Ministeerri Galiiwwanii ji’oota ja’an darbanitti taaksii biyya keessaafi daldala alaarraa qarshii biiliyoona 185,78 walittiqabuuf karoorsee qarshiin biiliyoona 171,31 walittiqabuu danda’uufi karoorasaa dhibbantaa 92.21n milkeessuu Ministirri Galiiwwanii Obbo Laaqa Ayyaalee ibsan.
Ministirichi wayita raawwii ji’a ja’aa ministeerichaa dhiyeessanitti, galiin argame yeroo walfakkaataa bara darbe waliin walbira qabamee wayita ilaalamu caalmaa qarshii biiliyoona 22.21fi dhibbantaa 14.9 agarsiiseera jedhan.
Taaksii biyya keessaarraa qarshii biiliyoona 108.96 walitti qabuuf karoorfamee dhibbantaa 96.70 raawwachuun kan danda’ame ta’uufi gama Gumruukiin qarshiin biiliyoona 76.83 walitti qabuuf karoorfamee dhibbantaa 65.84 raawatamuu ibsaniiru.
Bu’aan galmaa’e jajjabeessaa waan ta’eef kaffaltoonni gibiraa, hojjetoonniifi shoorri qooda fudhattootaa olaanaa waan ta’eef galatatu malaaf jedhaniiru.
Biiroon galiiwwan Oromiyaas bara darbe walakkaa waggaatti sassaabbii galii idileen qarshii biiliyoona 16.3 walitti qabee kan ture barana biiliyoona 25.8 walitti qabuun caalmaan qarshii biiliyoona 8.7fi guddina dhibbantaa 53.3 galmaa’era.
Ittigaafatamtuun Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Adde Maskaram Dabbaabaa wayita raawwii hojii baatiiwwan ja’aa dhiyeessanitti, galii mana qopheessaa ilaalchisee godinaaleen kudhan karoorasaanii guutummaan kan raawwatan yoo ta’u, magaalaan tokko dhibbantaa 50 ol kan raawwateefi magaalonni lama raawwinsaanii yeroo walfakkaatuun walbira qabamee wayita ilaalamu gadaanaa ta’uu himan.
Tarsiimoo guddina galii qophaa’een maddoota galii haaraa barbaaduufi dura kan jiranis hanga barbaadamu galii akka taasiisanirratti xiyyeeffachuun karoorfamuun milkaa’ina galii walitti qabameef gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Magaalota hedduu keessa gamoowwan jiran kireeffamanis galiin irraa argamuu ture dhibbantaa tokkoo gadi ta’uu yaadachiisanii, xiyyeeffannaa barana kennameen gamoowwaan kireeffamuun taaksii hinkafallerratti murtoo taaksii murtaa’uu beeksisaniiru.
Galii albuuda ijaarsaarratti Komishinii Misooma Albuudaa waliin ta’uun galiin sassaabamu ta’uufi galii taaksii dabalata qabeenyaa (VAT) sababa kaffalaan gibiraa taaksii kanaaf galmaa’ee nagahee hinkunneef; kanaafis to’annoofi hordoffiin laafaa ta’uun galii gahaa sassaabuuf danqaa ta’uu dubbataniiru.
Maddoonni galii haaraa xiyyeeffannoo barbaadan keessaa gurgurtaa konkolaataafi baajaajiti kan jedhan Adde Maskaram, qamni gurgurtaa raawwatu gatii ofii dhiyeessaa tureen galiin waan sassaabamuuf hanga barbaadamu galiin walitti qabuu hindandeenye jedhaniiru.
Biiroon Galiiwwan Oromiyaa bara baajataa 2014tti qarshii biiliyoona 50.3 walitti qabuuf karoorfate keessaa ji’a jahatti qarshii biiliyoona 25.8 walitti qabuun karoorasaa dhibbantaa 96 milkeessuu danda’uufi kuufama taaksii kaffalaan gibiraa kaffaluu qabu birrii biiliyoona 1.2 galchuuf karoorfamee birriin miiliyoona 292 walitti qabamuu ibsaniiru.
Bara 2014tti galii idileerraa birrii biiliyoona 42.33 akkasuma galii mana qopheessaarraa birrii biiliyoona 8 argamsiisuuf karoorfameen, ji’oota 6’n darban galii idileerraa birriin biiliyoona 22.2 kan argameefi mana qopheessaarraa galiin biiliyoona 3.8 argamuu himaniiru.
Barana hojiin gama galiin walitti qabuun hojjetame foyyee qabaatus raawwiinsaa wayita ilaalamu godinaaleen 14 fi magaalota 5 keessaatti harka 50 ol ta’uu fi godinaaleen 7 fi magaalonni 14 raawwii harka 50 gadii qabaachuu eeraniiru. Raawwiinsaanii baranaa wayita ilaalamu kan bara darbee waliin walbira qabamee wayita ilaalamu magaala sulultaan ala caalmaa qaba jedhan.
Sassaabbiin galii kan bara darbeerra fooyyee qabaachuufi kanaafis karoora tarsiimoo guddina galii babal’isuuf hojiin qindoominaan hojjetameera jedhanii, gamoowwan magaalota keessatti kireeffamanii gibira hin kaffalle kuma 8,725murtii taaksii qarshii miiliyoona 628 akka kaffalan murteeffameera jedhan.
Qoodiinsa qabeenya akka Federaalaatti jiruunis kan bara darbeen garaa garummaa birrii biiliyoona 2.7 kan qabuufi kunis raawwiin isaa harka 93 ta’uun himame.
Hojii hojjetame keessatti hoggansi sadarkaan jiru galii maddisiisuuf kutannoon hojjechuu, kaffaltoota gibiraa yeroon kaffalaniif beekamtiin kennamuu,maddoota galii adda baasuuf hojiin hojjetame akka ciminaatti eeramuu danda’u jedhan.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014