Baankii Daldala Itoophiyaa: Utubaa misoomaafi dinagdee biyyattii

Natsaannat Taaddasaatiin

Baankiin Daldala Itoophiyaa Dilbata darbe gamoo waajjira muummeesaa lafaa olitti abbaa darbii 48 ta’eefi sadarkaa gamoo biyyoolessaa eeguun kan bifa diyaamendiitiin Finfinnee naannawa Hora Finfinnee (Biheraawwii)tti ijaarame eebbisiiseera. Ministira Muummee Itoophiyaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannolee olaanaan sirna eebichaarratti argamaniiru.

Pirezdaantii Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Abbee Saanoo akka jedhanitti, baankichi hundeeffamasaa waggaa 80fa gamoo waajjira muummeesaa haaraa daran ammayyaa’aa ta’e lafaa olitti darbii 48 qabu eebbisiisuun kabajeera.

Gamoon waajjira muummee baankichaa akka Afrikaa Bahaatti sadarkaa 1fa akka Afrikaatti ammoo sadarkaa 3fa yoo ta’u, qulqullina sadarkaa gamoo biyyoolessaa kan eegeefi saffisaan waggaa shaniifi ji’a 11tti ijaaramee kan xumurame ta’uu himaniiru.

Baankichi imalasaa waggoota 80n tajaajila baankiifi ittifayyadamasaa babal’isaa, waa’ee qusannaa barsiisaafi hubannoo gabbisaa, ittigaafatamummaa hawaasummaasaa sirnaan ba’achaa, dinagdee biyyattii tajaajila baankii guutuun deeggaraa, rakkoo mana jireenyaa lammiilee furaa, sochiin daldalaafi invastimantii akka babal’atu taasisaafi qonni galteewwaniifi meeshaalee qonnaa barbaachisan akka argatu taasisaafi hojiilee misoomaa biyyattii faayinaansiidhaan deeggaruun badhaadhina biyyattii dhuguumsuuf hojjechaa kan jiru dhaabbata guddaadha. Baankichi utubaa misooma biyyattiiti jedhan.

Baankichi ittigaafatamummaa hawaasummaasaa ba’achuuf waggoota lamaan darban qofa deeggarsa qarshii biiliyoona 2.6 taasiseera kan jedhan pirezdaantichi, kana keessaa qarshiin miiliyoona tokkoo ol hojjettoota baankichaarraa kan walittiqabame ta’uufi aantummaa baankichi biyyattiif qabu mirkaneessuusaanitiif hojjettoota baankichaa hunda galateeffataniiru.

Baankiin Daldala Itoophiyaa industirii baankii biyyattiif bu’uura kan jedhan Obbo Abbeen, baankichi baankota dhuunfaa 20 biyyattii keessa jiraniif burqaa beekumsaa, humna namaafi kaappitaa ta’uu eeraniiru.

Baankota dhuunfaa 20 biyyattii keessa jiran keessaa pirezdaantonni baankota 12 hojjettoota Baankii Daldala Itoophiyaa turan. Hojjettoonniifi ogeessonni baankota dhuunfaa sadarkaalee adda addaarra jiranis hojjettoota Bankii Daldala Itoophiyaa turan. Maddi kaappitaafi hojmaata baankota dhuunfaas Baankii Daldala Itoophiyaa ta’uu eeru.

Baankiin Daldala Itoophiyaa muuxannoo waggoota dheeraa qabuufi teeknolojii ammayyaa’aatti fayyadamuudhaan hojii tajaajila baankii qaqqabamaa, si’ataafi mijataa ta’e hawaasa hunda biraan ga’uuf hojjechaa jira. Baankichi humna faayinaansiisaa cimsuufi amanamummaasaa bu’uura cimaarratti ijaarame eegsisee ittifufuuf hojjechaa jira jedhan.

Baankichi tajaajila sadarkaa biyyoolessaa eege kennuufi dinagdee Itoophiyaa faayinaansiidhaan gara fuulduraatti furguuggisuuf hojjechaa jiraachuufi kunis deeggarsa maamiltoonnisaa utuu yeroodhaan hindaanga’in taasisaniin kan dhugoomudha.

Hojjettoonni baankichaas maamiltoota naamusaan keessummeessuufi tajaajiluudhaan seenaa aantummaa, amanamummaafi dursummaa baankichaa cimsanii ittifufsiisuu akka qaban Pirezdaantiin baankichaa yaadachiisaniiru.

