‘Hojii keessan guddisuufi bal’isuuf waan gaarii ta’ee natti mul’ate akka ittaanutti tarreesseera’; “Fuula haaraa kan dubbistoonni Gaazexaa Bariisaa gaaffii ittigaafatan otoo bantanii; mandaroota biyya Oromoo hundumarra nama fedhiisaatiin oduu warraaqsaa barreessee isinii ergu godhaa; namoota Oromoo kan hojii guguddaarra jiran sabasaaniitiin walbarsiisuuf intarvii akka jalqabdan; oduu addunyaa (naannoo biyya lafaa) kan waa’ee warraaqsaa akka barreessitan.
Akkasumas, Oromoon biyya faffagoo adda jiran akka walbaratan pen pal (hiriyaa barbaaduu) jedhamu akka bantan; Bariisaan akka namoota hunda battalatti dhaqqabu mandaroota (magaalaa) guguddaafi xixiqqaa keessattis bakka bu’aa (wakkiila) godhadhaa; dhumarratti akka ajaja (ti’izaazii) godhee waanan barreesseef dhiifama jedheetan gara gaaffii qofaa kootti dabra.
Dargaggoota bulchaa biyya Wallaggaa (dhiira ykn dubartii) tokko wajjin hiriyummaadhaaf waanin barbaaduuf barataa ykn barattuu akka kootii, ka ana wajjin walbaruu fedhu (hayyamu) teessoo asii gadiitiin naaf haa barreessu ykn haa barreessitu. Abdulaziz A. Adam Roobaa L.S.P. 88.” (Bariisaa vol. 2 No. 3, Sadaasa 24 bara 1969).
Yaadannoo kana waa malee hinkaafne. Gaazexaa Bariisaa erga akka miidiyaa maxxansaatti dhaabattee madda odeeffannoo, guddina afaaniifi aadaa Oromoo taatee kunoo har’a umrii nama ga’eessa tokkoo, waggaa 45 lakkoofsisteetti.
Gaaffiilee waggaa 45 har’aa dubbisaan Gaazexaa Bariisaa dhiyeessan keessaa hammamtu deebii akka argate numaafi qaamolee biroo dhimmi ilaaluuf dhiisaa Bariisaan ammaan tana keessumaa waggoota sadii as fuulawwan 24n torban torbaniin bo’oowwan ODUU, AADAAFI AARTII, KEESSUMMAA, QORAASUMA, ABBAA SA’AA (Dinagdee), DAMAAKASEE, QARREEFI QEERROO, ILAAMEE…, YAADA BILISAA, SEENAA ISPOORTIIFI DHAAMSI BARIISAA (IJOO DUBBIIFI YAADA) hirmaannaa gumaachitoota ciccimootiin dabaalamee torban torbaniin Guyyaa Sanbataa dubbistootaaf dhiyaataa jirti.
Gaazexittiin maxxansa dabalatee bu’aalee teknoolojiitti fayyadamuunis karaa feesbuukii, marsariitiifi telegiraamiidhaan oduuwwan dhugaafi wayitaawoo dubbistoota biraan gahaa jirti. Keessumaa hanga kaleessaatti fuula feesbuukii beekamtii (confirmed) ta’erratti yeroo gabaabaa keessatti hordoftoota 127, 436, ‘poosti reach 673fi 196 horateetti.
Ta’us gaazexittiin hanga umriishii hinguddanne, hintarkaanfanne. Keessumaa waa’een raabsaa waggaa 45 har’aa dubbistootaan dhiyaataa turan har’as otoo deebii hinargatiin jiru; dhimmi raabsaa ammas rakkoo bu’uuraa Gaazexaa Bariisaa ta’ee baroota lakkoofsisaa jira jechuudha.
Waa’een raabsaa kun silaa ammaan tana yeroo dhaloota qubee kanatti, gaazexaan biraa sadarkaa federaalaatti Afaan Oromootiin maxxanfamu hinjirretti, sadarkaa naannoottis ta’u Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa ta’etti akka rakkootti ka’uu hinmalu ture.
Kanaaf qaamni dhimmi kallattiin ilaallatu keessumaa Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa aantummaa Gaazexaa Bariisaafi miidiyaa Oromoo biroof qaburraa ka’uun madda odeeffannoo ta’uu dabalatee raabsasaarratti qaama gaazexicha maxxansiisu, Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa wajjin ta’ee rakkoo raabsa gaazexittii furuuf xiyyeeffannaan akka hojjetu, haa hojjennu.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014