Shaampiyoonaan liigii pirimeerii bor itti fufa


Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa duraa erga xumuramee torban sadii ta’eera. Shaampiyoonichi addaan citusaatti kilaboonni liigichaa dafee akka itti fufu gaafachaa turanis Koreen Liigii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa “tapha marsaa duraa waanan hinxiinxalleef yeroo naaf kennaa” jechuun tursiise.

Haata’u malee korichi Roobii darbe tapha marsaa duraa Hoteela Itoophiyaatti bakka qaamooleen dhimmichi ilaallatu argamanitti xiinxaluudhaan rakkoolee mul’achaa turanirratti marii taasiseera.
Marii taasisee kanaan wayita walmorkiiwwan marsaa duraa gaggeeffaman naannooleefi Finfinneetti deggartonni kilabootaa tokko tokko jeequmsa uumuudhaan murtee kennitoonni kubbaa miilaa tasgabaa’anii taphni akka hingaggeeffamne gufuu ta’aaniiru.

Akkasumas, ogeessonni kunneen reebamudhaan qaamasaaniira miidhaan dhaqabeera. Daawwatonni nageenyaan tapha daawwatanis reebamaniiru. Qabeenyi mootummaafi dhuunfaas barbadaa’usaa ibsameera.

Taphni marsaa lammaffaa boriif iftaan itti kan fufuu yoo ta’u, mootummoonni naannoolee daawwataan nagaan dirree seenee nagaan akka galu, murtee kennitoonni nageenyaan tapha akka gaggeessaniifi qabeenyi ummataas ta’u kan mootummaa akka hinbarbadoofne gochuu qabu jedhameera.

Bu’uuruma kanaan walmorkiin marsaa lammaffaa torban 16fa bor Walwaalo Addigraatiifi bulchinsa magaalaa Hawaasaa gidduutti tapha gaggeeffamuun akka itti fufu Koreen Liigii Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa addeesseera.

Walmorkichi iftaanis magaaloota naannoolee adda addaatti itti fufe kan oolu yoo ta’u, Baahirdaariifi Qiddus Giyoorgis, Walaayittaa Diichaafi Shiree Indasillaaseen, Dirree Dawaafi Bunni Itoophiyaa, Raayyaan Ittisaafi Poolisiin Kibbaa, Jimmaa Abbaa Jifaariifi Adaamaan, Faasiliifi Bunni Siidaamaa Dadabiitiifi Maqaleen ni taphatu jedhamee eegama.

Tashoomaa Qadiidaa

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

3 Comments to “Shaampiyoonaan liigii pirimeerii bor itti fufa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *