Dhiiguun da’umsa boodaa wantoota lubbuu haadholii dabarsan keessaa isa jalqabaadha. Keessumaa biyyoota guddataa jiran kanneen akka biyyoota sahaaraa gadii keessatti rakkoo hamaa haadhota keenyarraan geessisaa jira.
Dhalli namaa avereejiin turtii guyyaa 280 gadameessa haadhaa keessa erga turee booda gara dachee kanaa dhufa. Guyyoonni 280 kunniin dubartootaaf guyyaa aarsaa cimaa isaan kafalchiisudha.
Dubartoonni ulfaa haalli sirna qaama saanii namoota kaanirraa adda waan ta’eef taatewwan baay’ee kessummeessuu danda’u. Yeroo ulfaa hormooniwwan qaama ishee keessaas waan jijjiiramaniif sirnoota qaamaa dubartootaa baay’ee irratti jijjiirama xixiqqaa ni agarsiisa.
Haati tokko guyyoota 280 kanneen erga dabarsitee booda daa’ima ji’oota amma kanaaf hawwiin eegaa turte argatti. Haati tokko daa’ima yeroo dheeraaf hawwiin eeggachaa turte tokko gaafa argattu gammachuu guddaatu itti dhagahama.
Namoonni kaanimmoo utuu hincarroomin baatii 9 guutuu jijjiirama qaamaaf amalaa isaanirra gahu hundumaa danda’anii daa’ima isaanii erga dahanii booda utuu ijaan arganii gammadanii hinquufin lubbuun darbu. Wantoota lubbuu haadhaa dabarsan keessaa tokko dhiiguun gadameessaa dahumsa boodaa akka ijootti kaafama.
Dhiiguun gadameessaa yeroo dahumsa boodaa yeroo jennu maal jechuu keenya?
Gadameessi dubartootaa sababa garaagaraarraa kan kahe ni dhiiga. Kanneen keessaa tokko Dhiiguu gadameessaa kanneen ulfaan wal qabatanii dhufaniidha. Dhiiguu gadameessaa ulfaafi dahumsaa wal qabatan bakka lamatti qoodnee ilaalla:
1. Dhiiguu gadameessaa dahumsa duraa
2. Dhiiguu gadameessaa dahumsa boodaa
Dhiiguun dahumsa boodaa hundi dhiibbaa fida jechuu hindandeenyu. Kana jechuun dubartiin tokko yeroo deessu gadameessishee ni dhiiga. Dhiiguun gadameessaa kun yoo heddummaate ykn humnaa ol tahe sadarkaa lubbuu haadholii dabarsuurraan geessisuu danda’a. Gar malee dhiiguu gadameessaa yeroo ulfa boodaa kallattii garaagaraan hiikuu dandeenya.
Isa keessaa tokko hamma baay’ina dhiigaa gadameessa keessaa bahu irratti hundaa’uun. Dhiiguu gadameessaa ulfa boodaa garmalee jechuun haati tokko erga karaa qaama saalaa ykn yaalii baqaqsanii yaaluu malee deessee dhiigni miililiitira 500 oli yoo irraa dhangala’e, erga karaa yaalii baqaqsanii yaaluun deessee booda dhiigni miililiitira 1000 oli yoo irraa dhangala’eefi erga gadameessi kutamee keessaa bahee booda dhiigni miililiitira 1,500 oli yoo irraa dhangala’e jechuudha.
Akkasumas dhiigni gadameessa keessaa dhangala’u kun mallattoo hir’ina dhiigaa yoo irratti agarsiisa tahes dhiiguu gadameessaa garmalee jechuu dandeenya.
Wantoonni dhiiguu gadameessaa ulfa boodaa garmalee fidan maalfaadha?
1. Gadameesssi ulfa booda kottoonfachuu dadhabuu (Uterine atony).
Yeroo ulfaa jijjiirama dubartoota irratti dhufu keessaa tokko dhiigni gara gadameessaa deemu dachaa kudhaniin dabaluudha. Dhiigni gara gadameessa dubartootaa deemu dubartoota hinulfoofne keessatti 50ml-60ml yoo tahu, dubartoota ulfaa’an keessatti 500ml -600mldha. Gadameessa dubartootaa keessaa maashaawwaniif hiddoonni dhiigaa hedduu jira. Hiddoonni dhiigaa dhiiga onneerraa fuudhan gara hiddoota dhiigaa xixiqqoo gadameessa keessaatti dabarsuun karaa ofkaltii ykn ‘placenta’ daa’imni akka dhiiga argatu taha.
Dhiigni gara gadameessaa deemu kun dahumsa booda dhaabachuu baannaan dubartiin tokko dhiiga hedduu dhabuu dandeessi. Uumamaan dubartiin tokko akkuma deesseen maashaan gadameessaa kottoonfachuun hiddoonni dhiigaa akka isaan walitti macalaqan ykn walitti qabaman gochuun dhangala’uun dhiigaa akka dhaabatu godha.
