Sandaafaa: Oromoofi fardisaa gaafa dhaga’amu gootummaa ilmaan Oromoo gaarreen Adawaarratti faashistii Xaaliyaanii hurreessuun agarsiisan Itoophiyaarra darbee gurraachota Afrikaaf fakkeenya walabummaa ta’ee mul’ata.
Dilbata darbes festivaalli tapha aadaa mataduree “Farda Misooma Turiizimii Keenyaaf” jedhuun Barraak Sandaafaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, fardiifi qeerroon raayyaa Oromoo ta’uu Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee (GAONF) dubbataniiru.
Bulchichi Obbo Girmaa Hayiluu haasaa sirnicharratti taasisaniin, feestivaalicha misooma turiizimiif oolchuun ala diina biyyatti gamu kamuu qolachuuf qophii ta’uu agarsiisa jedhan. Fardeen gootota Oromoo darbaniifi ilmaan gootota Oromoo har’as walabummaa biyyaa kabachiisuuf humna gahaa qabaachuu kan agarsiisu ta’uus eeran.
Festivaalichi humnoonni biyya diiguuf wixxirfataniif ergaa gaarii dabarsa jedhanii, fardi keenyas ta’e dhaloonni haaraa diina eenyummaasaaf qabeenyasaarratti gamu kamiifuu obsa hinqabu. Diina biyyaa kamuu akkaatuma dhufaatiisaatti deebisuuf ga’umsa qabaachuu kan agarsiisu ta’uus ni eeru.
Ministirri Aadaafi Ispoortii Jaal Qajeelaa Mardaasaas gamasaaniin, fardeen Oromoo gootota Oromoo waliin maqaansaanii hanga biyyoota alaatti beekamoodha. Keessumaa fardaan waraana gaggeessanii injifachuu addunyaatti kan beeksise Oromoodha jechuun kan danda’amu ta’uufi sadarkaa makaanaayizdiittillee utuu hojiirra oolee biyyaaf bu’aa buusa jedhu.
Xaaliyaanii hurreessuu keessatti gootonni Oromoo akka Fitaawraarii Gabayyoo Gurmuu, Baalchaa Abbaa Nabsoo akkasumas fardeensaanii osoo jiraachuu baatanii jiraachuun Itoophiyaa gaaffii jala galaayyu kan jedhan ministirichi, kanaafis gootota Oromoofi fardeensaaniif kabajni guddaan kan malu ta’uu himaniiru.
Festivaalicharratti qeerroofi qarreen GAONF, Godinni Arsii, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaafi Adaamaa fardeensaaniin dabaalamanii agarsiisa sharxiifi gombisaa hawwataa gaggeessaniiru. Qeerroowwan dubbsine tokko tokko akka jedhanitti, qaama biyya diiguuf gamu kamuu qolachuuf qophiidha.
Bookii Girmaa GAONF, Aanaa Muloo, Ganda Eekkaa Jaarsoorraa kan dhufe yoo ta’u, walabummaa keenya kabachiisuuf gootummaa abbootiin keenya raawwatan dabaluuf qophii ta’uu eereera.
Festivaala Aadaa Fardaa kanarratti fardeen kuma shanii ol kan argaman yoo ta’u, dorgomtoonni agarsiisa addaatiin injifatanis badhaafamaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014