Ispoortiin aadaa Oromiyaa olaantummaa Godina Jimmaatiin xumurame

Finfinnee: Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa 27fafi Feestivaalli Aadaa 12fan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Magaalaa Sandaafaatti torban tokkoof adeemsifameera.

Shaampiyoonaa godinaaleen Oromiyaa 18fi bulchiinsonni magaalotaa saddeet akaakuuwwan ispoortii aadaa adda addaatiin irratti hirmaatan kun olaantummaa Godina Jimmaatiin xumurameera.

Godinni Jimmaa kan baranaa dabalatee yeroo sadiif walittaansee mo’achuun waancaafi meedaaliyaa warqii fudhateera.

Feestivaalii aadaatiin ammoo Godinni Arsii Lixaa olaantummaan yoo xumuru, Godinni Shawaa Kaabaafi Magaalaan Laga Xaafoo Laga Daadhii lammaffaafi sadaffaa ta’uun meedaaliyaa meetiifi nahaasaa argataniiru.

Tapha Qilleetiin Godinni Shawaa Kaabaa shaampiyoona ta’uun waancaafi meedaaliyaa warqii yoo fudhatu, magaalaan Sulultaafi Laga Xaafoo Laga Daadhii 2fafi 3fa ta’uun meedaaliyaa meetiifi nahaasa badhaafamaniiru.

Shaampiyoonichi dargaggoota naannichaa gaaddisa tokko jalatti walitti qabuudhaan jaalalli, tokkummaafi obbolummaan gidduusaaniitti akka cimu taasisuun cinatti ispoortiin aadaa akka dagaagu gochuuf gargaara.

Ispoorteessitoonni shaampiyoonaa baranaarratti akaakuuwwan ispoortii aadaa ittiin hirmaataniin qabxii gaarii galmeessisan Oromiyaa bakka bu’uun shaampiyoonaa ispoortii aadaa guutuu Itoophiyaa guraandhala 19 bara 2014 irraa eegalee guyyoota 14f naannoo Amaaraa, Godina Shawaa Kaabaa, Magaalaa Dabra Birihaanitti adeemsifamurratti hirmaata.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014

Recommended For You