Dorgommiin Mohaa atileetiksii boru xumurama

Finfinnee: Qopheesummaa Federeeshinii Atileetiksii Magaalaa Finfinneetiin yeroo 39faf Akkaadaamii Leenjii Ispoortii Dargaggoota Itoophiyaatti adeemsifamaa kan jiru shaampiyoonaan Mohaa Peepsii atileetiksii kilaboota Finfinnee boru xumurama jedhamee eegama.

Ittigaafatamtuun waajjira federeeshinichaa Aadde Itaafarraawu Gabree Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, dorgommii kanarraa atileetota magaalattii bakka bu’oota ciccimoo horachuuf ta’uus addeessaniiru.

Dorgommii baranaa kanaarratti federeeshinicha jalatti kanneen galmaa’an kilaboonni atileetiksii diviziyoona tokkoffaa torbaafi kanneen diviziyoonii lammaffaa 13, walumaagalatti kilaboota 20 irraa atileetonni kuma 1fi 200 korniyaawwan lemeeninuu hirmaachaa jiru jedhaniiru.

Kaayyoon guddaan shaampiyoonichi adeemsifamuuf atileetota ciccimoo shaampiyoonicharraa argaman filachiisuun shaapiyoonaa atileetiksii biyyaalessaa 51fa irratti hirmaachuuf akka ta’es Aadde Itaafarraawu muldhisaniiru.

Bara 1975 irraa kaasee shaampiyoonaa atileetiksii kilaboota Finfinnee jedhamuudhaan kan beekamu shaampiyoonaan kun, bara 1991 irraa kaasee maqaa Mohaa Peepsii atileetiksii kilaboota Finfinnee jedhamuun waamamaa akka jirus yaadachiisaniiru.

Shaampiyoonichi boru kan xumuramu yoo ta’u, atileetonni akkaakuwwaan ispoortii Ittiin hirmaatanitti mo’atan iddoo tokkotti shaakala jalqabus jedhan.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014

Recommended For You