Intala aayyaa dhageettee oduun sigeettee ?
Deettuu na dhaanee dhageettee oduun sigeettee?
Walaloon bareedaafi garaa nama nyaatu kun kan gaafa dubartiin uulmaa ykn deessuun dhiirsaan dhaanamte birmannaa dubartoota biroo argachuuf tattaaffatutti faarfamuudha.
Kabajaafi ulfina hawaasni Oromoo dubartiif qabu keessaa inni guddaan kabaja yeroo uulmaa ykn da’umsaati. Dubartii deessuun sababa kamiinuu tasuma hindhaanamtu. Dhaanamuun hafee ishee naasisuufi hojii cimaa akka hojjattu dirqamsiisuunuu safuudha.
Nama safuu kana cabsee gocha kana raawwate immoo adabbii cimaatu eeggata. Adabbiin nama dubartii dhaaneefi sirni haalli sun ittiin adeemu iddoorraa iddootti garaagarummaa akka qabu hubachaa, inni barreeffama kanaan irratti xiyyeeffanne garuu kan Oromoo Arsii /Sikkoo Mandoo/ akka ta’e isin hubachiisuu feena.
Akka aadaa Oromoo Arsiitti dubartii deessuu dhaanuun yakka qofa osoo hintaane, sababa namni tokko mandara tokkotti jaartii deessuusaa dhaaneef kallattiinis ta’e naanna’aan kan miidhamu mandaricha hunda. Sababnisaas; adeemsi namticha jaartiisaa deessuu dhaane sana adabuu sun hirmaannaa dubartoota mandarichaa hundaa kan gaafatu waan ta’eefi.
Kanaaf, dubartii deessuun rakkoon kun yoo ishee mudate Siinqee/Siiqqee ishee qabattee ililfatti.
Ililfachuun dubartii sanaas ergaawwan guguddoo of duubaa kan qabu yoo ta’u, ollaan rakkoon ishee mudachuu hubatee akka birmatuuf taasisa.
Dubartoonni ollaa sagalee ililfannaa dhaga’an marti rakkoon isheerra ga’eera jedhanii waan amananiif Siinqeesaani qabatanii ililfataa gara manasheetti fiiguudhaan birmatuuf jechuudha.
Gargaaranii ililfatu, Siiqqeesaanii ol qabanii faaruuwwan adda addaa faarfachuun daba dubartii deessuu tanarratti raawwatame sana dhaggeessisu.
“Intala aayyaa dhageettee oduun sigeettee ?
Deessuu na dhaaanee dhageette oduun sugeettee?” jedhanii faaruudhaan rakkoo uumame ibsatu. Dubartootni faaruu kana dhaga’anis “Ateetee Gurbaan rabbi raatessee nu karaamessee” faaruu jedhu dhaggeessisaa gara tuuta dubartootaa sanatti makamu.
Sirna kana keessatti osoo deessuun dhaanamtee ililfatamaa jiru yookiin faaruun yeroo dubartiin deessuun dhaanamtu faarfamu faarfamaa jirutti dubartiin manatti haftu mandara sana hinjiraattu.
Sirna kanaan kan adabamu abbaa warraa jaartii deessuu dhaane qofaa osoo hinta’in, dubartii ollaa faaruu kana dhageessee birmachuu diddellee kan dabalatuudha.
Namni jaartii deessuu dhaane sun maal akka adabamus kan murteessu tuuta dubartoota birmannaa dubartii deessuu dhaanamtee baheedha malee abbootii Gadaa miti. Angoon abbootii Gadaa yoo jiraate tuutni kun namtichaaf akka garaa laafu kadhachuufi fakkeenyaaf yoo isaan sangaa irraa qaluuf gaafatan akka hoolaatti irraa gadi hir’isan kadhachuu qofa.
Tuutni dubartootaa sun garuu kan namticharraa qalachuu barbaadu korma taanaan dhiibbaa kamirraayyuu ala waan ta’aniif kormuma jedhan sana qalachuu danda’u.
Abbaan warraa dubartii deessuu qanafaa ofirraa qabdu dhaane dafee falachuuf immoo dirqama qabaata jechuudha.
Hiriyyootasaa waamee rakkoo uume furachuu qaba. Dogoggora raawwateef miira gaabbiin guutameen jilbeenfatee himata. Akka furamuuf maanguddootatti watwaata.
Sana booda maanguddoon, abbootiin Gadaafi abbootiin muudaa naannawa sanaa waan ta’aa jiru dhaga’anis hunduu waan hojjechaa jiran dhaabanii dhaqanii rakkoosaanii ni gaafatu, ni qoratu.
Dubartoonnis reebicha isheerra ga’e, haalasaa wajjin tokko lamaan maanguddootatti himu. Dubartiin qabatamaan rakkoon sun irratti raawwatames itti dabaltee jaarsotatti himatti.
Dubartiin ililfattee Siiqqeedhaan manaa baate, osoo rakkoon ishee mudate hinhiikamiin/ hinfuramiin deebitee mana ofiisaaniitti galuun tasuma waan yaadamuu miti.