Baankichi piroojektoota misoomaa guguddoo guddina dinagdee biyyattii mirkaneessan hedduu faayinaansii dhiyeessuufiin kan deeggaru ta’uu kan himan Obbo Abbeen, keessumaa piroojektoota ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, hidhawwan jallisiifi humna ibsaa, sukkaaraa, paarkiiwwan industirii, mana jireenyaafi kkf deeggarsa dhiyeessa faayinaansii gochaa jiraachuu himu.

Baankichi maamiltootasaatiif tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuuf teknoolojiiwwaniifi tajaajiloota baankii haaraa sadarkaa addunyaatti hojiirra oolan gara biyyaatti akka galan gochuun yoomiyyuu isa duraa ta’ee hojjechaa jira jedhu.

Gamoon Waajjira Muummee Baankii Daldala Itoophiyaa haaraafi ammayyaa’aan boca diyaamandiitiin ijaaramee eebbifame, lafaa gadiifi lafaa olitti waliigalaan darbiiwwan 53 kan qabu yoo ta’u, meetira 209.15 dheerata.

Gamoon kun gamoowwan lama abbaa darbii 11fi 13 cinaasaa jiran dabalatee lafa kaaremeetira kuma 165 ol irratti kan ijaarame ta’uufi galma walga’ii ammayyaa’aa altokkotti namoota kuma lama qabatu tokko, galmoota walga’ii giddugaleessaa altokkotti namoota kuma sadii qabatu lamaafi altokkotti namoota kuma lama qabachuu danda’u shan kan qabu ta’uu himaniiru.

Gamoon abbaa darbii 13 ammoo giddugala Siniimaa daran ammayyaa’aa, suuqota, jimnaaziyemii, wiirtuu bashannanaa daa’immaniifi restoraantii kan qabu yoo ta’u, gamoon abbaa darbii 11 ammoo bakka agarsiisaa, biiroowwan hojjettoota baankichaa, kaaffeewwaniifi iddoo bashannanaa qaba. Walumaagalatti gamoo haaraan waajjira muummee baankichaa liiftiiwwan 24fi iskaaleetaroota 26 kan qabu ta’uu eeru.

Gamoon baankichaa haaraan ijaarame al tokkotti konkolaataawwan kuma tokkoofi 500 qabatu kan qabu ta’uufi gamochi guutummaan ittisa balaa abiddaa ammayyaa’aa, kaameraawwan ‘CCTV’, bakka yoo balaan abiddaa mudate turan sadiifi siistamoonni nageenya eegsisan ammayyaa’oon kan warshaalameef ta’uus ibsaniiru.

Gamoon waajjira muummee Baankii Daldala Itoophiyaa baasii doolaara miliyoona 303.5n waggaa shaniifi ji’a 11 keessatti kontiraaktara ‘China State Constriction Engineering Corporation’n kan ijaarame yoo ta’u, gorsaan ammoo Inistiitiyuutii Teeknolojii Yunivarsiitii Finfinnee ta’uus eeraniiru.

Baankiin daldala Itoophiyaa yeroo ammaa guutummaa biyyattiitti dameelee kuma tokkoofi 500, hojjettoota kuma 66, maamiltoota miiliyoona 34fi qabeenya waliigalaa tiriiliyoonii 1.1 kan qabu ta’uus beeksisaniiru.

Walittiqabaan Daarektaroota Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Taklawaldi Axinaafuu akka jedhanitti, bilisummaa, dhaga’amummaafi humna waa raawwachuu biyya tokkoo kan murteessu humna dinagdee biyyattiiti.

Baankonni qabeenya ummataa imaanaadhaan qabuudhaan guddina dinagdeefi misooma biyyaaf akka oolu taasisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru. Abbootiin biyya keessaa daldala biyyoolessaarratti hirmaachuudhaan biyyisaanii galii sharafa alaa akka argattu taasisuu keessattis gaheen baankotaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Baankonni carraa hojii uumuufi ce’umsi teknoolojii akka jiraatu taasisuudhaan jireenya hawaasaa jijjiiruu keessatti gumaacha guddaa gumaachaa jiraachuu himanii, akkasumas sirna kaffaltii raawwachuufi dinagdee maayikiroo tasgabbeessuu keessattis gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuufi walumaagalatti baankonni bu’uura dinagdeefi misooma biyya tokkooti jedhu.

