu hinqabaatin kan argachuu maluu olitti kennuuf; isa kaan ammoo seerri kan kennuuf sarbu. Kanaaf loogiin bifa malaammaltummaa keessaa tokko.
Bifni loogiin ittiin mul’atu isa kana qofa miti, Fakkeenyaaf, yeroo hojiif nama qacaran loogiin ta’u malaammaltummaadha. Namoota bakka tokkoof barbaadaman utuu hinta’in fira ykn hiriyaa ofii qacaruun isa beekumsa barbaachisaa qabu alatti hambisuun loogiidha; loogiin ammoo yakka; malaammaltummaadha. Inni kun namoota aangawoota siyaasaa ykn namoota dhaabbilee garaa garaa hooggananiin kan raawwatuudha. Sababiin isaa yeroo nama qacaran nama bakka barbaachisu tokkoof ta’u utuu hinta’in firummaa sababeeffachuun bakka argata. Namni beekumsaafi qophii barnootaa sirrii qabu utuu jiruu inni fira qabu ykn hiriyaa qabu bakka argata.
Karaa biraas geggeessitoonni gita addaa addaa irra jiran yeroo ministeerota ykn aangawoota mootummaa gita addaa addaa irratti ramadan loogiin isa itti siqan bakka gaarii kaa’u; isa kaan ammoo of irraa achi qabu. Inni kun gosa malaammaltummaati. Namoota beekumsa qaban, namoota dandeettii biyya jijjiiruu qaban alatti hambisu. Yeroo tokko tokko seera biyyaa jala dhokatanii isa kana dalaguu nidanda’u. Yeroo tokko tokko eeggannoon hintaasifamu taanaan seera jiru dabalatee wantoonni hedduun loogiif daandii ta’uu nidanda’a. Kanaaf namoota biyya geggeessanis ta’e kanneen dhaabbilee garaa garaa hogganan yeroo firoota isaanii ykn hiriyoota isaanii loogiin qacaran nama sana qofa gargaaruuf utuu hinta’in aangoo irra turuuf sababa isaan gargaaruuf yakka kana keessa seenu. Daandii loogii keessaa inni kan biraan ammoo maatiin tokko ykn firoonni dhiigaan walitti dhiyaatan waajjira tokko keessa ykn aangoo siyaasaa to’achuun malaammaltummaadha.
Darbees malaammaltummaan bifa garaa garaan geggeessitoota biyyaa, ministeerota, namoota aangoo siyaasaa qabaniin kan raawwatu yoo ta’u, gosni malaammaltummaa hamaa kun namoota jijjiirama fiduu dandaa’u jedhamanii itti amanamuun kan raawwatu ta’uu danda’a. Yeroo tokko tokko seerri kan jedhuufi akkaataa isaan itti hojjetan adda ta’a. Seerri jiru hawaasa kan fayyadu utuu hinta’in fedha geggeessitoota muraasaa kan utubu ta’a. Yeroo akkasii irraa jalaan seerriifi heerri humna dhabaa, lolaan seeraan alummaa dhaloota dhaalaa, walamantaa hawaasaafi mootummaa gidduu jiru diigaa deema.
Karaa biraas gita ministeerotaafi kaabinoota qofa utuu hinta’in hawaasatti siqanii tajaajila qaamni kennan kanneen akka mana yaalaa, dhaabbileen gibira kanfalchiisan, manneetiin barnootaa, ragaalee garaa garaa dhaabbileen kennan, qaamni nageenya eegsisu, qaamni hawaasa sadarkaa gadii jiruuf dhimma garaa garaa raawwatu walumaagalatti qaamni hawaasa sadarkaa gadii wajjin oolu hawaasaaf horii malee, firummaa ykn beekumsarratti hundaa’uun dhimma isaanii yoo ni raawwataaf ta’e malaammaltummaa birookiraasii hawaasa dhaaleera jechuudha. Inni kun sadarkaa hawaasaatti aarsuun akka isaan mootummaa irraa abdii dhaban, akka amantaa irraa dhaban taasisuun sababa goolii ta’uu danda’a. Bakka malaammaltummaan siyaasaa jiru malammaltummaan sadarkaa gadiittis lubbuu cimaa horata. Dhukkubni malaammaltummaa siyaasaa salphaatti hidda caasaa jiruu keessa tamsa’ee sadarkaa gadiitti qaama tajaajila hawaasaa kennu cina ga’uu danda’a. Malaammaltummaan akkasii irraa jalaan hawaasa nyaata taasifata. Keessaa funaanuun isaa salphaa miti. Caasaa hundumaatti bu’uu gaafata.
Walumaagalatti malaammaltummaan sadarkaa namoota biyya geggeessanii eegalee hanga namoota hawaasaa wajjin daandiirra oolaniitti dhukkuba faca’ee hawaasa dararsu, qabeenya biyyaa kan qisaasessu, fira badhaasee beekaa kan karaa irraa maqsu, egeree biyyaafi dhalootaa kan miidhu, dhumarratti hawaasa aarsuun tarkaanfii hinbarbaachisnetti kan geessu gocha hamaadha.
“Malaammaltummaan dinagdee nimiidha. Hanga malaammaltummaan guddatu misoomni quucara, dimookiraasiin dhorama. Malaammaltummaan dhukkuba hamaa dhaloota miidhaa jiruudha. Daawaan isaa garuu iftoomina. Baasanii dubbachuudha. Xiyyeeffannoo mootummaafi hawaasaa gaafata.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014