Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa: Abdii dhaloota ammaafi egeree

Ijaarsi Piroojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa erga jalqabamee waggoota 11 lakkoofsiseera. Ijaarsi hidhichaa akka gufatuuf dhiibbaan biyya alaa kallattiilee gara garaatiin taasifamaa turus, kutannoo mootummaa keessumaa kan Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiifi ummata biyyattiitiin yeroo ammaa qabatamaan sadarkaa tajaajila kennuurra gaheera. Milkaa’ina piroojektii kanaatiif lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi alaa qarshii kennuudhaanis ta’e boondii bituudhaan deeggarsa kan hintaasifne hinjiru. Kanaafuu ijaarsi hidhichaa tokkummaa ummata biyyattii uumuu keessattis gumaacha olaanaa taasiseera jechuun ni danda’ama.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa hirmaannaa ummataafi mootummaan anniisaa elektirikii Meegaa Waatii 375 maddisiisu torban darbe bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti ifatti hojii jalqabeera. Hidhichi waliigalaan yuuniitiiwwan anniisaa meegaa waatii 375 hanga 400tti maddisiisuu danda’an 13 kan qabu yoo ta’u, yuunitiin tokko torban darbe ifatti anniisaa elektirikii maddisiisuu jalqabeera. Yuunitiiwwan hafan yeroo ittaanutti hojii jalqabsiisuuf hojjetamaa jira. Hirmaannaan hawaasaas hanga xumura ijaarsa hidhichaatti cimee ittifufuu qaba.

Ummata Itoophiyaa miiliyoona 100 ol ta’u keessaa %60 kan ta’u ammayyuu tajaajila humna ibsaa argachaa waan hinjirreef ijaarsa hidha guddichaa kana xumursiisuun tajaajila humna ibsaa argachuuf abdii guddaadhaan eeggachaa jira.

Keessumaa ummanni baadiyyaa harki caalu dukkana keessa jira. Ijaarsa hidha guddichaa hanga xumuraatti deeggaruufi milkeessuun ammoo ummata dukkana keessa jiru kana ifatti baasuufi anniisaa elektirikaa maddu biyyoota ollaatti gurguruudhaan galii sharafa alaa argamsiisuuf gargaara. Anniisaan elektirikii maddu keessumaa hawaasa baadiyyaa biraan ga’uunis hojii xiyyeeffannaa olaanaan irratti hojjetamuu qabuudha.

Hirmaannaa ummanni Itoophiyaa hojii ijaarsa hidhichaa milkeessuuf taasisaa tureefi jirus hojiilee misoomaa sadarkaa naannoottis ta’e biyyaatti adeemsifamaa jiraniifi gara fuulduraattis adeemsifamanirratti irra deebi’uu qaba. Ummanniifi mootummaan qindoominaan waliin hojjennaan rakkinni hinfuramneefi hojiin hinmilkoofne hinjiru. Kanaafuu hirmaannaafi tokkummaa ummanni Itoophiyaa ijaarsa hidha guddichaarratti agarsiiseefi agarsiisaa jiru hojiilee misoomaa biroorrattis irra deebi’uu qaba.

Ijaarsi hidhichaa tokkummaa ummataa cimsuurra darbee guddina dinagdee biyyattii si’eessuu keessattis shoora olaanaa qaba. Kanaafuu deeggarsi hundagaleessi gama hundaa ijaarsa hidhichaa xumursiisuuf gama ummataafi mootummaa Itoophiyaatiin taasifamaa jiru cimee ittifufuu qaba.

Ijaarsi hidhichaa lammiilee Itoophiyaa biyya keessaafi biyya alaa jiran akkasumas paartiileen siyaasaa garaagarummaa yaadaa qaban dhiisanii misooma biyyaalessaarratti tokkummaan akka hirmaatan taasiseera.

Ijaarsi hidha guddichaa hanga dhumaatti milkeessuun humna guutuun anniisaa elektirikii akka maddisiisu gochuun injifannoo guddaa abdii dhaloota ammaafi boriiti. Kanaafuu ummanni biyyattii ijaarsa hidhichaa tokkummaan xumuraan ga’uuf hirmaannaa ho’aa kan duraaniirra caalu taasisuu qabu.

Lagni Abbayyaa akkuma daangaa Itoophiyaa ce’ee gara biyyoota ollaatti yaa’u, humni elektirikii hidhi guddichi maddisiisus daangaa biyyaa ce’ee biyyoota ollaas kan gargaaru waan ta’eef akka qabeenya waliiniitti ilaalamuu qaba.

Ijaarsi hidhichaa utuu bajata mootummaa ykn qarshii liqii biyyoota alaatiin ijaaramaa jira ta’ee har’a sadarkaa kanarra hinga’u ture. Hojiin misoomaa kamiyyuu deeggarsa ummataa qabaannaan milkaa’innisaa shakkii hinqabau.

Kanaafuu deeggarsi qarshii, humnaa, yaadaafi beekumsaa lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyya alaa jiran ijaarsa hidhichaa milkeessuuf taasisaa jiran gara fuulduraattis hojiilee misoomaa biroorratti cimee itti fufuu qabaan dhaamsa keenya.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014

Recommended For You