Omisha qamadii jallisiin omishame cancala gabaa gabaabsuun fayyadamtoota biraan ga’uuf

Mootummaan fedhii qamadii biyya keessaa guutuufi qamadii alaa galu hambisuun sharafa alaa oolchuuf hojii misooma qamadii waqtiiwwan garagaraatti taasifamuun cinaatti omisha qamadii waqtii bonaatiif xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jira. Gama kanaan keessumaa waggoota sadan darban hojiilee jajjabeessoo hojjetamuun bu’aan abdachiisaan galmaa’eera.

Ta’us, gama omisha qonnaa gatii madaalawaadhaan bitataa biraan ga’uutiin akkasumas, qonnaan bulaa gatii ifaajjiisaa argachuutiin yeroo baay’ee hanqina olaanaatu jira. Keessumaa cancalli gabaa omishaafi bitataa gidduu jiru rakkoo waggootaaf kan tureedha. Kanarraa kan ka’e qonnaan bulaan gatii dafqasaa dhabaa, bitataan immoo baasii humnaa oliif saaxilamaa turaniiru.

Komishiniin Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaas rakkoon kun furmaata akka argatuuf hojii bal’aa hojjetaa jira. Qonnaan bultoonni walitti waldaadhaan gurmaa’anii omishasaanii dhiheessuun waan isaaniif malu akka argatan, bitattoonnis waan humnasaanii gituun akka bitataniif hojjechaa jira.

Gama kanaan ammallee wantoonni hafan jiraatanis bu’aa jajjabeessaan ittiin argamaa jira. Komishinichi ammas qamadiin jallisiidhaan omishame kuntaalli miliyoona 16 ni sassaabama jedhamee eegamaa jiru rakkoo walfakkaataaf akka hinsaaxilamneef gamanumaa hojjechuurratti argama.

Tibbanas warshaalee qindeessitootaa wajjin waltajjii qopheessuun haala cancala gabaa seeraan alaa dhabamsiisuun qamadii omishametti sona dabalanii gatii madaalawaadhaan bitattoota biraan akka ga’aniif marii taasisee ture.

Maricharratti argamuun haasawa kan taasisan komishinarri ittaanaa komishinichaa Obbo Abdii Muummad akka jedhanitti, misooma qamadii jallisii bonaatiin marsaa duraa omisha kuntaala miliyoona 16 sassaabuuf karoorfame keessaa kuntaalli miliyoona 9.63 gabaaf kan dhihaatuudha.

Kana keessaas kuntaala 1.3 kan ta’u waldaaleen hojii gamtaa ofisaaniitiin, kuntaala miliyoona 1.1 ammoo warshaalee qindeessitoota waliin gabaaf ni dhiheessu jedhamee eegama.

Gabaa omisha qamadii jallisii bonaa kanatti yuniyeenonni 47 naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaafi Sidaamaa kan hirmaatan ta’uus eeranii, kunis karaa seera qabeessaan sirna gabaaf akka dhihaatu ni hojjema jedhu

Wayita ammaa sirni gabaa seerdhabeessi biyyattii keessatti mul’atu omishni bakka yaadame akka hingeenyeef danqaa ta’aafi sirna gabaa burjaajessaa jiraachuu kaasanii, sirna omisha qonnaan bulaatiin namooti muraasi ittiin durooman kana balleessuun fayyadamummaan haqaqabeessi akka jiraatuuf waldaaleen hojii gamtaafi warshaaleen qindeessitoonni ittigaafatamummaa biyyaaleessaawaa olaanaa akka qaban ibsu.

Omishi qamdii jallisii bonaa kunis kuntaala tokkollee ta’u akka daldaltoota seeraan alaa harka hingalleef xiyyeeffannaadhaan hojjetamuu akka qabu kan himan Obbo Abdiin, milkaa’ina kanaafis waldaaleen hojii gamtaafi warshaaleen qindeessitootaa waliigaltee walitti hidhamiinsa gabaa yeroofi qulqullina bu’uureffate kallattiidhaan walii mallatteessuun sirni gabaa si’ataafi waaraa akka jiraatuuf hojjechuu akka qaban hubachiisu.

Komishinichatti Daarektarri Gabaa Hojii Gamtaa Aadde Yirgaalam Inniyawu gamasaaniin barreeffama marii waltajjicharratti dhiheessaniin waldaaleen hojii gamtaa, guddina dinagdee biyyaa guddisuuf, ummati sirna gabaa haqaqabeessa akka argatuuf, hawaas dinagdeefi sirna gabaa tsagabbaa’aa qabu uumuuf dhaabbilee hojjetan keessaa isa ijoo ta’uu himu.

Damee qonnaatiinis guddistuuwwan callaa aomisha dabalan gatii madaalawaatiin dhiheessuun, omishawwan omishamanis gatii madaalaawaadhaan gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiheessuun omishaafi bitataan fayyadamaa akka ta’uufis kan hojjetu ta’uu ibsu.

Bu’uuruma kanaan waldaaleen hojii gamtaa omishawwan garagaraa gatii madaalawaadhaan hawaasa bira akka ga’uuf hojjetaa turuu himanii, keessumaa wayita ammaa qaala’ina jireenyaa mul’atu tasgabbeessuuf keessumaa magaalota keessatti hojii gaarii hojjechuusaanii dubbatu. Qamadii jallisii bonaa amma oyiruurraa sassaabamaa jiru akkaataa yaadameen gabaa biraan akka ga’aniif gamanumaa xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamaa jiraachuu himu.

Komishinichis, omisha qamadii gabaafi dhihaatu keessaa kuntaala miliyoona 2.4 kan ta’u gabaafi dhiheessuuf qophii taasisaa jiraachuu kan ibsan daarektarri tun, waldaalee hojii gamtaa hanqina faayinaansii qabaniifis liqaa akika argataniif qarshii biliyoona sadii mijeessaa jiraachuu kaasu. Bu’uuruma kanaan waldaalee hojii gamtaa bu’uuraafi yuniyeenota naannolee garagaraa keessa jiran sirna gabaa keessatti akka hirmaataniif haalli mijataa jiraachuus ni dubbatu.

Akka Aadde Yirgaalam jedhanitti, sirna gabaa kanarratti Oromiyaarraa yuniyeenonni 19fi waldaaleen bu’uuraa 301 kan hirmaatan yoo ta’u, kunneenis omisha qamadii kuntaala miliyoona 1.1 akka dhiheessan eegama.

Naannoon Amaaraas yuniyeenota 17fi waldaalee 303 hirmaachisuun qamadii kuntaala kuma 119 dhiheessuu qaba. Akkasimas naannoon Kibbaa yuniyeenota 100fi waldaalee bu’uuraa 166n qamadii kuntaala kuma 41, Sidaamaan yuniyeenii tokkoofi waldaalee hojii gamtaa 14n omisha qamadii kuntaala kuma lamaafi 400 dhiheessuun irraa eegama.

Hojiin kun yommuu hojjetamu rakkooleen kanneen akka, omishni yommuu sassaabamu hanqina faayinaansii, daldaltoonni seeraan alaa gatii dabaluun gabaa keessa seenuun hanqina omishaa uumuu, hanqinni mankuusaa mudachuu akkasumas, walitti hidhaminsi gabaa indastiriiwwan omishtootaa waliin jiru sadarkaa barbaadamurra ga’uu dhabuun mudachuu akka danda’an kaasu. Kanaafis rakkoo dhiheessii faayinaansii hiikuu, hojmaata gabaa seeraan alaa to’atu cimsuu, hariiroo hojii qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin taasifamu cimsuu akka barbaachisu ibsu.

Ittigaafatamtuun Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gamasaaniin yaada miidiyaaf kennaniin, yeroo ammaa waldaalee hojii gamtaa hojiin ijoo isaan hojjetaa jiran, kallattii mootummaan kaa’e bu’uureffachuun keessattuu omisha qamadii jallisiirratti ittgaafatamummaasaanii ba’aataa jiraachuu kaasu. Keessattuu omshni akka omishamuuf galteewwan qonnaa kanneen akka xaa’oo, keemikaalota addaddaa, tiraaktara, kombaayinaraafi kkf dhiheessuudhaan waan irraa eegamu ba’ataa jiru.

Hojiin jal’isii amadii kun qonna duriidhana osoo hintaane kilaastaraan makaanaayizeeshinii keessa seenamee hojjetamaa jiraachuu himanii, gama teknolojii qonna kanaaf barbaachisu dhiheessuutiin hojii barbaadamu hojjechaa kna jiru waldaalee hojii gamtaa ta’uu ibsu.

