Ebila 6, 1994 xiyyaara pirezidaantiin biyya Ruwaandaa qomoo warra Huutuu keessaa ta’e ittiin deemaa ture rukutamee kufuun isaa qomoo warra Tuutisiif sababa lafarraa duguugamuu ta’e. Guyyoota 100 keessatti namoota qomoo Tuutisii ta’an irratti tarkaanfii fudhatameen yoo xiqqaate namoonni kuma 800 ol ajjeefamaniiru.
Namni maqaan isaa ‘Jean Claude’ jedhamu tokko daa’ima xiqqoo ta’ee haala ture akka hordofaa ture dubbata. Yeroo rakkoon hamaan kun uumame bosona keessa dhokatee waan arge akkas jedhee ibsa, “Ummanni Huutuu warra Tuutisii baay’ee fixaniiru. Ummata Tuutisii kan fixe diina biyya gara biraarraa dhufe hinturre. Namoota magaalaa kan biraatii dhufanis hinturre. Olluma keenya; warra wajjin nyaataa, dhugaa turretu nufixe. Hiriyoota keenya turan. Kaleessa fira keenya kan turan nu reebaniiru; kaanis ajjeesaniiru.
Obboleettii koo, adaadaa koo, eessuma koo… namoota ollaa keenyatti galantu ajjeese. Haadha koos rukuttaa cimaa rukutanii du’a yoo oolte illee hanga har’aatti of hinbeektu. Sammuun ishee miidhameera. Haati koo rakkoo sammuun akka jiraattu kan taasise namoota walii wajjin jiraataa turreedha. Kun hundumti yeroo raawwatamu daa’ima ta’een dhokadhee ilaalan ture. Itti ba’uuf lubbuu kootiifin sodaadhe. Ajjeechaa ture garuu argeera. Kan nama gaddisiisu ture”
Itti fufees akkas jedha “Haa ta’u malee rakkoo biyyicha keessatti uumame kana irraa kan ka’e gaaffiin guddaan attamitti gara fuula duraatti deemna kan jedhu ture. Sababiin isaa namoota utuu ilaalanii obboloota isaanii ajjeessan, dubara mana sagadaa keessatti gudeedan, ijoollee haadhaafi abbaa malee hambisan, maatii ijoollee jalaa duguugan kanaa wajjin attamitti gara fuula duraatti deemuun danda’amaa? Attamitti ijoollee warri isaanii maatii baay’ee duguuganii wajjin barachuun, mandara tokko keessa jiraachuun danda’amaa? Namoota gara jabinaan balleessii akkasii hojjetanii wajjin oolanii buluun maal jedhama?” kan jedhu gaaffii namoota hedduu ture.
Rakkoo biyyichatti uumame kana wantoota gara fooyyeetti fidan keessaa barsiisniifi leenjiin garagaraa ga’ee guddaa qabu. Wanti dagatamuu hinqabne barsiisni sirriin dhaloota sammuu isaa gara waan gaariitti geessu. Rakkoon hamaan Ruwaandaatti haa uumamu iyyuu malee dhaabbileen garagaraa waa’ee jaalalaa, gara laafina jechuun maal akka ta’e dhaloota barsiisuu itti fufan. Hiikkaa jaalalaafi Waaqni maal akka nama irraa barbaadu gadi fageenyaan dhaloota barsiisan.
Namoonni maatiin isaanii miidhaman, kan qaamni isaanii hir’ate dabalatee rakkoo cimaa namoota irraan ga’aa turaniif dhiifama gochuuf of qopheessan. Kanaaf, namni Jean Claude jedhamu kun waa’ee ofii isaa yeroo dubbatu “Utuun ilaaluu namoota maatii koo ajjeesaniif dhiifama gochuufan ofqopheesse” jedhe. Akka biyya keenyaatti namoota meeqatu waliif dhiisuuf qophaa’oodhaa? Isa kana itti yaaduun daran barbaachisaadha.
Dhiifama namni kun godhes jecha irra kan darbu ture. Sababiin isaa barnoota isaa erga xumuree booda dhaabbata ijoollee hiyyeessaa gargaaran eegale. Daa’imoonni hedduun inni guddisuu eegale daa’imoota warri isaanii maatii isaa ajjeessan ture. Kanaaf, yeroo dubbatu akkas jedha, “Utuun namoota firoota koofi maatii koo fixaniif sirriitti dhiifama hingoone ta’ee ijoollee warra Tuutisii qofan gargaaran ture. Ijoollee duguuggaan sanyii irra ga’e qofaattan gaarummaa agarsiisa ture. Haa ta’u iyyuu malee ijoolleen gargaaruu eegale kan abbaan isaanii abbaa koo ajjeesan dabalata. Ijoolleen warra maatii koo fixanii keessa jiru. Sababa abbaan isaanii mana amala sirreessaa jiruuf rakkina seenaniiru. Isaan kanas guddisuuf dirqameera” jedhe.
