Dhukkuboota Onnee

Dhukkuba onnee yoo jennu baay’inaan hedduuu kan ta’aniifi yoo kan siriitti barreessine kitaaba guddaa tokkoo ol ta’uu malan waan ta’eef gadi fageenyaan haasa’uu baannus dhukkuboonni onnee maal akka ta’aniifi maaltu dhukkuba onneef akka nama saaxilu akkasumas dhukkubni onnee dhala namaa irran miidhaa hagamii akka geessisu haa kaafnu.

Dhukkubni onnee akka addunyaatti lubbuu namaa galaafachuudhaan sadarkaa tokkoffaa irra kan jiru yoo ta’u, keessumaa biyyoota guddatan keesssatti ammoo rakkoo isa cimaa ta’ee mul’ata. Kunis biyyoota guddatan keessatti dukkuboonni daddarboon waan hinbaay’anneef baay’iinaan kan lubbuu namaa dabarsan dhukkuboota hindaddarbine (noncommunicable disease) kan jedhamaniidha. Isaan keessaa ammoo hangafoonni dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba kalee, istirookiifi kkfdha. Isaan kunneen baay’inaan kan lubbuu namaa galaafatan dhukkuba onnee namatti fiduudhaan ykn onnee namaa dadhabsiisuudhaani.

Dhukkubni lubbuu namaa dabarsuudhaan sadarkaa tokkoffaa irra jiru kun haala kamiin nama qaba ykn ka’umsi isaa maali kan jedhu yoo ilaallu yeroo hedduu ka’umsi isaa beekamaa kan ta’edha; isaanis:

* Dhukkuba onnee sababa infeekshiniin dhufu: keessumaa biyyoota guddataa jiran akka Itoophiyaa keessatti, dhukkubni onnee sababa infeekshinii keessumaa infekshinii toonsiliin dhufu midhaa olaanaa haawaasa irra geessisa. Namoonni keessumaa yeroo ijoollummaa isaanii jechuunis waggaa 15 gaditti dhukkubni toonsilii irra deddeebii isaan qabate carraa dhukkuba onnee kanaan qabamuun isaanii olka’aadha.

oIttisa: dhukkuba onnee karaa kanaan namatti dhufu ittisuudhaaf hawaasni ga’ee olaanaa taphachuu qaba. Kunis kan ta’u dhukkuba infeekshinii toonsilii kana hawaasa keessatti akka hinbabballanne, quluqullina naannoofi qaamaa eeggachuun barbaachisaadha. Namni tokko ammoo maatii keessaa dhukkuba toonsilii kanaan yoo qabame maatii kaaniitti waan darbuu maluuf of eeggannaa guddaa taasisuufi yeroon deemanii yaalamuun dirqama. Kunis kan godhamu dhukkubni kun turtii booda gara dhukkuba onneetti gaafa ce’u dudduuba deebisuun hedduu ulfaataa waan ta’eefi.

* Dhukkuba onnee sababoota biroon dhufan: dhukkuboonni onnee kan sababa biraan dhufan keessattuu haala jireenyaafi nyaataa waliin walqabatee walumatti bakka tokkotti ilaaluu yaalla. Isaanis dhukkuba onnee sababa dhiibbaa dhiigaan dhufan, dhukkuba onnee sababa dadhabuu dhaaba onnee waliin wal qabatan fa’i. Akaakuun dhukkuba onnee kanaa biyyoota guddataa jiranis kan hubu yoo ta’u baay’inaan garuu biyyoota guddatan kan hubudha. Inni keessumatti haala jireenya sirrii hintaane jechuunis; sochii qaamaa taasisuu dhiisanii yeroo hedduu bakka taa’anii yeroo dabarsuu; haala nyaataa sirrii hintaane jechuun nyaata coomaafi zayitii qaama keenya miidhu itti baay’ate nyaachuufi ulfaatina garmalee dabaluudha.