Baankiin Daldala Itoophiyaa waggoota darbaniif piroojektoota misooma biyyattiitiif tajaajila faayinaansii dhiyeessaa tureera. Baanichi keessumaa waggoota lamaan darbanii as rakkoolee isa mudatan qorannoorratti hundaa’uun adda baasee furuudhaan damee dhuunfaafi dhaabbilee misoomaatiif faayinaansii barbaachisu dhiyeessaa misoomaafi guddina dinagdee biyyattii mirkaneessuu keessatti gumaacha irraa eegamu bahachaa jiraachuu dubbatu.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gamasaaniitiin akka jedhanitti, Baankiin Daldala Itoophiyaa dhaabbata faayinaansii seenaafi beekumsa sirna faayinaansii biyyattii hammaaramee hindhumne qabuudha. Baankichi gaaddisa faayinaansii biyyattiifi bu’uura baankota dhuunfaa biyyattiiti.

Qabeenyawwan kuufamaa baankota biyyattii keessaa %52 ol kan jiru baankii Daldala Itoophiyaa keessa. Dabalataanis qabeenya waliigalaa damechi qabu keessaa %62 ol kan qabatus baankiidhuma kana. Baankichi qabeenya waliigalaa tiriiliyoonii tokkoo ol waan qabuuf gaaddisa faayinaansii biyyattiiti yoo jedhame waan itti hir’atu hinqabu jedhu.

Baankiin Daldala Itoophiyaa Ministeera Barnootaarraa waraqaa beekamtii argachuu baatus akka yunivarsiitii faayinaansii Itoophiyaa ta’ee tajaajileera kan jedhan Doktar Abiyyi, namoonni dhaabbata faayinaansii kamiyyuu keessatti ittigaafatamummaa olaanaadhaan kan tajaajilan baankicha keessatti baratanii ga’oomanii kan ba’an waan ta’eef baankichi waraqaa ragaa digrii kennuu baatus dhaabbata ogeessota hedduu horate waan ta’eef galata guddaa argachuu akka qabu dubbataniiru.

Baankichi bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuudhaan sadarkaa kanarra ga’uus himanii, baankichi muuxannoo gaarii imalasaa waggoota 80 keessatti horaterraa barachuun hanqinootasaa ammoo guutuudhaan dhaabbata faayinaansii cimaa ta’ee ittifufuuf caalaatti cimee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhaabbileen faayinaansii dhuunfaa akka guddataniif waggoota 30n darban baankonni alaa akka hingallee taasifamaa turuus himanii, kun haala kanaan waan ittihinfufneef baankonni biyyattii baankota biyyoota addunyaa waliin dorgomuuf gamoo ijaaruu qofaan utuu hintaane humna namaatiinis ta’e hojmaataan qophii cimaa taasisuu qabu jedhaniiru.

Baankiin Daldala Itoophiyaa akkuma baankota dhuunfaa biyyattii keessa jiraniif fakkeenya gaarii ta’e baankota addunyaa waliin dorgomuuf of qopheessuu qaba kan jedhan Doktar Abiyyi, baankonni qabeenya ummata bal’aa waan ta’aniif sirna kenniinsa qarshii liqii fooyyessuun keessumaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaa fayyadamoo taasisuu qabu. Baankonni abbootii qabeenyaa muraasaaf qarshii liqeessuu utuu hintaane hawaasa bal’aa sirriitti tajaajiluuf qophii ta’uu akka qabanis hubachiisaniiru.

Qabeenya qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni baankiitti walittiqabataniin namoonni muraasni qofti liqeeffatanii ittiin gamoo ijaarrachuu hinqaban. Qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonnis tajaajila qarshii liqii baankotarraa argachuu qabu. Qabeenyi baankiitti kuufamu karuma dhufuun yoo deebi’ee hindhangala’u yoo ta’e deemee deemee guddina biyyattiirratti gufuu ta’uu danda’a.

Kana booda hojmaanni baankotaa qonnaan bultoota, horsiisee bultootaafi hojjettoota fayyadamoo taasisuun jireenyasaanii akka fooyyeffatan taasisuu qaba. Ammaan booda dameelee baankii babal’isuu qofti ulaagaa guddina baankii ta’uu hinqabu jedhaniiru.

Baankichi sirna eebbichaarratti hoggantoota damee faayinaansii baankichaa fayya buleessa taasisuufi guddina baankichaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisan shan (Ambaasaaddar Girmaa Birruu, Obbo Taklawaldi Axnaafuu, Doktar Tafarraa Daggifee /amma lubbuun kan hinjirre, Obbo Alamuu Abarraa, Obbo Xilaahuun Abbaay) badhaasa addaa badhaaseera.

Kana malees baankichi hojjetoota waggoota dheeraaf baankicha tajaajilaniifi hoggantoota baankichaa milkaa’ina gamoo ijaarsa waajjira muumnee baankichaa keessatti gumaacha olaanaa taasisaniifi hoggantoota baankichaa duraaniifi ammaa badhaaseera.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014

Recommended For You