Billaachi yeroo jalqaba yaatu wal’aansoo cimaa qabdee qola ishee (cocoon) keessaa baati. Qolli isheen keessaa baatu salphaatti gadi hindhiisu. Namni tokko akka tasaa wal’aansoo isheen qabdu ilaalee gaddee gargaaruu barbaade. Sababiin isaa uumamaan akkas taati jedhee yaadee hinbeeku ture. Utuu inni ilaaluu billaachattiin sa’aa dheeraaf wal’aansoo erga qabdee booda yeroo xiqqoof callisuu ishee arge. Isa booda qola isheen keessatti qabamte kutee keessaa baase.
Billaachi sunis qaama dhiita’ee, baallee xixiqqoofi kan dhagna isheetti maxxaneen keessaa baate. Tarii billachi kun baalleen ishee fooyya’ee kaatee balaliiti jedhee eege. Haa ta’u iyyuu malee bakka jirtu sanaa socho’uu hindandeenye. Yeroof qofa utuu hinta’in bara ishee hundumaa naannoo sana gangalachuun, baallee qaama ishee baachuu hindandeenyeen jiraatte. Utuu akka jalqabdetti wal’aansoo qabdee baate ta’ee qaawwi isheen keessaa baatu sun dhangala’aa dhagna ishee keessaa gara baalleetti naquun akka balaliituuf nigargaara ture.
Egaa wal’aansoo qabuun nama gammachiisuu dhiisuu danda’a. Haa ta’uyyuu malee barbaachisaadha. Guddinni wal’aansoo malee hinjiru. Wal’aansoon dandeettii rakkoo furuu gabbifannu, guutummaa dandeettii keenyaatti fayyadamnee akka galma keenya bira geenyu nutaasisa.
Akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti inni kun murteessaadha. Jijjiiramni har’a bakka hedduutti arginu dafqaafi wal’aansoo booda. Mee akka fakkeenyaatti wal’aansoo biyyoonni akka Chaayinaa qabanii keessa darbanii haa ilaallu. Waggaa afurtama dura Muddee 18, 1978titti wanti siyaasa jaarraa 21ffaa keessatti ga’ee guddaa qabu tokko biyya kana keessatti raawwate. Geggeessaa biyya Chaayinaa kan ture Maa’oo Zeedoong erga du’ee booda biyya kana geggeessuuf kan bakka bu’e Deeng Xiaaopiing jedhama.
Innis seenaa biyyattii geeddaruufi yoomiyyuu akka isheen hinraafamneefi siyaasa biyya lafaa keessatti akka bakka ol’aanaa qabattu nama taasisuuf yaaleedha. Hundee milkaa’inaa dhagaa bu’ura biyyattii kaa’ee darbe. Baroota uummanni Chaayinaa itti dhiphataa ture, keessumaa bulchiinsa hamaa sabichi keessa ture yeroo itti akka dhaabatuuf hojjete fakkaata.
Bulchiinsa Deeng keessatti ummanni kanaan dura yaada qofarratti ijaaramee ture gara bifa qabatamaa ta’etti deebisuun akka balballi investimeentii banamuufi haara’oomsi ta’u taasise. Yeroo kanaa eegalee hawaasni waan isa marsee ture, waan abjuu isaa haguugee ture keessaa ba’uun dhaloota hojii uumuu danda’u, biyyaafi hawaasa jijjiiruu kan danda’u ta’e.
Isa kana kaasuun kan barbaachiseef inni guddaan waa’ee hawaasa Chaayinaa dubbachuuf miti. Tarkaanfii isaan of irrattis ta’e imaammata biyya isaanii irratti fudhatanii jijjiirama fidan ajaa’ibsiifachuufis miti. Wanti irraa barannu yoo jiraate namni tokko haala keessa ture ilaalee kan isa hinbaasne yoo ta’e, daandii isaa gadi fageenyaan qoratee kallattii isa baasu irra deemuun barbaachisaadha.
Daandiin Maa’oo Zedong akka hinbaafne, bulchiinsi yerosiis akka fagoo hindeemsisne sababa hubataniif keessaafi alaan murtoo fudhatan. Haaromsa barbaachisaa geggeessan. Murtoon isaaniis dhaloota isaanii geeddare. Biyyi yerootii gara yerootti weerartoota alaan rakkachaa turte har’a bakka sana hinjirtu.
