Bineensota summii cimaa qabaniin ciniinamuufi gargaarsa duraa taasifamuu qabu

Bineensonni uumamaan Rabbi yoo isaan uumu waan ittiin diinasaanii ofirraa faccisan, kaaniif gaafa ittiin waraanan, kaaniif dandeettii fiigicha saffisaa ittiin baqatanii ba’an, kanneen biroof ammoo humna ittiin diinasaanii caccabsan kenneeti.

Akkasumas bineensota tokko tokkoof summii diinasaaniitti naqanii ittiin galaafatan kennee uume. Dhala namaatiif ammoo gaanfa ittiin waraananis ta’e summii, humna cimaas kennuufi baatu Rabbi sammuu ittiin bineensota biroorra aanu kennee jiraachisa.

Har’aaf kan fayyaa wajjin daran walqabatu bineensota summiisaaniitiin dhala namaa dabalatee bineensota biroo galaafatan, yoo galaafatanillee hedduu dhukkubsachiisan keessaa kanneen biyya keenyatti baay’inaan argaman bofaafi ciniinnaa ilbiisotaa haa ilaallu.

1.Ciniinnaa bofaa

Bofti akkuma namni hundi beeku summii ishiitiin nama galaafachuun beekamti. Haa ta’u malee akaakuuwwan bofaa marti summii qaba jechuu miti. Akaakuuwwan bofaa hedduun summii hinqaban. Kanneen qaban ammoo jabinni ykn summiisaanii akaakuu akaakuudhaan garaagarummaa cimaa qaba.

Akaakuun bofaa addunyaa kanarraa dhala namaa hedduu ajjeesuudhaan beekamu akaakuu Koobraa “cobra” jedhamu yoo ta’u, baay’inaan kan argamu naannawa gammoojjiitti. Akaakuun bofaa koobraa kun lubbuu namaa baay’inaan kan dabarsu summiinsaa akaakuu bofaa kan biraa (warreen summii qaban) waan caaluuf osoo hintaane amala nama loluu waan qabuufi. Keessumaa biyya hindii (India) keessatti wagga waggaatti lubbuu namoota hedduu galaafata. Walumaagalatti waggaatti sababa bofaa qofaan namoonni kuma 80 caalan lubbuusaanii dhabu.

Mallattoo

Mallattoon erga bofti nama ciniintee booda namarratti mul’atu namaa namaatti garaagarummaa guddaa qabaachuu malus walumaagalatti garuu namni tokko yoo bofaan ciniiname mallattoolee armaan gadii argisiisuu mala:

  • Bakka bofti ciniiname sanatti madaa xiqqoon (puncture wound) argamuu,
  • Bakki ciniiname sun diimachuu, dhiita’uu, qunca’uu ykn luqqa’uu, dhiiguu,
  • Dhukkubbii cimaan akkasumas yoo harkaan qaban bakka sanatti namatti dhaga’amuu,
  • Olguurraa ykn haqqeefi teessisaa,
  • Hafuura baafachuu dadhabuu ykn hafuurri nama cituu,
  • Onneen ofii garmalee akka nama fiigaa jiruutti dha’achuu,
  • Ijji ofii seeraan ilaaluu dadhabuu ykn namatti dukkanaa’uu,
  • Afaan ofii keessatti dhandhamni ykn miirri akka sharaa ykn sibiilaa namatti dhaga’amuu,
  • Garmalee gororuu ykn garmalee dafqi qaamarra dhangala’uu,
  • Qaamni ofii adooduu ykn miirri itti dhaga’amuu dhiisuu.

Haga mana yaalaa geenyutti nama bofti ciniineef gargaarsa duraa maal gochuu qabna?

Nama bofti ciniinte tokko jalqaba sammuu keenyatti kan dhufu qabu akka mana yaalaa geessuu qabnu yaaduudha. Namni bofni ciniinte oggaa mana yaalaa deemu mallattoo irratti hundaa’uudhaan yoo akaakuun bofaa kan beekamtu ta’e ammoo akaakuu bofaarratti hundaa’uudhaan (kan summii qabuufi hinqabne) qorichi antivenom (farra summii) jedhamu ni kennamaaf.

Namni yoo mana yaalaa deemu ofiin of gargaaree deemuun hinfilatamu. Namni biraa gargaaree yoo konkolaataan jiraate konkolaataan ykn waan biraatiin gara mana yaalaa geessuu qaba. Hanga mana yaalaa geessisnutti ammoo waantoonni nuti gochuu qabnuufi gochuu hinqabne maal maal fa’i kan jedhu haa ilaallu.

