Atileetonni keenya Beelgireeditti meedaaliyaaf eegamu

Finfinnee: Waggaa lamatti al tokko biyyoota adda addaatti kan qophaa’u shaampiyoonaan atileetiksi Addunyaa mana keessaa ALA bara 1985 magaalaa guddoo Faransaayi, Paariisitti jalqabame. Itoophiyaan hirmaachuu kan jalqabde shaampiyoonaa lammaffaa bara 1987 Ameerikaa, magaalaa Anaadaapoolitti adeemsifamerratti.

Shaampiyoonichi erga jalqabamee waggoota 36 kan lakkoofsise yoo ta’u, kanaan dura yeroo 17f biyyoota adda addaatti qophaa’eera. Waggoota kanneen keessatti biyyoonni 84 gabatee meedaaliyaa keessa galaniiru.

Biyyoonni kunneen walumaagalatti meedaaliyaawwan 1473 kan argatan yoo ta’u, warqii 482, meetii 494fi nahaasa 497 ta’uusaati.

Addunyaarraa Ameerikaa meedaaliyaa warqii 110n, meetii 75fi nahaasa 69n walumaagalatti meedaaliyaawwan 249n yoo dursitu, Ruusiyaan ammoo meedaaliyaa warqii 52, meetii 48fi nahaasa 45n dimshaashumatti meedaaliyaawwan 145n addunyaarraa sadarkaa lammaffaarratti argamti.

Itoophiyaan shaampiyoonaa kanarratti yeroo 16ffaaf kan hirmaatte yoo ta’u, meedaaliyaa warqii 27, meetii 10fi nahaasa 13n walumaagalatti meedaaliyaawwan 50 argachuudhaan addunyaarraa sadaffaa, Afrikaarraa ammoo sadarkaa tokkoffaarratti argamti.

Ispoortii atileetiksiitiin addunyaarratti kan beekamtu, Keeniyaan meedaaliyaa warqii 10n, meetii 14fi nahaasa 15n dimshaashumatti meedaaliyaawwan 39n Addunyaarraa 12ffaa, Afrikaarraa sadarkkaa lammaaffaarratti argamti.

ALA bara 2020 Chaayinaa, Beejiingitti gaggeeffamuun kan irra ture shaampiyoonaan kun sababa koviid-19, addaan citee barana yeroo 18ffaaf magaalaa guddoo Sarbiyaa, Beelgireeditti kaleessa haala miidhagaadhaan jalqabameera.

Shaampiyoonicharratti Itoophiyaan akaakuuwwan ispoortii atileetiksii sadiin korniyaawwan lameeniinuu akka hirmaattu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa muldhiseera. Dorgommiin kan adeemsifamu fiigicha meetira kuma sadii, kuma tokkoofi 500, akkasumas 800 jedhameera. Qabxiin isaanii maxxansaaf nu dhaqqabuu baatus kaleessa fiigichi gulaalaa kuma1fi dhibba shanii dubartootaa Aksumaayit Ambaayee, Ruut Mashashaa fi Gudaaf Tsaggaayee dorgomaniiru. Akkasumas fiigicha kuma sadii dhiiraan Lammeechaa Girmaa, Salamoon Baaraggaa fi Barihuun Aragaawii hirmaataniiru. Kan dubartootaa kuma sadiinimmoo Daagmaawit Siyyuum, Lamlam Hayiluufi Ijjigaayyoo Hundee dorgomuun isaanii beekkameera.

Sirna gageessaa jila atileetiksii Itoophiyaa Wiixata dabre taasifamerratti kan argaman Ministir De’eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat, Itoophiyaan meedaaliyaa kanaan dura damee kanaan mi’eeffate waan isinirraa eegduuf jabaattanii hojjechuu qabdu jedhan.

Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluus, ‘Oggaa gara dorgommiitti qajeeltan kophaa keessanii miti kan hirirtan. Ummanni Itoophiyaa karaa maraanuu isin duuba jira. Kanaafuu qabxii guddaan waan isinirraa eegamuf imaanaa isinitti kenname kana fiixan baasuudhaan milkiidhaan akka galtan abdin qaba” jetteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014

Recommended For You