Qormaatawwan ce’uu badhaadhina biyyaa iftoomsuuf

Hayyuun waa’ee walittimakamuu miseensota ADWUI afranirratti qorannoo waggoota lamaa geggeessan yeroo tokko yaada ittaanu kaasanii turan.

“Biyya keenya hanga bara 2010tti waggoota 27f kan bulche ADWUIn haala, sirnaafi kaayyoo ittiin ijaaramerraa maqaa (goraa) dhufee waanuma dimokraasii jedhamuyyuu gatee gara abbaa irrummaatti jijjiiramee humnaan hogganuutti ce’e.

Adeemsa kana keessa namoonni cimina qaban siyaasa walitti fidanii (suphanii) akka addichi turu taasisan. Rakkoolee mul’ataa turan keessaa tokkoofi inni guddaan dimokraatawaa ta’uu dhabuudha. Lammaffaan ADWUIn hammataa hinturre. Naannolee sagal biyyattiin qabdu keessaa naannolee shan keessatti otoo miseensaafi ijaarsa hinqabaatiin maqaa deeggartummaatiin bulchaa ture.

Dhaabbileen naannolee shanan kanneen bulchaa turan ADWUI keessatti hirmaannaa hinqaban. Waa’ee biyyaa kan murteessu addichuma. Waa’een biyyaa murtaa’e kun akka hojiirra oolchaniif itti himama. Malee mootummaan ykn paartiilee naannolee kanneen bulchan murtii waa’ee biyyaarratti darbu keessatti hirmaatanii yaadasaanii kennanii, hogganaafi raawwachiisaa hinturre. Kanaafuu ADWUIn hammataa hinturre” jedhan.

Egaa kana waluma yaadachiisuuf malee dhimmoota ittifayyadama afaanii ukkaamsuu, mirga lammiilee sarbuu, lubbuu galaafachuu, qaama hir’isuufaa raawwachaa tureera. Lammiileen gaaffii dimokraasii, mirgaafi ittifayyadamummaa haqa qabeessa kaasanirratti tarkaanfiin garajabummaas fudhatamaa ture.

Adeemsi akkanaa kan isaan aarseefi xiiqiitti isaan oofe ummattoonni biyyattii, keessumaa qarreefi qeerroon Oromoo fincila diddaa garbummaa taasisaniin akkasumas, qaamolee addicha keessa jijjiiramaaf onnataniin waggaa afran har’aa jijiiramni amma itti jirru kun akka dhufu ta’e. Darbees Paartiin Badhaadhinaa ammaan tana biyya bulchaa jiru akka dhalatu ta’e.

Paartiin biyyattii bittaannaa’uu jalaa baraaree qabsoo, darbees sagalee ummataatiin bara darbe gara aangootti dhufe kun kaleessarraa eegalee yaa’iisaa tokkoffaa adeemsifataa jira. Yaa’iisaa seenaqabeessa kanaan dhimmoota biyyattiitti qormaata ta’an kanneen dhabiinsa nageenyaa, qaala’ina jireenyaa, finxaalessummaafi kkf irratti kallattii furmaataa kaa’uun badhaadhina biyyaa ni mirkaneessa jedhamee eegama.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You