Itoophiyaan Gaanaa wajjin taphatti

Fifinnee: Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa walmorkiin gulaalaa waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaaf boru garee kubbaa miilaa dubartoota Gaanaa wajjin Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti godhata.

Dubartoonni umrii 20 gadi ta’an kan irratti hirmaatan walmorkii waancaa kubbaa miilaa addunyaa kanaaf Afrikaa bakka bu’uudhaan gareewwan lama qofatu hirmaata.

Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti Gaanaan, Itoophiyaan Senegaaliifi Naayjeeriyaan waliin morkattootasaanii mo’achuun tapha maahessaarra gahuun beekameera.

Biyyoonni afran tapha gulaalaa dhaqaafi deebii godhachuudhaan mo’attoonni Afrikaa bakka bu’uudhaan waancaa kubbaa miilaa dubartoota Afrikaa umrii 20 gadii 10ffaa Addunyaa barana Kostaarikaatti qophaa’urratti hirmaatu.

Haaluma kanaan Itoophiyaan Gaanaa wajjin boru istaadiyooma Abbabaa Biqilaatti tapha duraa kan godhattu yoo ta’u, Senegaal ammoo Naayijeeriyaa faana taphatti.

Itoophiyaan tapha kanaaf kan dhaqqabde dhaqaafi deebiitti Ruwaandaa 8-9n, Botiswaanaa 8-2n, Taanzaaniyaa 2-1n mo’achuunshee kan yaadatamuudha.

Leenjisaan garee kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa Fireewu Hayilamikaa’eel akka ibsetti, taphattoonni Itoophiyaa ciccimoon sadii miidhamaan shaakala daabanis kanneen hafan qophii olaanaa gochaa jiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You