Inni biraa erga teknolojiin barbaachisu dhihaate omshni omishamee boodammoo qonnaan bulaan gatii madaalawaa dafaqasaatii akka argatuuf gabaa barbaaduun akka gurgurataniifi walitti hidhamiinsi gabaa akka jiraatuuf qaamolee garagaraa waliin hariiroo uumuudhaan hojiin hojjetan olaanaa ta’uu himu.

Akka Oromiyaatti hojii jal’isii qamadii kana yuniiyeenota 19fi waldaalee bu’uuraa 300 ta’an qamadii kuntaala miliyoona 1.2 akka dhiheessaniif waliigaltee mallatteessuusaanii eeranii, omisha kanas jalqabarratti yuniyeenonni ofiisaaniitiin warshaa daakuu waan qabaniif ofiif ni fayyadamu, akkasumas warshaalee biroo agroo piroosasiingiifi kan biroo qabaniif ni dhiheessu, bittaawwan guguddoo dhaabbileen gargaarsaa biyya alaatii bituun dhiheessan kanneen akka ‘WFP (World Food Program)’f dhiheessu, akkasumas, magaalaa Finfinnee keessa waldaalee fayyadamtootaa (shamattootaa)f ni dhiheessu jedhu.

Adeemsa kana keessatti daldalaan seeraan alaa gidduudhaa ba’ee cancala seera qabeessaan kallattiidhaan dhiheessaa jiraachuu eeranii, kanaanis qonnaan bulaan gatii maluuf bitataanis gatii madaalawaadhaan akka omisha bitatuuf ga’eesaanii ba’achaa akka jiran dubbatu.

Akka Aadde Masarat jedhanitti, waldaaleen hojii gamtaa kan hundaa’an qonnaan bulaadhaani. Kanaaf isaan gatii dafqasaanii akka argatan hojjechuun ergamasaanii isa jalqabaati. Kana malees hawaasni bal’aanis cancala seeraan alaatiif saaxilamee gatii humnaa oliin omisha akka hinbinneef kallattiidhaan bira ga’uudha.

Akka waliigalaatti hojii omisha qamadii jallisiitiin walqabatee kallattii mootummaan kaa’e qamadii alaa galchuu guutummaatti hambisuu akka ta’e kaasanii, utuma barbaadameellee keessumaa yeroo ammaa biyyoonni addunyaa qamadii nutti gurguran waraana keessa waan jiraniif qamadii bal’inaan galchuun rakkoof saaxilamuusaa dubbatu. Kanaaf biyya kanatti baay’inaan omishuun fedhii biyya keessaa guutuun gara alaatti erguuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu himu.

Kanaaf immoo hunduu ittigaafatamummaa fudhatee hojjechuu akka qabu ibsanii, adeemsa hojii keessattimmoo gufuuwwan kanneen akka hanqina faayinaansii akka hinmudanneefi baankiiwwanis dursa kennuun furuu akka qaban hubachiisu.

Yuniyeenonnis kaappitaala mataasaaniitiin qamadii akka bitan kallattii taa’een qamadii kuntaala kuma 600fi boqqolloo kuntaala kuma 100 bitanii ka’uusaanii addeessu. Kanas warshaasaaniif dhiheessuurra darbee fayyadamtoota magaalaa Finfinneetiifi gabaa Sanbataafi Oro-Fireeshiin dhiheessaa jiraachuu ibsu. Rakkoo mankuusaa mudachuu malu wajjin walqabatees omishawwan bitaman dafanii dafanii bakka ga’uu qaban akka qaqqaban taasisuun hiikuu akka danda’amu kaasu.

Walumaagalatti, mootummaan xiyyeeffannaa omisha qamadii jallisiif kenneen hojii bal’aan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kanas abbaa yaadichaa kan ta’an Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad dhiheenyaan hordofaa jiru.

Kibxata darbees Baankii Addunyaatti, Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Afrikaa Garee tokkoo, Taa’ufilaa Nyamadzabiifi Itoophiyaatti Daarektara Baankii Addunyaa, Owusmaanee Diyoonee waliin Dilbata ammoo Godina Gondar Jiddugaleessaatti ooyiruuwwan qamadii daaw’ataniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014

Recommended For You