Ummanni Oromiyaa hanga ammaatti hidhichaaf qarshii biliyoona 2.2 ol gumaache

Hidhaa Haaromsaa guddichi Itoophiyaa hirmaannaa olaanaa ummanni taasisaa tureen turtii waggoota 11 booda Dilbata darbe anniisaa elektirikii MW 375 maddisiisuu eegaleera.

Daayrektarri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddicha Naannoo Oromiyaa Aadde Qonjit Baqqalaa akka jedhanitti, hirmaannaafi ifaajjee yeroo dheeraa booda milkaa’ina argameef ummanni keenya baga gammaddan erga jedhanii, ummaanni Naannoo Oromiyaa hidha haaromsa guddicha milkeessuuf waggoota darbanitti hirmaannaa taasisaa tureen hanga ammaatti qarshii biliyoona 2.2 kan gumaache yoo ta’u, hirmaannaa Ashaaraa magariisaafi hojii misooma sululaa mirkaneessuuf taasifameen ammoo qarshiitti yoo tilmaamamu biliyoona 51.8 ol humnasaanitiin hirmaachuu ibsan.

Hidhi haaromsaa guddichaa kun lolaafi biyyeedhaan akka hinmancaaneef, lageen guguddoo Oromiyaa keessaa madduun laga kanatti makaman akka hingogneef, ummanni waggaa waggaatti duulaan ba’ee hojii ashaaraa magariisaafi kunuunsa qabeenya uumamaaf xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jiraachuus ibsaniiru.

Hidhi haaromsaa sadarkaa anniisaa elektirikii maddisiisee arguu keenyaaf ummanni naannoo keenyaa gatiin dadhabbii keessanii milkaa’uusaatiif baga gammaddan kan jedhan Aadde Qonjiit, ummanni naannichaa milkaa’ina hidha haaromsaatiif xiiqiifi kutannoo qabuun deeggarsa gara garaa taasisaa tureera, ammas guutummaatti xumuramee kaayyoo yaadameef akka milkeessuuf deeggarsi ummata keenyaa cimee ittifufuu akka qabu dhaamaniiru.

Deeggarsa ummanni taasisaa tureefi ammas taasisaa jirutti bittaa boondii, arjooma maallaqaa, ergaa gabaabaa 8100Afi hojii ashaaraa magariisaarratti hirmaachuun qooda isaa bahuun badhaadhina waloof gaheesaa bahaa jira jedhan Aaddde Qonjiit.

Kaayyoon hidha haaromsichaa ummata keenya hiyyummaa keessaa baasuuf yaadamee kanhojjetamaa jiru ta’us kana gufachiisuuf diinonni keessaafi alaa qindaa’anii hojjetanis kutannoo cimaa ummanni keenya keessaafi alaa agarsiiseen har’a bu’aa isaa dhandhamachuu eegalleerra jedhan.

Ummanni naannoo keenyaa maallaqa, beekumsaafi humna isaan hirmaachaa kan ture ta’us, injifannoo har’a argannetti gammannee kan dhaabbannu osoo hintaane gara fuula duraattis kan caalu galmeessuuf ummanni keenya hirmaannaa ho’aa taasisaa jiru ammas cimsee ittifufuu akka qabu aadde Qonjiit dhaamaniiru.

Hidhi haaromsa guddichaa yeroo ammaa dhibbentaa 84% irra kan ga’e ta’us, guyyaa har’aa humna elektirikaa maddisiisuu eegale male hojiin isaa waan hin xumuramneef ammas ummanni keenya arjooma maallaqaan, bittaa boondiin, deeggarsa karaa ergaa gabaabaa 8100A, ashaaraa magariisaafi kkf taasisuun hanga hidhi kun xumuramutti hirmaannaasaa cimsee ittifufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Naannoon keenya yeroo ammaa waancaa hidha haaromsaa simattee kan jirtu ta’us, waancichi yeroo dhiyootti magaalotaafi godinaalee keenya hunda keessa naanna’uuf qophiin hundi xumuramaa waan jiruuf dursinee deeggarsa barbaachisu taasisuun aantummaa qabnu mul’isuu qabna jechuunis dhaamaniiru aadde Qonjiit.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014

Recommended For You