o Ittisa : Keessumaa biyya keenya keessatti aadaan ulfaatina ofii hir’isuuf dhama’uu baay’ee gadi bu’aaadha. Namni yoo furdatu waan jireenyi itti tole gaafa huuqqaatu ammoo kan dhibame ykn dhibamuuf deemuu jedhanii yaaduun baratamaadha. Ulfaatinni qaamaa garmalee gadi bu’uun mallattoo dhukkuboota tokko tokkoo akka ta’e akkuma jirutti ta’ee garmalee furdachuun ammoo dhukkuboota ciccimoo fayy’isuun isaanii nutti ulfaatu akka onneefi sukkaaraaf akka nama saaxilu beekuun barbaachisaadha. Kanaaf ulfaatina qaamaa madaala sirrii keessatti eeguun dhukkuba onnee irraa hedduu akka nu eegu beekuun barbaachisaadha. Inni kan biraan haala nyaata keenyaa sirreessuudha. Nyaata coomaafi zayitni keessatti baay’atan soorachuu irraa of qusachuudhaan nyaata akka muduraafi kuduraa jechuun raafuu, kaarota, hundee diimaa… nyaachuudha. Wanti namatti tolu gabaa nyaataa irraa yoo ilaalle nyaatni fayyummaa onnee keenyaaf jibbisiisoo akkasumas yaaddeessoo ta’an akka coomaa, nyaata foonii kan supparmarkeetiwwan gargaraa irraa gurguramaniifi kkf gatiin isaanii qaalawaadha. Kanneen onnneen keenya fayyummaa ishiif barbaaddu jechuun gatiin fuduraaleefi kuduraalee ammoo gadi bu’aadha. Kanaaf dhaamsi keenya qarshii guddaa baastanii onnee keessanitti waan hamaa hinbitiinaa kan jedhudha. Dhiibbaan dhiigaa dhukkuba onnee namatti fiduudhaan lubbuu hedduu waan galaafatuuf dhiibbaa yoo kan qabnu ta’e sirrii irratti eeguun barbaachisaadha. Sochii qaamaa torbanitti yoo xiqqaate daqiiqaa dhibbaaf shantama ykn torbanitti guyyoota shaniif guyyatti daqiiqaa soddoma hojjechuun dhukkuboota onneefi dhiibbaa dhiigaa irraa nu eega. Kun keessuma namoota sababa hojii isaanii guyyaa guutuu taa’aa oolan akka konkolaachiftootaa, hojjettoota biiroolee garaagaraafi kkf ilaalallata. Qonnaan bulaan keenya kan torbee guutuu sochii qaamaa taasisaa oolaniif garuu innumti iyyuu fayyaa onnee isaaniif ga’aadha.

* Dhukkubni onnee erga nama qabatee booda mallattolee akkamii argisiisa?

Dhukkubni onnee erga nama qabatee booda sadarkaa garagaraa keessa darba. Yeroo nama jalqabu qorannoodhaan argama malee mallattoo hedduu argisiisuu dhiisuu mala. Akkuma namatti cimaa dhufeen mallattoolee garagaraa argisiisaa dhufa. Mallattoolee kana keessaa inni jalqabaa dadhabbii garmalee qabaachuudha. Kunis turtii keessa suuta suutaan kan namatti cimaa dhufuufi hojii hanga duraan hojjechuu dadhabuu, tabba deemuu dadhabuu, hojii humnaa kamiyyuu hojjechuu dadhabuu dhuma irratti yoo daandii deeman illee meetira muraasa erga deemanii booda giddu gidduutti taa’uufi kkf illee namatti fida.

Inni kan biraan halkan yoo ciisan boraatii hedduu of jala godhatanii rafuuf dirqamudha. Kunis yoo gadi ciisan waan afuura nama kutuuf mataa olqabatanii rafuun dirqama waan ta’uufi. Kan biraan qaama guutuu dhiitessuu, kan dhiita’uu miilaa irraa jalqabee ol dhiitessaa deemuudha. Kana malees mallattoo hedduu qaba, namni mallattoo armaan olii kana qabus dirqama dhukkuba onnee qofa qaba jechuu miti. Kanaaf mallattoo kana yoo ofirratti arginehoo maal gochuu qabnaa?

o Mallattoolee kana ofirratti arginaan mana yaalaa deemuudha. Qorichoota garagaraa mana yaalaatti dhukkuba sana adda baasanii qoricha kennuun ga’ee ogeessa fayyaati

o Dhukkubsataan dhukkuba onnee sochii qaamaa yoo taasisu akkaataa ogeessi fayyaa itti himetti ta’uu qaba, dhukkuboota onnee garaagara ta’aniif sadarkaan sochii qaaamaa eyyamamuu walii adda waan ta’eef.

o Ashaboo ykn soogidda nyaata keessaa guyyaattti giraama lamaa gadi fayyadamuu qabna. Ashaboo giraamni lama hagami kan jedhuuf, fal’aana xiqqoo kan shayii ittiin sochoosan sanatti lama kan taatudha. Haa ta’u malee yeroo ammaa wantoota ittiin ittoon hojjatamu akka barbaree akkasumas daabboo nyaataaf bitamu keessa illee soogiddi duraanuu dabalame waan gurguramuuf, sogiddaa manaa tasa itti dabaluu dhiisuudha.

o Dhukkubsataan onnee tokko hordoffii mana yaalaa guyyaa jedhametti dhufuu akkasumas yoo mallattoon dhukkubbii adda addaa itti dhaga’ame oso beellamni hinga’iin illee dhufuu mala

Fayyaa hindhabinaa

 Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014

Recommended For You