Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa tapha michumaatti mo’e

Finfinnee: Taphni Olompikii 32fa Jaappaan Tokiyootti, adeemsifamu waggoota lamatu isa hafa. Waggoottan kanneen keessatti biyyoonni miseensoota Koree Olompikii Biyyooleessaa akaakuwwan ispoortii adda addaan hirmaachuuf qophaa’aa jiru.

Itoophiyaanis taphicharratti hirmaachuuf qophiilee adda addaa taasisuu jalqabdeetti. Qophiiwwan taasisaa jirtu keessaa inni tokko walmorkii kubbaa miilaati.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa tapha kubbaa miilaa kanaaf torban sadii dura taphattoota garee kubbaa miilaaf taphatan 28 filamuudhaan guyyaatti yeroo lama akka shaakalan Hoteela Itoophiyaa galcheera.

Gareen kun tapha gulaalaa duraa kan taasifatu garee kubbaa miilaa Maalii wajjiin yoo ta’u, tapha kanaaf ejjeennoosaa safarachuf walmorkii michummaa garee kubbaa miilaa Siisheelsii umrii 23 gadii wajjiin Roobii darbe adeemsifachuun 1-0n mo’ateera.
Garichi tapha deebii kan lammaffaa garee biyyaaleessaa beektootaa wajjiin bor Istaadiyoomii Finfinneetti akka taasifatu federeeshinichi addeesseera.

Leenjisaa Abrahaam Mabraatuutiin kan dursamu garee biyyaaleessaa kanaaf taphatonni kan filaman kilaboota liigii piriimeerii biyyatiirraa ta’uun beekameera.

Dargaggoota umrii 23 gadiitiin kan ijaarame gareen kun tapha gulaalaa duraa garee Maalii wajjiin godhatuutti mo’achuun walmorkii ittaanuuf akka darbuus leenjiisaa Abrahaam addeessaniiru.

Itoophiyaan direewwan Olompikiirratti kan beekamtu atileetiksiidhaan, keesumatu fiigicha Maaraatonii,dorgommii kiiloo metira kudhaniifi shaniin kan jedhan leenjisaan kun kubbaa miilaanis seenaa hojeechuf qophiirratti argamna jedhaniiru.

Itoophiyaan seenaa Olompikiis ta’u walmorkii waancaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti al tokkoo illee tapha waancaaf mitii gulaala dabartee akka hinbeeknee kan yaadatamuudha.

Tashoomaa Qadiidaa

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

One Comment to “Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa tapha michumaatti mo’e”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *