Jaarmiyaalee araaraafi meeshalee ulfoo Sirna Gadaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Jaarmiyaalee Sirna Gadaa keessaa muraasni hawaasni walitti bu’e ykn lubbuu dabarse deebi’ee nagaa buusuun waliin jiraachuu akka danda’uuf taasisuun araara buusu. Jaarmiyaalee kanneen keessaa isaan guguddoon, Gumaa, Bokkuu, Kallacha, Caaccuu, Siiqqee, warra Qaalluu (Ayyantuu), Jaarsummaafi Shanachaa kan kana fakkaataniidha.

  1. Gumaa

Gumaan sirna gareen lubbuu dabarseefi warri lubbuun jalaa darbite ittiin araaramaniidha. Murteen darbu seera Gumaarratti hundaa’a. Namichi nama ajjeese mana isaa dhiisudhaan bakka fagoo baqatee deemuu qaba. Sana booda akka seera Gadaatti sirni akka guutamu ta’a. Gumaan gaafatamu bifa lama qaba, kunis beekee kan ajjeeseefi tasa kan ajjeese jechuun, addaan baha. Gatiin kennamu lubbuu darbe kan bakka bu’u osoo hintaane, haala ittiin namni yakka raawwate cubbuusaa ittiin of irraa dhiquufi firooma deebisuudha jedhamee fudhatama.

Namichi nama ajjeese gosa isaa keessa deemee “harkatu na xuraa’e, badiin hojjadhe na garagaaraa” jedheetu kadhatee gumaa baasa.

Namni kun durreessa ta’ullee biyyarra deemee lubbuun namaa harkatti baduu isaa himatee, horii gumaa kadhachuun dirqama. Guyyaa araarri bu’u horiin qalamee dhiigni gadi nam’ee, garee lamaaniif foon xixiqqoon qoodameefii erga nyaatanii booda, sirnichi xumurama. Foon qoodamu xixiqqoo waan ta’eef “gumaa nyaanne” jedhama. Kana booda warri diina ta’ee ture deebi’anii walitti firoomu.

  1. Bokkuu (Mallattoo Aangoofi Araaraa)

Bokkuun, inni duraa sibiilarraa tolfamee, Waaqaa bu’e jedhama. Yeroo ammaa garuu Oromoon Bokkuu muka gaarii ilaalee bocee tolfata. Bokkuun kabaja guddaa qaba, yeroo baay’ee walitti bu’iinsa ummata keessatti ka’uuf kan lubbuu namaa balleessuufi duula gosoota Oromoo gidduutti godhamu tasgabbeessuuf kan ba’uudha. Kanaafuu Bokkuun safuufi duudhaa jiruun akka jaarmiyaa araaraa tokkootti kan fudhatamuudha. Kana malees humni diinaa dhufee biyya balleessuuf yoo ka’eefi Abbootiin Gadaa sana hubannoo dhabuudhaan yoo callisan ummanni duulaaf ka’ee diina ofirraa akka ittisu labsiin kan ittiin godhamuudha.

Akkasumas, Abbaan Gadaa bakka Abbaan Bokkuu jirutti Odaa ofii jala taa’ee seera tumee labsa. Bokkuun mallattoo Gadaafi naannawaa adda addaatti, mallattoo aangooti. Akka aadaatti Bokkuun iddoo lamatti qoodama: Inni tokkoffaan Bokkuu gosa hangafaa, kan Malkaa hinceene (naannoo ofiitii ba’ee laga ce’uu hindandeenyedha). Bokkuun kun akka tasaa yoo laga ce’e fala qaba. Inni lammaffaan Bokkuu gosa quxusuu, malkaa ce’uu kan danda’uudha. Walumaagalatti Bokkuun ala hinbuluu jedhama. Paartileen Gadaa shananuu Bokkuu tokko tokko kan mataa ofii qabu.

Sirna Gadaa keessatti Abbaan Bokkuu jaarmiyaa mootummaa olaanaafi araaraati. Gaggeessitoota Gadaa biratti abbaan Bokkuu kabajaafi ulfina guddaa qaba. Abbaan Bokkuu kan Gadaa dursuudha. Abbaan Bokkuu hogganoota amantii waaqeffannaa yoo ta’an namoota safuu Waaqaafi lafaa beekan, warra obsa qaban, warra kadhatanii Waaqarraa argatan, warra laguu eeggatan, warra yeroo ofii amantiidhaaf kennan, warra yeroo eebbisan Waaqni dhaga’uudha.

3.Kallacha

Kallachi mallattoo hangafummaafi araaraa kan warra dhiiraati. Kallachi Sirna Gadaa keessatti ulfina guddaa qaba. Iddoo baay’eetti kallachi addarratti waan godhamuuf yeroo tokko tokko “addoo” jedhanii waamu. Kallachi waaqeffataa biratti Waaqaa gaditti kan sodaatamuufi safeeffatamuudha.

Kallachi akkuma Bokkuu sibiila qorsa (comet) ykn bakakka waliin samiirraa bu’e jedhama. Waaqeffataan durii bakka bakakkaan itti bu’etti aannan sa’a gurrachaa itti dhibaafatee kallachaafi bokkuu argata jedhama. Kallachi waan kabaja qabuuf dhiiga malee hinsosso’u. Oromoon Kallacha biratti sobaan hinkakatu, kan sobaan kakate ammoo hinhoofkalu jedhama. Kallacha dhimma nagaafi araaraaf itti gargaaramaniidha.

Bara caamsaan hammaatee, kallachi malkaatti, tulluutti bobbaafamee Waaqni kadhatama. Yoo namni wal ajjeesee araaraamuu dide kallacha bobbaasanii araarsu. Kallachaan kadhatamee namni didu hinjiru. Kallachi bu’aafi dhimma dhuunfaaf hin oolu. Ta’us yeroo ammaa kana namoonni tokko tokko safuu cabsuudhaan dhimma dhuunfaatiif ittifayyadamaa jiru. Fakkeenyaaf durba tokko warri kennuufii yoo dide ykn ishiin yoo didde kallachaan doorsisanii fuudhu. Kallacha addaan itti hindeeman. Osoo Farda yaabatanii deemanii yoo kallachi namatti dhufe irraa bu’aniitu kallacha na hoofkalchi jedhanii itti irreenfatanii bira taru.

Kallachi kormaafi laafaa jedhameetu bakka lamatti qoodama. Kallacha korma kan jedhamu, ija kan qabu, mataan isaa qara qabuufi Abbaan Gadaa mataatti hidhatee waraana labsuudha. Kallachi laafaa ammoo kan warri Gadamoojjii hidhataniidha.

  1. Caaccuu

Caaccuun mallattoo hangafummaafi araaraa kan warra dubartii yoo ta’u, kallacha dubartiiti jechuun ni danda’ama. Caaccuun faayaa kabaja dubartii Oromooti. Innis gogaa goromsaa irraa elellaan sagal sagaliin tarree galee tolfama. Caaccuun elellaaniifi Calleedhaan bareedee tolfama. Caaccuun eebbaaf malee abaarsaaf hinba’u. Dubartoonni Caaccuu addatti hidhatanii, siinqee qabatanii, araara, nagaa, rooba, fayyaa, hormaataafi kan kana fakkaatan nuuf kenni jedhanii Waaqa kadhatu. Caaccuun mallattoo araaraati. Haati Caaccuu siinqee qabattee waraana gidduu yoo seente lolli sun ni dhaabbata.

Haati Caaccuu durii, dubartii ilmi Gadoomee, dandeettii aadaa, amantiifi qalbii qabdu taatee dubartootaan kan filamteedha. Yeroo ammaa kana haati warraa warra aangoo qabaniifi warra dureeyyii dorgommii tokko malee nutu haadha Caaccuuti ofiin jedhu. Amantiin alaa dhufanis Caaccuuniifi Calleen meeshaa seexanaatii gataa, gubaa jedhu. Ta’us dubartoonni Oromoo hedduun meeshaa faaya qabu kana akka seeraatti kabajuudhaan itti fayyadamaa jiru. Bokkuun, Kallachiifi Caaccuun yeroo baay’ee harka maatii tokko keessatti mul’achuu ni mala. Namichi, Bokkuu qabu tokko yeroo baay’ee Kallacha hindhabu, abbaan warraa meeshaa ulfinaa kana qabaannaan haati warraa immoo Caaccuu ni qabdi jechuudha.

  1. Siinqee

Siinqeen mallattoo heerumaafi mirga dubartoonni Oromoo aadaadhaan qaban agarsiisuudha. Siinqeen ulee sorooroo (qajeelaa) irraa kan tolfamtu yoo ta’u, mallattoo heerumaafi aangooti. Siinqeen kabajaa, saalfiifi sodaatama guddaa qabdi. Akka ulee biroo Siinqeedhaan horii hindha’ani. Siinqeen seeraaf waan qabatamuuf dubartiin Siinqee qabattu ni sodaatamti, ni saalfatamti, ni kabajamti. Dubartiin Siinqee qabattee karaarratti yoo namatti dhufte, nama hoofkalchitu malee bira hindarban ykn hinqaxxaamuran, malkaas ishii dura hince’an. Dubartiin rakkatte Siinqee qabattee kadhaaf karaarra yoo baate waan harkaa qaban hin dhowwatan.

5.1 Faayidaa Siinqeen qabdu

A. Guyyaa heerumaa haati intala ofiif “Kana booda ani si bira hinjiru, yaa intala too si’achi of danda’i” jettee akka ragaa heerumaafi mallattoo kabajaa kan itti kennituudha. Guyyaa heeruma ishii kana irraa calqabdee Siinqee qabachuu ni dandeessi. Siinqeen mallattoo of dandeettiiti.

B. Waraanni gosa gidduutti yeroo dhalatu, osoo walfixaa jiranuu, dubartiin Siinqee qabattee ililfataa, ateetee faarsaa yoo lola gidduu seente, waraanni oggasuma dhaabbata. Kana jechaan Siinqeen dubartootaa ulfina hangana hinjedhamne gonfachiifte jechuudha.

C. Nama hiyyoomeef ykn qabeenyi balaadhaan jalaa barbadaa’eef hirpha ittiin kadhatuuf,

D. Dubartii dhala dhabdeef guddifachaan mucaa akka argattu kadhachuuf,

E. Dubartiin karaa ykn imala deemtu akka dhiiraan hintuqamneef,

F. Kadhaa ykn araara Waaqaaf,

G. Abbaa warraa ishiitiin akka hinmiidhamne Siinqeedhaan of irraa dhorkiti.

6. Abbaa Muudaa (Qaalluu ykn Warra Ayyantuu)

Abbaa Muudaa jechuun Qaalluu isa muudu jechuudha. Seenaa Sirna Gadaa durii keessatti Qaalluun iddoo olaanaa qaba. Qaalluun mallattoo mirgaafi ulfina qabachuudhaan beekama. Qaalluun Oromoo biratti dhaaba ulfina guddaa qabu waan ta’eef walitti bu’iinsi yoo uumame namoonni gara araddaa Qaalluutti deemuun yakkaafi badii isaan irratti raawwatame himatu. Namni badii geessises garasitti baqata. Kana booda warri Qaalluu rakkinni uumamee akka fala argatu namoonni dhimmichatti dhiyaatan akka hiika barbaadan gorsaafi qajeelfama kennu. Sana booda araarri karaa jaarsoliitiin bu’a.

  1. Shanacha

Shanacha jechuun jecha shan (5) jedhu irraa kan maddeedha. Shan aadaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba. Gadaan miseensa shan qaba, Bokkuun Gadaas shan, eeboofi alangaan yeroo seerri tumamuufi muramu bahanis shan akka ta’an ni beekama. Kunis aadaa Oromoo keessatti lakkoofsi shan akka lakkoofsa seeraatti fudhatamuu isaa mul’isa. Kanarraa ka’uun jaarsoliin Araaraaf taa’an lakkoofsaan shan waan ta’aniif “Shanacha” jedhamu. Shan ta’uun isaanii araara buusuuf ni tola jedhama. Murtii shaneen hiika kennuufii dadhabde immoo saglan gosaatiin akka ilaalamu godhama. Saglan gosaa koree hayyootaa miseensota nama sagal of keessaa qabu akka qaama olaanaatti kan ilaalamu yoo ta’u, isaa olitti immoo “Gumii ykn Caffeetu” jira.

  1. Jaarsummaa

Jaarsummaan Sirna Gadaa keessatti kabaja guddaa qaba. Jaarsummaan walqixummaa, dhugaafi haqaan saba tajaajila. Jaarsummaa keessatti kaadhimamuun akka ulfina guddaatti ilaalama. Namni jaarsummaaf kaadhimamu umriin kan raage, sammuun kan bilchaate, kan arrabaan qarame ykn haasaa beeku, ta’uu qaba.

Jaarsummaarratti jaarsolii tokkoo oltu irratti hirmaata. Jaarsoliin kunneen dubbii garee lamaan gidduu jiru erga sirriitti ilaalaniifi dhaggeeffatanii booda murtii kennu. Murtii jaarsoliin kennan kan namoota ykn gareewwan waldhaban walitti araarsuufi hariiroofi walitti dhufeenyasaanii caalaatti cimsuudha.

Nama ykn garee murtii jaarsoliin kennan hojiirra oolchuu dide seeratu itti jiga, ni lagatama, hawaasa keessaa darbatama, duunaan biyyi ba’ee hin awwaalu, cidhas ta’e daboo yoo waammate namni hindhaquufi. Kanarra darbees yeroo muraasaaf biyyaa akka ari’amus ni taasifama. Kanaafuu dubbii jaarsi mure kan didu hinjiru.

Maddi: Waraqaa Qorannoo Doktara Tarrafee Tsaadiq 2014

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014

Recommended For You