Dhibeewwan dubartoota ulfaa mudatan keessaa tokko tokko

Dubartooonni ulfaa haalli sirna qaamasaanii namoota kaanirraa adda waan taheef taateewwan baay’ee kessummeessuu danda’u. Yeroo ulfaa hormooniiwwaan qaamashee keessaaas waan jijjiiramaniif sirnoota qaamaa dubartootaa baay’eerratti jijjiiramoota xixiqqoo ni agarsiisa.

Jijjiiramni hedduun qaamasaanii keessatti waan uumamuuf dhukkuboonni duraan hinjiraanne tokko tokko akka isaanitti dhufaniifi kanneen duraan jiran ammoo akka itti hammaatan taasisa.

Dhukkuboota kana keessaa kanneen tokko tokko ofuma isaaniitiin da’umsa booda kan fayyan yoo ta’u kanneen muraasni ammoo da’umsa boodas kan hinfoyyofneefi itti fufan akkasumas lubbuu haadhaafi daa’imaa illee kan balaa irraan ga’an ta’uu malu.

1.Balaqqama yeroo ulfaa (Hyperemesis Gravid arum)

Olguurraan/balaqqamni yeroo ulfaa dubartoota garaatti baatan hedduu kan mudatuufi haala balaqqamsiisuun hedduu garaagara kan ta’ee (tokkotti hedduu cimee tokko immoo kan xiqqoo balaqqamsiisu) fi namoota muraasa irratti qofa yaala kan barbaadudha.

Olguurraan/balaqqamsiisaan kun kan mudatu yeroo hedduu gara jalqabaa (erga ulfaa’anii torban 8 haga 12) kan namatti cimu yoo ta’u, akkuma ulfi guddataa deemeen kan nama dhiisaa deemudha.

Yeroo hedduu dhibee kanaaf manuma keessatti ofgargaaruun kan danda’amuufi mana yaalaa deemanii ciisanii yaalamuun kan hinbarbaachifne yoo ta’u yeroo tokko tokko garuu hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisuu mala.

Ol deddeebisaan/ballaqqamni kun yoo hammaate mucaarratti osoo hin taane haadharratti dhibee fiduu ni danda’a: haadha huuqqisuu, hanqina nyaataa fiduu, kalee miidhuu, dhibee sammuu fiduu, bishaaniifi elektrolyiti qaama keessaa jiru hir’isuufi kkf fiduu ni danda’a.

Kanaafuu olgurraan kun guyyaatti al ja’aafi isaa ol yoo ta’e ykn ulfaatinni qaamaa erga oldeebisuun jalqabee kan yeroo fayyaa jiranii irraa dhibbantaa shaniin yoo hir’ate hatattamaan gara mana yaalaa deemuun dirqama.

2. Olka’uu dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaa (Gestational Hypertension)

Dhiibbaan dhiigaa dhukkuboota ulfa waliin walqabatanii dhufan keessaa isa hangafaafi yoo dafee yaalamuu baate sodaachisaa ta’eedha. Dhiibbaan dhiigaa sababa ulfaan dubartii tokkotti dhufe kan jedhamu, yoo dubartiin sun ulfaa’uusheen dura dhiibbaa dhiigaa kan hinqabne ta’eefii dhiibbaan dhiigaa kun erga ulfooftee torban 20 booda yoo olka’ee (140/90 mmhg ol) ta’eedha.

Dhiibban dhiigaa karaalee hedduu daa’ima garaa keessaafi haadha daa’ima garaatti baattu irratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Yaa’insa dhiigaa gara gadameessaatti ta’u dhiibbaan dhiigaa kun ni hir’isa, haaluma kanaan daa’imni garaa keessaa guddinaan akka quucartuufi kiiloon daa’imaa akka garmalee xiqqaatu taasisa.

Pilaaseentaan utuu da’umsi hinga’in gadameessa irraa adda ba’uudhaan daa’imni balaa irra akka bu’u illee ni taasisa. Yeroon da’umsaa osoo hinga’in mucaan akka dhalatu taasisuun illee dhiibbaa inni geessisu keessaa isa tokko.

Haadha irratti illee dhukkuba akka gaggabdoo fakkaatu kan qaama guutuu urgufuun balaa irra buusuufi of wallaalchisuun haga lubbuu dabarsuutti deemuu, dhibee tiruu (hojjechuu dadhabuu tiruu)fi kalee, sammuu keessatti dhiiguufi kanneen biroo illee ni fida.

3.Hir’ina dhiigaa yeroo ulfaa (Anemia in Pregnancy)

Yeroo ulfaa hir’inni dhiigaa dhukkuboota haadholii ulfaa huban keessaa isa tokko. Dubartoota ulfaa keessaa harka dhibba keessaa 57 (57%) kan ta’an dhibee hir’ina dhiigaa qabu. Kunis wayita ulfaa fedhiin ykn barbaachisummaan ayireenii (elementii dhiiga hojjechuuf gargaaru) waan dabaluufi da’umsaa booda dhiigni waan dhangala’uufidha.

Akkasumas wayita ulfaa dhibeewwan hir’ina dhiigaaf nama saaxilan akka dhukkuba busaafi raammoo hokkoon waan salphaatti hubamanii hir’ina dhiigaa qabaatu. Dabalataan hir’ina dhiigaa kanaaf kan nama saaxilan daddafanii walwalirratti da’uufi nyaata ga’aa soorachuu dadhabuudha.

Hir’inni dhiigaa wayita ulfaa kunis dhibeewwan biroo akka: dhibee onnee, infekshinii, ulfaatinni daa’imaa xiqqaachuu, da’umsiifi ciniinsuun yeroo malee dhufuufi garmalee dhiiguu da’umsaa boodaa dubartoota ulfaa irraan ga’a. Mallattoolee hir’ina dhiigaa keessaas mataan namatti salphachuu, joonjee ykn lafaan martoo, afuura kutuufi dadhabsiisuu, qaama dhiitessuu (keessumaa miilla irraa eegalee) fi kkf isaan muraasa.

4.Dhukkuba sukkaaraa yeroo ulfaa (Gestational Diabetes)

Dhukkubni sukkaaraa yeroo ulfaallee dhukkuba dubartoota ulfaa hubuufi kan dhukkuba sukkaaraa isa kaanirraa adda ta’eedha. Dhukkubni sukkaaraa kan ulfa waliin walqabateedha kan jennu, yoo dubartiin tokko kan duraan dhukkuba sukkaaraa hinqabne erga ulfooftee booda dhukkuba sukkaaraan qabamteedha.

Dhukkubni sukkaaraa yeroo ulfaa kun, akka dhukkuba sukkaaraa isa kaaniitti mallattoo baay’ee kan hinargisiifneefi yeroo hedduu qorannaadhaan qofa kan argamuudha. Miidhaalee inni yeroo ulfaa fidu keessaa inni sodaatamaan daa’imni garaa keessaa ulfaatinni garmalee akka guddatu (kiiloo afurii ol) taasisuudha.

Kun immoo da’umsa irratti dhiibbaa guddaa fida, carraan karaa umamaan dhalachuu daa’imaa gadi bu’aadha waan ta’eef yeroo baay’ee gara oopereshiiniin deessisuutti geessa. Haati yeroo ulfaa dhukkuba sukkaaraa kana godhattes umurii gara boodaa keessa carraan dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaffaan (type II DM) qabamuushee olka’aadha.

5.Dhukkubbii dugdaa yeroo ulfaa

Wayita ulfaa haadholiin dhibbeentaa torbaatama (70%) ta’an dhukkubbii dugdaan ni hubamu. Yeroo ulfaa wantoota dhukkubbii dugdaaf sababa ta’an keessaa hangafootni: hormooniin projestronii jedhamu dabaluun buusaa dugdaa laaffisuufi miira dhukkubbii dugdaa dhageessisuu, wayita gadameessi guddachaa deemu dugugguruun lafee dugdaa garmalee gara keessaatti jal’achuufi boca dhaabbii jijjiiruun miira dhukkubbii dugdaa dhageessisuufi dhiphina garmalee fa’i.

Dhibee kanas sosochii xixiqqaa akka miilaan deemuu gochuu, kophee olka’aa godhachuu dhiisuu, bishaan ho’aan qaama dhiqachuufi dugda ofii sukkuumuu fa’iin ofirraa xiqqeessuun ni danda’ama. Yoo dhukkubbiin isaa kanarra cimeee hamaa ta’e ammoo gara mana yaalaa deemuun gargaarsa barbaachisaa argachuun ni danda’ama.

Rakkoolee armaan olii kana hambisuuf walumaagalatti maal gochuu qabna?

Dhukkuboonni/dhibeewwan yeroo da’umsaa namatti dhufan hedduun isaanii mana yaalaa gurguddaas ta’u buufata fayyaa keessatti illee salphaatti argamuu kan danda’aniifi salphaatti kan yaalamuu danda’aniidha. Yoo osoo hinargamin ykn hin yaalamiin yeroo dheeraaf haadha ulfaa irra turan garuu sadarkaa lubbuu daa’imaa ykn kan haadhaa baraaruun hindanda’amnerra ga’uu mala.

Kanaaf ergaan dhumarratti dabarsuu barbaadu, dubartoonni hundi gaafa guyyaa ulfaa’uu isaanii baran irraa kaasanii mana yaalaatti hordoffii ulfaa jalqabuu qabu. Hordoffiin yeroo ulfaa lubbuu haadhaafi kan daa’imaa du’aaf dhukkuba irraa ni baraara.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You