Ispoortiifi festivaalli aadaa fedeeraalaa bor eegalama

Finfinnee: Ispoortiin aadaa Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itoophiyaafi Ministeerri Aadaafi Ispoortii waliin ta’uun waggaa waggaan qopheessan bor kan eegalu ta’uu sagantaan jiru ni ibsa.

Naannoo Amaaraa, Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Dabra Biraanitti kan adeemsifamu shaampiyoonaan ispoortii aadaa 19fafi feestivaalli aadaa kun Guraandhala 6-13 bara 2014 akka gaggeeffamus Ministeera Aadaafi Ispoortiitti Ittigaafatamaan Kutaa Kominikeeshinii Obbo Naasir Laggasaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin ibsaniiru.

Shaampiyoonaa ispoortii hambaalee biyyattii bu’uura godhachuun gaggeeffamu kanarratti naannoo Tigiraayirraa kan hafe Bulchiinsota Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee naannooleen hundi akaakuuwwan ispoortii kudhaniin kan hirmaatan ta’uu himaniiru.

Ispoortiifi feestivaalli aadaa kun mata duree “Hambaalee aadaa keenyaa guddisuun cimina tokkummaa biyyaaleessaa” jedhuun akka adeemsifamuuf Obbo Naasir himaniiru.

Shaampiyoonaan ispoortii aadaa 19fafi feestivaalli aadaa 15fan kun ispoortiiwwan aadaa beeksisuu cinaatti ummanni ispoortii keessatti akka hirmaatu, qonnaan bulaafi horsiisee bulaan tokkummaa, aadaafi duudhaasaa caalaatti cimsee akka kunuunsu gochuuf ta’uus addeessaniiru.

Pirootokolii ittisa Koviid-19 eeguun kan gaggeeffamu shaampiyoonaan kun naamusa gaariidhaan jalqabamee akka xumuramu koreewwan adda addaa hundaa’uun ciminaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014

Recommended For You