Dubartii ililfannaa kana dhageessee hirmaachuuf ba’uu diddes adabbii cimaatu eeggata. Osoo agartuufi dhageessuu hirmaachuu diddee yoo isiin mana cufattee teesse dubartootni ililfachaa jiran mana ishee banatanii itti seenuudhaan waan argatan saamuuf mirga qabu. Wanti saamamu sun garuu meeshaalee guguddoo mana osoo hintaane, aannan dhuguu, dhadhaa dibachuufi fudhatanii bahuu dabalata.
Dubartii ililfannaa dhageettee osoo isiin bahuuf adeemtu yoo jaarsi dhorge immoo kan adabamu jaarsa isiiti.
Kanaaf rakkoon achitti uumame sun dubartii deessuu takka qofarratti kan uumame ta’us, sababa sanaan kan miidhamu jaarsa ishee dhaane qofa osoo hintaane, abbootii warraa dubartoota ollaa sanaa hundaati.
Sababnisaas; bakka dubartiin deessuu dhaanamte ililfatetti dubartiin ollaa sanaa manatti haftu hinjiraattu.
Bakka dubartiin rakkoon irra ga’ee siinqee qabatanii manaa itti bahaniif sun dhimmishee hinfuramnetti immoo guyyaa heddus ta’u dubartiin manatti galtu hinjiraattu.
Gama biraatiin immoo, bakka dubartiin olla sanaa hundi ala bulaa jirtutti dhiirri manatti galee kophaa bulus hinjiraatu jechuudha.
Kanaaf, maanguddoonniifi qaamoleen olitti caqafaman dubartii ala bulchuun safuu waan ta’eef dafanii rakkoo uumame furanii sirna araaraa raawwatu.
Erga sirni araaraa raawwatamee, haatii Siinqee abbaa warraa ishee qabeenya qaban keessaa kan gaarii ta’e akka qalu ni ajajji.
Innis hatattamaan fidee qala. Dubartiin deessuu tun, waahillanshee waliin gogaa waan qalame sanarraa kutanii Siinqeesaanitti hidhatu.
Kunis meedhicha jedhama. Sana booda, nyaatanii dhuganii faaruusaanii faarfataa, dubarti dhaanamte injifannoon gara manaatti deebisanii, ofiis gara manasaaniitti deebi’u jechuudha.
Dubartiin deessee baatii jaha osoo hinfixne ykn hinguutin ishiidhaa ba’aa baattee karaa deemtu namni ittidhufe kamuu ilaalee bira hindarbu.
Waan ishiin baadhattee deemtu sana harkaa fuudhee baatee lafa isheen deemtutti gaggeessuun immoo dirqama aadaan hawaasichaa irra kaa’eedha.
Kun immoo aadaa Oromoo keessatti kabaja dubartiin takka akka dubartummaashiitti qabdurratti kabaja isheen deessee qanafaa addarraa qabdu sabicha keessatti qabdu kan agarsiisuudha.
Sababni guddaan ulfina dubartii deessuu kana duuba jiru inni biraa immoo deessuun lubbuu fiduuf lubbuushee tokkittii qabdu qabsiifteeti waan ta’eefi.
Deessuun takka erga deessee kaatee ciminaafi miidhagina ishee jalqabaatti akka deebituuf sooranni isheef malus kan yeroo kamuu caalaa kan dhama gaarii qabu ta’a. Kanaafis ni qalaniifi isheenis ni qananiiti.
Duudhaa boonsaa kanatu har’a iddoowwan heddutti bade dubartiin deessuun ciniinsuu hanga da’uumsaatti rakkatte.
Safuu kanatu bade kabajniifi ulfinni sirni Qanafaa dubartoota gonfachiisu dagatamee deessuun daa’imashee waliin dhaanamti.
Isheen dhaanamuu qofa osoo hintaane birmannaan dubartootni yeroo akkasii walii birmatanis dhabame.
Meeshaan faaya dubartootaa gaafa rakkoon akkasii mudatu dubartootni qabatee walii birmattu Siinqeenis mana dubartii hedduu keessaa dhabamee mirgisaaniis sarbame.
Yeroo ammaa deessuu daa’imashee baattee hojii humnaa hojjattu, daandirratti baatee kadhattu, abbaa warraasheetiin reebamtuufi sababoota gara garaatiin dararamtu arguun waan baratamaa ta’aa dhufeera.
Xiqqeeffamuun deessuu kun immoo oolee osoo hinbulin kansaanii qofa ta’uu bira darbee gara akka hawaasaatti xiqqeeffamuutti kan nama ceesisu ta’uunsaas waan ooluu miti.
Akkuma duudhaafi aadaan sabichaa xiqqaataafi tuffatamaa adeemuun jalqabaratti kan miidhamu kutaa hawaasaa tokko ta’us yeroon booda gara guutummaa hawaasichaatti akka darbu baramee duudhaa sabichaa badaa jiru kunuunsuun hojmanee qaama muraasaa ta’uu hinqabu.
Walumaagalatti, aadaa bareedaafi mirga dubartootaa kabachiisuu keessattis shoora olaanaa qabu kun yeroo ammaa dagatamaafi badaa jira. Kun immoo akka hawaasaatti gatii guddaa kan kanfalchiisu waan ta’eef itti yaadamuu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014