Mirgaan galuu garee kubbaa miilaa Senegaaliifi miira pirezidaantii biyyattii

Finfinnee: Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 33fan Amajjii 1-29 bara 2014 magaalota Kaameeruun shanitti adeemsifamaa ture Senegaal Misir rukuttaa peenaalitiin 4-2n mo’achuun xumurameera.

Pirezidaantiin Senegaal Maakii Saal tapha waancaa kubbaa miilaa kana yaa’ii Gamtaa Afrikaa 35faf waan Finfinnee turaniif foddaa televiziyoonaatiin hordofaa turan. Yaa’ichaan guyyuma sana dura taa’ummaan kan filataman pirezidaantichi, gareensaanii waancaa Afrikaa yeroo jalqabaatiif waan injifateef gammachuu itti dhaga’ame miira addaatiin ibsachaa turan.

Kibxata darbe masarasaaniitti garicha simataniiru, tokkoo tokkoon taphattootaas doolaara kuma 87fi lafa ijaarsa manaa badhaasaniiru; guyyaan Wiixataas guyyaa injifannoo ta’ee akka ayyaaneeffamu murteessan.

Qopheessituun waancichaa, Kaamerun Burkinaa Faasoo rukuttaa peenaalitiin 5-3n mo’achuudhaan sadaffaa ta’uun nahaasa argatteetti. Galchoota saddeet galchuudhaan taphataan Kaameeruun, Vilaat Abubakar, taphataa beekamaa ta’uudhaan filatameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014

Recommended For You