Kanaaf dahumsa booda maashaan gadameessaa kottonfachuu dhabuun rakkoo dhiiguu gadameessaa garmaleef haadholii keenya saaxiluu danda’a.
Gadameessi dahumsa booda akka sirriitti hinkottoonfanne wantoonni gochuu danda’an maalfaadha?
A. Yaalii hatattamaa dubartiin tokko akkuma deesseen argattu argachuu dhabuu. Dubartiin tokko akkuma deesseen mana yaalaatti yaaliin hatattamaa akkuma isheen deesseen ni godhamaafi. Yaaliin godhamu kunis afaan fayyaan “Active management of third stage of labor” kan jedhamu yoo tahu, haadholii mana yaalaatti yaalaman hundaaf kan kennamuudha.
Yaaliii godhaman keessaa tokko haati tokko akkuma deesseen lilmoo maashaa gadameessaa kottoonfachiisuu danda’u battalatti fudhachuudha. Lilmoon kun maashaan gadameessa dubartootaa akka kottoonfatu gochuun hiddooonni dhiigaa walitti qabamuun akka inni hindhiigne godha. Yaaliin kan biraa sukkuummaa gadameessaa gara alaan godhamuudha. Kunis quba harkaan garaa dubartii tokkoo ogeessi fayyaa qaqqabuun akka maashaan gadameessaa keessaan kottoonfatu godha.
B. Ciniinsuun yeroo dheeraaf namarra turuu
C. Infeekshinii keessoo gadameessaa
D. Garmalee diriiruu gadameessaa (Uterine over distension)
2. Obbaatiifi cittuun obbaatii dahumsa booda gadameessa keessaa bahu dhabuu ykn keessatti hafuu.
Akkuma beekamu dubartiin tokko akkuma deesseen obbaatiin daqiiqaa muraasa booda ni baha. Obbaatiin kun guutummaatti erga bahee booda maashaawwan gadameessaa kottoonfachuun hiddoonni dhiigaa akka kottoonfatan godha. Sababa garaagaraa irraan kan ka’e obbaatii ykn qaama obbaatii cittuun yoo keessatti hafe dhiigni gadameessa keessaa dhangala’u dhaabachuu dhabuu danda’a. Yeroo kana dubartiin tokko akka isheen dhiiguu gadameessaa garmaleef saaxilamtu godha.
3. Cituu ykn tarsa’uu keessoo qaama saalaafi gadameessaa. Yeroo dahumsaa sababa garaagaraa irraan kan ka’e keessoon qaama saalaa dubartootaafi gadameessi yoo cite ykn tarsa’e dhiiguu gadameessaa garmaleef saaxiluu danda’a.
4. Rakkoo fayyaaa meedikaalaa kanneen dhiiguuf nama saaxilan qabaachuu.
Walumaagalatti wantoonni dhiiguuu gadameessaa dahumsa boodaa fidan kanneen armaan oliitti eerredha.
Dhiiguu gadameessaa garmalee dahumsa boodaa ittisuuf maal gochuu qabna?
Akkuma jalqabarratti ibsuuf yaalle dhiiguun gadameessaa wantoota lubbuu haadholii dabarsan keessaa isa hangafaadha. Rakkoo kana hambisuuf xiyyeeffannoo guddaan godhamuu qaba. Rakkoon kun haadholii qofa osoo hintaane Abbootii manaa, Hawaasa naannoo, seektaroota fayyaafi xiyyeeffannoo ogeessa fayyaa barbaada. Wantoota akka ijootti rakkoo kana fidan keessaa tokko manatti dahuudha.
Bu’uuraaleen kenniinsa fayyaa babal’achuun manatti dahuun ykn dhaluun hir’atus hanga ammaa dubartoonni manatti dahan jiru. Dubartiin tokko yeroo manatti deessu yaalii hatattamaa dahumsa booda kennamu waan dhabduuf rakkoo dhiiguu dahumsa boodaaf saaxilamuu dandeessi. Kana malees yaaliin manatti kennamu qulqullina waan hinqabneef rakkoo infeekshinii keessoo gadameessaaf akka saaxilaman gochuun rakkoo kanaaf saaxiluu danda’a. Kanaaf haati tokko battala guyyaan dahumsa ishee gahutti qophii barbaachisaa gochuun gara mana yaalaa deemuun barbaachisaadha. Abbootiin manaas haati tokko mana yaalaa deemtee akka deessuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun jajjabeessuun irraa eegama.
Dhiiguun gadameessaa dahumsa boodaa kun dubartiin tokko akkuma deesseen akkasumas deessee ergasheen manatti galtee boodas mudachuu danda’a. Kanaaf dubartiin tokko erga deessee manatti galtee booda dhiigni garmalee irraa dhangala’a yoo ta’e hatattamaan mana yaalaa deemuun yaalamuun barbaachisaadha. Haati kamillee sababa dahumsaan du’uu hinqabdu!
Fayyaa hindhabinaa.
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014