Fiigichi olaanaan dubartootaa boru adeemsifama

Finfinnee: Dubartoonni qofti kan irratti hirmaatan fiigichi olaanaa Itoophiyaa kilomeetira 10n kan bara 2014 boru adeemsifama jedhameera. Waggaa waggaadhaan ka’umsiifi deebiin isaa Addababa’ii Hoteela Atilaas kan ta’e dorgommiin kun haala miidhagaadhaan gaggeeffama.

Hojii Gaggeessituufi qopheessituun dorgommii kanaa shamarree Daagmaawwiit Amaaree ibsa Roobii darbe waajjira Fiigicha Olaanaa Itoophiyaatti addatti Gaazeexaa Bariisaatiif kenniteen dorgommicharratti dubartoota hojjeettoota waajiraalee mootummaafi dhuunfaa hammata jetteetti.

Akka ibsasheetti jiraattota magaalaa Finfinneefi naannooshee, akkasumas ambaasaaddaroonni dubartootaa teessumni isaanii magaalaa Finfinnee ta’e qonsilaawwan biyyoota alaafi hojjettoonnisaanii kan hirmaatan ta’u.

Kanaan dura dubartoota kuma 15 hirmaachisaa kan ture fiigichi olaanaa Itoophiyaa bara darbe sababii COVID- 19 irraa kan ka’e dubartoota kuma lama qofa hirmaachisuusaa yoo ibsitu, kan baranaa kanarratti ammoo dubartoonni kuma 10n qooda akka fudhatan himteetti.

Dorgommii kanaaf hirmaattonni yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufan sababii pirotookoolii koviid- 19 irraa kan ka’e baranas tiishartii kuma 10 qofa qopheessuuf dirqamuusaaniis ibsiteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You