Sochii murna shororkeessichaa irree qindaa’een maseensuuf

“Shaneen manuma kiyyatti dhuftee na qabde. Halkaniin naan deemtee, gochoota adda addaa narratti raawwatte. Haala ‘Simint-Kutir’ jedhamu sanaan duubatti na hiitee, “Namni gabaasa bulchootaaf geessu si’i, namni waraanaaf qarshii ummata irraa guuru si’i” jedhanii, na dirqisiisanii, mukatti na fannisan.

Lakki, waansaa quba hinqabu jedhee odoon boo’uu, waakkadhuu, miidhaa narraan ga’an. Harki kiyya amma hinhojjatu, maatii 12n bulcha. Hidhaa sanirraa kan ka’e harki koo gogee, miidhaa akkanaa narratti geggeeffameera.

Amma achillee, dalagadhee of danda’uu mitii hanga ammaa osoo nyaata afaan kiyyaan ga’uu hindanda’inin jira. Qaamni kiyya harki guutuun hinhojjatu. Walakkaan qaama koo hinhojjatu” .

Himni suukanneessaan seensaaf ittifayyadamne kun jecha jiraataa Godina Gujiiti. Kan miidhamaa kanaa fakkeenyaaf kaafne malee gochi murni kun ummata Oromiyaa darbees biyyattiirraan ga’aa tureefi ammallee ittijiru tarreessanii fixuun nama rakkisa.

Murni kun ummataafin qabsaa’a jechaa lubbuu namaa marartuu tasatti garajabeenyaan galaafataa, qabeenyaafi bu’uuraalee misoomaa akkasumas dhaabbilee tajaajilli hawaasummaa ittikennaman barbadeessaa jira.

Kanarraa ka’uun “Gareen kun akkamitti, namoota akkamiirraa uumame” jedhanii beekuuf daran kan bitaa namatti galuudha. Ummata Oromootiif qabsaaa’a yoo ta’e maaliif qabeenya Oromoo balleessaan dhimma lammiileen, keessumaa ummanni Oromoo irra deddeebiin kaasuudha.

Gocha hammeenyaa murni kun ummataafi qabeenyarraan ga’aa jiru ilaalchisuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) walga’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Kibxata darbe taa’amerratti akka ibsanittis, gareen kun manii, waan barreeffameefi hogganaa waan hinqabneef murna rakkisaadha.

Garichi manii qabsaa’uuf kan hinbeekne, namoota ugguree maallaqa kan gaafatu, dhala namaaf kabaja hinqabneedha jechuunis maalummaa murnichaa ibsaniiru. Mootummaanis waraana hidhattoota garichaa wajjin keessa tureen wareegama guddaa kanfaluu himan. Egaa akkuma yeroowwan adda addaatti ibsamaa tureefi Doktar Abiyyis irra deebiin mirkaneessan, murni kun dhokatee haleellaa raawwachuu malee kan kallattiidhaan lolatti seenu miti. Waan ta’eefis murnicha d h a b ams i i s u u n salphaa miti. Murnichi amma gargaarsa, leenjisaafi qaama meeshaa dhiheessuufis qaba. Garuu gareen kuniifi kaan Itoophiyaa diiguu danda’uu baatanis nageenya ummataafi biyyaa booressaa jiru.

Kanaaf ummanni biyyattii marti keessumaa ammoo Oromoon duudhaasaa ganamaatiin gargaaramee nageenya qe’eesaa mirkaneeffachuuf akkuma kanaan dura dirreetti bahee murna kana ifatti balaaleffate ammas nageenya qe’eesaa mirkaneeffachuuf qoodasaa caalaatti cimsee bahachuu qaba. Mootummaanis keessoosaa seecce’aa, ummatas mariisisaa nageenya waaraa mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014

Recommended For You