Wanti as keessatti agarru dhaloota rakkoo kaleessaa dhiifamaan cinaa taru, fuula duratti tarkaanfachuuf qophaa’e, dhaloota borii isaa irratti xiyyeeffateefi abjuu qabu tokkotu biyyicha keessaa ka’uu isaa agarra. Dhaloota dhiifama beeku; rakkoo kaleessaatti deebi’uu dhaloota hinbarbaadne tokkotu biyyicha keessaa ka’e. Afrikaa keessatti namoota rakkoo uuman qofa utuu hinta’in namoonni bal’isanii yaadan, fageessanii ilaalan daran barbaachisoodha. Dhaloota garaa bal’atan, dhaloota bor irratti xiyyeeffatan, jireenya fakkeenyummaa kan qaban nibarbaachisu. Yoo akkas ta’e qofa rakkoo har’aa seenaa taasisna. Salphina akka dhuunfaattis ta’e akka hawaasaatti keessa jirru keessaa baana. Isa kana akka dhuunfaattis ta’e akka walootti itti yaaduun barbaachisaadha.
Rakkoon biyya Ruwaandaa akkasumatti hinjijjiiramne. Hundeen rakkoo turee akka lammata sababa dhiiga dhangalaasuu hintaaneef eenyummaa biyyattii irratti gadi fageenyaan hojjetan. Rakkoo isaanii adda baafatan, dhaloonni dhufu maraammartoo walfakkaatu keessa akka hingalle jabaatanii irratti hojjetan. Tarkaanfii garagaraa fudhatan. Namoonni miidhaman warra isaan miidhanii wajjin akkaataa itti deebi’anii nagaan jiraatan irratti hojjetan. Yaadannoo kaleessaa isa jibbisiisaa wal’aanan. Sababiin isaa walitti bu’iinsa hawaasicha gidduutti uumameen namoonni hedduun dhumaniiru; dubartoonni yoo xiqqate kuma 250 ol gudeedamaniiru. Kun hunduu wal’aansa barbaada ture. Rakkoolee kanaaf furmaatatu barbaachisa ture.
Namoonni dogongora isaanii kaleessaa irraa baratanii bor akka itti hindeebine gochuun murteessaa ture. Kanaaf gama seeraanis hojiin cimaan hojjetameera. Namoonni nama miidhan akkasumatti hinhafne. Yoo xiqqaate namoonni kuma 120 ta’an kanneen ajjeechaa keessatti hirmaatan seeraaf dhiyaataniiru. Isa dalaganiif gatii baasaniiru. Ija hojii isaanii dhandhamaniiru.
Darbees komiishinni tokkummaafi araaraa dhaabbachuun hojii cimaa hojjeteera. Barnoonni dhaloota gara nagaatti geessan, seenaa biyya isaanii akka sirriitti hubatan kan taasisu, sababii hiramuu hawaasichaaf bu’ura kan ta’e dhaloonni akka hubatu ta’eera. Bakka itti daandii irraa maqan hubatan. Kanaan booda jeequmsaafi walmiidhuu akka balaaleffataniif hawaasa barsiisan. Sadarkaa gadiitti partiilee siyaasaa garagaraa, gaggeessitoota dargaggootaa, dubartootaafi hoggantoota hawaasaa akkaataa ittiin walitti bu’iinsa hambisan, rakkoon uumamuu dursee akeekkachiisa barbaachisuufi kkf., irratti leenjii barbaachisaa kennuun hawaasni akka sirriitti hubannaa horatu godhan.
Rakkoo walitti isaan buusu gadi fageenyaan qorachuun hawaasni akka hubannaa qabaatu taasisan. Biyyi Ruwaandaa boba’aafi qabeenya kan biraa baay’ee hinqabdu yoo taate illee galiin nama tokkoo hanga doolara Ameerikaa 690 ti. Galii namni tokko argatu biyya Itoophiyaa doolara 110 caalti jechuudha.
Inni kun nuufis barsiisa. Waan irraa barannuu hedduu qabna. Rakkoo hawaasa walitti naqee wal ficcisiisu danuutu jiru. Isaan kana irra keessa utuu hinta’in gadi fageenyaan qorachuun barbaachisaadha. Sababiinsaa dhoksaan rakkoo har’aa hubatamuufi furamuu qaba. Rakkoon har’a mul’atan, bu’urri jeequmsaa, nagaa dhabuufi kkf., adda ba’anii gara mareetti dhufuu qabu.