  • Yoo bofti ciniinte sun bakka san jiraatte ykn ajjeefamteetti ta’e, suurashee qabachuun (kaafachuun) akaakuun bofattii kam akka ta’e adda baasuudhaan yaalamuuf daran gargaara.
  • Namni bofti ciniine tasgabbaa’uu qaba. Kunis yoo kan baay’ee dhiphate ta’e dhiigni daddafee waan onnee isaa/ishii keessa deddeebi’uuf, summii bofaa bakka jalqabaa fuudhee qaama keessa waan tamsaasuufi.
  • Namni ciniiname sun haala (position) isa/ishee boqochiisuun ciisuun barbaachisaadha
  • Waan akka sibiilaafi meeshaalee miidhaginaa akka qubeelaa harkaa, amartii harkaa ykn faaya mormaafi kkf qaama nama ciniinameerraa baafamuu qabu.
  • Bakki bofti ciniinte sun sirriitti saamunaafi bishaaniin battalumatti miiccamuu qaba.
  • Bakka ciniiname hanga dandeenyetti mallattoo itti gochuudha. Yoo danda’ame ammoo sa’aa itti ciniiname ykn ciniinamtes irratti katabuudha.
  • Waantotni nuti gochuu hinqabnehoo maal fa’i?
  • Bofa ciniine qabuuf yaaluun tasumaa sirrii miti. Yoo kan du’e ta’ellee gara mataasaa baachuu ykn tuttuqquu yaaluun tasumaa balaa namatti fida.
  • Bakka tokko tokkotti akka jedhamu bakka ciniiname sana gad hambisanii qaama ciniiname hidhuun faayidaa hinqabu, miidhaa biraafis nama saaxila. Kanaaf bakka ciniiname hidhuun dhorkaadha.
  • Bakka ciniiname ykn qaama ciniiname sana summiin akka ba’utti jedhanii waan qara qabuun kukkutuu ykn mummuranii dhiigsuun tasumaa summii seene sana hinbaasu waan ta’eef kana gochuurraa of qusachuudha.
  • Summii keessaa baasuuf jecha bakka ciniiname ciniinuu, xuuxuufi kkf irraa of eeggachuudha.
  • Bakka ciniiname sana irra bishaan qorraa kaa’uu ykn qaama ciniiname sana bishaan keessa kaa’uunis waan nama ciniiname sana hingargaarreedha.
  • Qorichoota dhukkubbii dhorkan akka aspiriinii, ibuprofeniifi kkf hanga mana yaalaa ga’amutti ofumaan fudhachuurraa of qusachuudha.

2.Hidduu (ciniinnaa) kaannisaafi soonsaa

Biyya keenyatti ilbiisonni nama ciniinanii nama dhukkubsachiisan ykn qaama namaa dhiitessan hedduu ta’anis kanneen hangafaa kanniisaafi soonsa ta’uun beekamaadha. Namoota hedduu ciniinnaan kanniisaafi soonsa qaama dhiitessee bakka ciniiname san gogaa diimessee akkanumaan dhiisa. Kanneen biroo ammoo qaama guutuu dhiitessee yoo hatattamaan wal’aansa hinarganne lubbuu dabarsuutti ga’a.

Keessumaa ilbiisonni yoo qoonqoo keessa nama ciniinan keessi qoonqoosaa dhiita’ee cufamuun hafuura baafachuu dhorkee carraan lubbuu dabarsuusaa daran olka’aadha. Walumaagalatti nama kanniisni, soonsi ykn ammoo ilbiisni biraa ciniinte tokkoof gargaarsa kanaa gadii gochuu dandeenya.

  1. Ilkee ykn kan yoo kanniisniifi soonsi nama ciniintu namarratti citee hafu sana hatattamaan waan ATM ykn furtuu fayyadamnee ofirraa kaasuudha.
  2. Bakka ciniiname sanarratti yoo waanta qorraa akka cabbii

argannee irra keenye dhiitaafi dhukkubbii dhufuu malu daran hir’isa.

Ciniinnaan ilbiisota hedduu kana irra darbee yaala dabalataa cimaa kan hinbarbaanne yoo ta’u, namoonni tokko tokkommoo akkuma olitti kaafne addatti hubamuu malu. Walumaagala namni ilbiisota kanaan ciininamee mallattoo akka: hafuurri cituu ykn hafuura baafachuu dadhabuu, arrabni ykn qoonqoon dhiita’uu, oldeebisuu ykn haqqeefi teessisaa, dhaabbatanii (of danda’anii deemuu dadhabuu) ykn of wallaaluu argisiisan hatattamaan mana yaalaa deemanii qoricha dhibee kanaaf ta’u akka waraannatan gorfama. Kana ta’uu baannaan haala salpaadhaan lubbuun darbuu mala.

3.Ilbiisota summii addatti qaban kanneen biroo

Ilbiisonni hedduun kanneen nuti guyyaa guyyaatti argaa oolluufi tarii ammoo yeroo ijoollummaa keenyaa harkaan qabneellee ittiin taphataa oollu summii nama galaafatu qabu. Keessumaa akaakuuwwan sharariitii tokko tokko waan summii hamaa qabaniif, hanga isaan addaan baasnee hinbeeknetti walumaagalatti tuttuqquu dhiisuufi irraa fagaachuu qabna.

Akkasumas akaakuu fatteefi raammoon tokko tokkollee summii qabu. Ilbiisni Qajjibbuu (scorpion) jedhamtu ammoo kan lafa gammoojjii keessatti baay’inaan argamtuufi eegeeshiitiin nama ciniintu, ilbiisota biroo caalaatti dhukkubbii daran hamaafi yeroo dheeraa namarra turuun kan nama hubdu, darbee darbee ammoo namoota tokko tokkorratti hanga lubbuu dabarsuutti kan deemtuudha.

Keessumaa biyya keenyatti yaalaatti qorichoonni antivenom jedhaman ciniinnaa bofaa waal’aanuuf oolanis ta’e kanneen akka ‘epinephrine’ jedhaman waan akka ciniinnaa ilbiisotaa sadarkaa hamaarra ga’eef oolan waan baay’inaan hinargamneef ofeeggachuutu waan hundaa caala. Keessumaa daa’imman osoo hinbeekiin ilbiisota kanatti akka hinbuune gorsuun ga’ee keenya.

Fayyaaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014

Recommended For You