Dhaloota Kristoos dura bara 200 eegaltee da’oo naannoo biyya isheetti (The great Chinese Wall) naannessitee weerartoota of irraa ittisuuf yaalaa turteetti. Isa kanaan diinonni hinsodaanne. Warri akka Jaappaan, Raashaa, Ingilizii, Faransaay, Ameerikaa, Xaaliyaanii, Jarmanii, Hangaarii (warri dhumaa sadan waloon ishee lolan) weeraraniiru. Lafa hedduu jalaa qabataniiru. Qabeenyi barbadaa’eera. Namoonni du’aniiru.
Haa ta’u malee dhaloota isa kana geeddaru, dhaloota murtoo sirrii murteessuu danda’u, dhaloota mul’ata qabu, fageessee kan yaadutu ka’e. Dhaloota borii dhalootaafi biyyaa geeddarutu ka’e. Dhaloota isa kaleessaa qofa hinleellisne, fuula duratti kan fageessee ilaalu tokkotu ka’e. Jijjiiramuu kan qabu hundeetti jijjiiran. Har’a biyyoonni itti bu’uu yaadan si’a hedduu akka irra deddeebi’anii yaadan taateetti. Dhoksaan isaa waan biraa miti. Jijjiiramni akka isaan barbaachisu mari’atan. Adeemsa kanaan duraa, imaammatni kanaan duraa, ilaalchi kanaan duraa akka rakkoo keessa jiran keessaa isaan hinbaafne hubatan.Tarkaanfii sirrii fudhatan.
Inni kun isaan qofa utuu hinta’in biyyoota akka Afrikaa dabalatee har’a biyya lafaaf barbaachistuu taatetti. Omisha guddaafi mi’a biyya lafaaf barbaachisan kan raabsitu taate. Darbees gabaa addunyaaf daran barbaachistuudha. Ameerikaan waan hedduun kan ishee mormitu yoo taatellee bara 2020 qofa mi’a biyya Chaayinaa keessatti omishaman hanga doolaara 434.7 ta’uun biyya isheetti galchiteetti. Meeksiikoofi Kanaadaatti aansitees biyyi Ameeriakaan omisha ishee itti ergitu taateetti. Kanaaf Afriikaa qofaaf utuu hinta’in biyyoota guddatan akka Ameerikaafiyyuu daran barbaachistuudha.
Darbees rakkoolee kaleessaa seenaa taasistee proojektoota akka aduu nam tolchee, ji’a nam tolcheefi kan kana fakkaatan hawaa keessatti gadidhisuuf yaalii gochaa jirti. Torbee tokko fuula dura wantoonni akka namaatti gadi fageenyaan akka of ilaallu nutaasisan wantoota hedduu dhageenyeerra jedheen yaada. Qorattoonni gama lixaan jiran kanneen akka biyya Ingiliziifi Ameerikaa yoo fudhachuu dadhaban illee qorattoonni biyya Chaayinaa aduu nam tolchee hojjetanii akka hawaa keessatti gadi dhiisan dubbatu.
Isa kana gabaasa ‘Xinhua’ kan jedhamutu dhaabbata ‘dhagilaal’ (televizyinii) mootummaa Chaayinaa isa guddaa akka te’etti kan himamu gabaasee ture. Chaayinaan aduu nam tolchee kana dhimma walmakiinsa niyuklaraaf (nuclear fusion) itti fayyadamuuf kan gargaaru yommuu ta’u, humni isaa tarii aduu caalaa si’a shan ho’ina kan qabuufi digirii miiliyoona 70 oliin (Digirii faaraanaayitii miiliyoona 158) gubuu kan danda’u akka ta’e qorattoonni ni addeessu.
Egaa inni kun tarii atoomota haayidiroojiinii humna cimaan walitti ida’uun heeliyeemii uumuun humni ifaa cimaan wantoonni qilleensa booressan utuu hinjiraatin akka argaman taasisuudha. Biyyi kaleessa beelli fixaa ture jabaachuun boqonnaa haaraatti ceeteetti.
Kana qofa utuu hinta’in ji’a nam tolchees gara hawaatti gadi dhiisuun magaalonni halkan akka ifaan bareedan taasisuuf yaalii cimaa gootetti. Inni kun akkuma ji’aa ifa fudhate gara lafaatti calaqqisiisuun ibsaa daandii irraa tumsuun akka magaalonni halkan ifa ba’eessa qabaatan taasisuudha. Ji’i nam tolchee kunis yoo xiqqate lafatti ji’a caalaa kan dhiyaatu, lafa irraa kiilo meetira 500 qofa kan fagaatu yoo ta’u, ji’a irra baay’ee lafatti dhiyaata jechuudha.
Egaa Chaayinaan har’a sadarkaa kana geesse kun waggaa afurtama dura rakkoo hamaa keessa turte. Biyyi lafaa gadi fageenyaan kan hindubbanneef beela hamaan rukutamteetti. Addumaan bara 1959 hanga 1961 gidduutti namoonni miiliyoonni 30 ol beelaan dhumaniiru. Beelli seenaa biyya lafaa keessatti nama hedduu miidhe yoo jiraate beela bara kanaati.
Rakkoon kun kan boodatti isaan deebise utuu hinta’in rakkoo isaan mudate gadi fageenyaan qoratanii borii isaanii irratti akka yaadan isaan taasise. Kanaaf hawaasni Chaayinaa rakkoo isaan mudateef, beela namoota miiliyoona 30 duguugeef namoota birootti utuu quba hinqabin rakkoo isaanii irraa baratanii gara fuula duraatti utaaluuf qophaa’an.
Biyyis ta’e hawaasni isa kaleessaattii hiikamee abjuu sirrii qabu guddachuun isaa hinoolu. Isa kana seenaa qofa utuu hinta’in har’a Chaayinaa irraa barachuu dandeenya. Warra kaleessa ishee hacuucaa turan cina dabartee fagaatteetti. Gama teeknooloojiinis fuuldura jirti. Ummata ishee beela duguugaa ture keessaa baaftee biyyoota dureeyyii cina hiriirsiteetti.
Sodaa kaleessa qabdu har’a hinqabdu. Rakkoolee kaleessaa har’a seenaa gooteetti. Har’a galiin ishee biyyoota guddatanii ol ta’eera. Fakkeenyaaf qabeenyi Ameerikaa bara 2020 triiliyoona 90 yeroo ta’u kan Chaayinaa garuu triiliyoona 120 ture. Kun akkasumaan kan dhufe miti. Rakkoo ture adda baafachuun irraa baratanii sadarkaa kana ga’an. Inni kun dhaloota kalaqaa, dhaloota hojiif qophaa’e, dhaloota hojjetee duroomuu kaayyeffate qabaachuu gaafata.
Dhaloota kaleessi isaanii, guyyoonni isaan dabarsan egeree isaanii akka miidhuuf hinheeyyamneef horachuu gaafata. Kaleessarraa baratanii boriif kan qophaa’an, adeemsa gara fuula duraa shakkii malee kan deeman qabaachuu barbaada. Sababiin isaa isa kaleessaa gadi qotuun waan haaraan hinargamu. Takkaa raawwatameera. Waan haaraan nama kaayyoo qabuufi kaayyoo isaa bakkaan ga’uuf nama tattaafatutu arga. Kanaaf kaleessa irraa baranii gara fuula duraatti deemuun murteessaadha.
Walumaagalatti wal’aansoon jireenya keessatti nama mudatu hamaa miti. Nama irraa barateef borii isaa akka jabaatee fooyyeffatu taasisa. Hawaasa Chaayinaa irraa isa kana barra. Isa dheengaddaa irraa baratanii darban. Yaadaafi waan hojjetaniin bara darbe keessatti hinhafne. Nutis waan beekuu qabnu inni guddaan yoo jiraate, ciminniifi guddinni wal’aansoo keessaa ba’a. Jireenya har’a keessa jirru keessaa ba’uuf, dafqanii hojjechuu, wal’aansoo qabuu, boriif mul’ata qabaachuun murteessaadha.
Wal’aansoon tarkaanfii itti aanuuf nuqopheessa. Namni kamiyyuu barasaa keessatti wal’aansoo niqabaata. Kaayyoo isaa fiixaan baafachuuf wal’aansoo kana qabuun barbaachisaadha. Wal’aansoon kun garuu salphaa miti. Biyyoonni nuti har’a waa’ee isaanii dubbannu isa kana keessa darban. Wal’aansoo qabanii kaayyoo isaanii bira ga’an. Nutis har’a isa darbe dhiisnee fuula duratti tarkaanfachuuf qophaa’uun barbaachisaadha. Wal’aansoon har’aa boriif mo’icha. Mo’icha dura wal’aansootu jira. Inni guddaan wal’aansoo jiru qabanii, rakkoo jiru irraa baratanii isa boriif qophaa’uun ogummaa guddaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014