Wanti nama dhibu yoo jiraate, rakkooleen har’a agarru daawaa qabu. Daawaan isaanii mareedha. Yaada garaa garaafi mul’ata jiru walitti fidanii kan biyya hundee jabaa irra dhaabuu danda’u kaa’uudha. Daawaan isaanii ilaafi ilaameedha. Isa kanatu dhibboo kaleessaa, rakkoo har’aas ta’e kufaatii borii hiika. Ilaalchi fiixee garagaraa irra jiru akka barbaachisummaa isaaniitti cuunfamanii, wanti keessaa ba’u dhibboo dhaloonni har’aa ittiin mataa naanna’aa jiru kan hiiku ta’a. Keessumattuu mareen biyyaalessaa rakkoo kanaan dura biyyi keessa turtes ta’e amma keessa jirtu kan hiikuu danda’uudha. Yoo sirriitti itti fayyadamne rakkoo kaleessaaf furmaata. Inni kun garuu sirriitti itti yaadamee, bu’urri rakkoo uumamanii adda baafamee, ajandaan barbaachisaan qophaa’ee, iftoominaan kan gaggeeffamuufi namoonni keessatti hirmaachuu qaban yoo sirriitti keessatti argaman akkuma biyyoottan garagaraa jijjiirama fiduu danda’a. Isa kanarratti hawaasni hunduu hojjechuu qaba. Sababiin isaa nama kan biraatu nuuf mari’ata miti; paartilee siyaasaa, beekaa kan jedhamaniifi kkf., nuuf murteessa miti. Abbaan murtoo, abbaan dhimmaa hawaasicha. Gadi fageessee itti yaaduu kan qabus isuma.
Mareen waan balleessu hinqabu. “Mari’atanii malee maraatanii biyya hinbulchan” jedhama. “Mari’ataan gowwaa hinqabu” jedhu. Mareen meeshaa ajaa’ibsiisaa nagaa buusuu, jijjiirama siyaasaa fiduu danda’u sababa ta’eef waggoottan darban keessatti biyyoota garagaraa keessatti jijjiirama fideera.
Sababiinsaa mareen namoota beektota jedhaman qubaan lakkaa’aman gidduutti kan geggeeffamuufi yoo isaan itti amanan qofa kan ta’u miti. Maree hawaasa bal’aa hirmaachisuudha. Maree hunduma hammatuudha. Maree qaamni hawaasaa, paartilee siyaasaa, beektota namoonni jedhamaniifi kkf., irratti mari’ataniidha. Kanaaf maree namoota muraasaa miti. Maree saba bal’aati.
Mareen biyyaalessaa keessatti eeggannaa ta’uu qaban keessaa tokko hirmaannaa biyyoottan alaa daangessuudha. Maree biyyaalessaa keessatti abbaan dhimmaa hawaasa biyyichaa ta’uu qaba. Mareenis ta’e murtoon harka sabichaa keessa jira. Tarii gargaarsi biyyoottan ambaa sagantaa biyyittiin qabdu mallaqaan deeggaruu irra kan tare ta’uu hinqabu. Kan mari’atee dhuma irratti walii galtee irra ga’uu qabu hawaasicha qofa.
Inni kan biraa, mareen biyyaalessaa dargaggoota kan hirmaachisu ta’uu qaba. Akka dargaggoota hingalchineetti ilaaluun dhimma geggeessitoota paartilee siyaasa muraasaa gochuun badiisa cimaadha. Dargaggoonni dhimma biyyaa keessatti dhiibbaa tokko malee hirmaachuun jijjiirama barbaachisaa fiduu keessatti ga’ee guddaa qaba. Guddina biyya kamiifiyyuu hirmaannaan dargaggootaa daran murteessaadha. Hawaasni nuti keessa jirru hirmaannaa dargaggootaatti kan amanu, haalota rakkisaa keessatti dargaggoota gatii baasan qofa utuu hinta’in dargaggoota egeree biyyaafi dhalootaa irratti yaada kennan, dargaggoota biyya gara fuula duraatti deemsisan, dargaggoota malaammaltummaa jibban, dargaggoota namoota malaammaltummaan harka isaanii xureesse tuffatan, dargaggoota fageessanii yaadan, dargaggoota eenyuyyuu fedha mataasaaf itti fayyadamee akka yaabbannootti itti hingargaaramne, dargaggoota abjuu guddaa qabaniifi egeree biyyaa irratti dhiibbaa gaarii geessisan qopheessuun, maree akkasii keessatti hirmaachisuun murteessaadha.
Mareen waan balleessu hinqabu. “Mari’atanii malee maraatanii biyya hinbulchan”.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014