Imalli badhaadhinaa fanxaaleyyiidhaan gufachuu hinqabu

Ummanni Oromoofi Amaaraa seenaa waliinjireenyaa waggoota dheeraa kan qabu yoo ta’u, walfuudhees walirraa horeera. Oromoon Amaaraaf gaachanaafi da’oo ta’uun waggoota dheeraaf osoo addaddummaasaanii hin yaadatiin waliin jiraataniiru. Dargaggoonni Amaaraa gaafa wayyaaneen dhiiga qeerroo akka bishaanii jigsitu dhiigni Oromoo dhiiga kooti jechuudhaan mormiisaanii mul’isaniiru.

Yeroo dhihoodhaa as garuu finxaaleyyiin garagaraa saboota seenaa waliinjireenyaa dheeraa qaban kanneen walitti buusuudhaan daldala siyaasaa gaggeeffachaa jiru. Ajandaa bocanii qopheeffatanii, ofiin jeequmsaafi walitti bu’iinsa uumuun “Oromoo ka’i Amaarri si fixe yeroo biraammoo Amaaraa ka’i Oromoon si fixe” jechuun abiiddaafi cidii gochuuf wiixxifachuu hindhiisne. Torban kanas humnoonni saboota kanneen walitti buusuudhaaf rafanii hinbulle kun dhiigni lammilee qulqulluu akka dhangala’u godhaniiru. Gochaa kanaan qaamolee nageenyaa dabalatee lammileen nagaa du’aniiru.

Kanaan walqabatee mootummoonni naannolee lamaanii ibsa ejennoo kan baasan yoo ta’u, gochaa humnoota finxaaleeyyiitiin badhaadhinni biyyattii gufachuu akka hinqabne jala muranii ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, haleellaan humna finxaaleyyii kun yeroo akka mootummaatti tarkaanfiiwwan murteessaa walooma, walitti dhufeenyaafi obbolummaa cimsan fudhachaa jirrutti ta’uunsaa, ergamaafi kaayyoo badii humnoota gufachiisoo kanaa caalmaatti kan saaxilu ta’uu ibsa. Akka biyyaafi ummataatti tulluu jibbiinsaa jigsuudhaan tokkummaa sabdaneessummaa mirkaneessuufi imala badhaadhina hundagaleessaa milkeessuuf yeroo ifaajamaa jiru kanatti, taatee suukanneessaafi jibbisiisaa akkanaa keessummeessuun akka hinmalles ni kaasa.

Haata’u malee, humnoonni finxaaleyyii ummattoota obbolaa Amaaraafi Oromoo walitti buusuuf tirtiraniifi imalli milkaa’ina biyyaafi ummataa isaan wareersu ammas kiyyoo badii isaanii diriirsuurraa of qusachaa akka hinjirre kan eeru ibsichi, mootummoonni naannolee Oromiyaafi Amaaraa waliin ta’uudhaan bakka haleellaan kun itti raawwatametti hordoffii gochuu eegaluufi finxaaleyyii gocha gara jabinaa kana raawwatan sakatta’anii adda baasuudhaan seeratti dhiyeessuufi itti gaafatamummaa hordofsiisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsa.

Ummattoonni naannolee lameenii tokkummaa obbolummaa isaanii cimsatanii, humnoota finxaaleyyii farra duudhaa waliin jireenyaa ta’an cichanii akka saaxilaniifi tarkaanfii mootummaan fudhatu akka tumsan waamichi mootummoota naannoolee lamaan irraa darbeera.

Ummanni naannoolee lamaaniis kaayyoo finxaaleeyyii kana hubachuun yaadnisaanii akka galma hingeenyeef tumsuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You