Dursummaa Ispeeniifi Poorchugaaliitiin yeroo Awurooppaanonni Ardii Afrikaa guutuu sirna gita bittaatiin qabachuuf gara Afrikaatti duulan sana, gaafa immoo biyyoonni Awurooppaa dursa Afrikaa koloneeffachuuf duulan kunniin biyyoota Afrikaa hedduu koloneeffachuudhaan Ingiliiziifi Faransaayiin caalaman sana, gaafa Afrikaanoonni qe’eefi qabeenyasaanii irratti alagaa ta’anii harka ormaa eeggachaa turan yeroo dukkanaa, yeroo muddamaa.
Imalli biyyoonni Awurooppaa kun karaa bittinaa’een Afrikaa hunda koloneeffachuuf taasisaa turan immoo seera qabeessa akka ta’u yaa’ii biyyoonni Awuroppaa biyya Jarman Magaalaa Berliinitti taa’anirratti walii galaniiru. Kana qofaa osoo hin taane immoo seera itti baafatanii biyya Afrikaa inni tokko dursee qabate akka wal hin saamnes waadaa walii galan.
Haala kanaan duulli bal’aan Ardii Afrikaa guutuu sirna gita bittaa Awurooppaanotaa jala galchuuf taasifame milkaa’uudhaan qabeenyi Afrikaa heddu saamamuu danda’eera. Afrikaanoonni hedduun biyya abbaasaaniitti garba ta’anii buluuf dirqamanii turan.
Yeroo sanatti garuu biyyoota Afrikaa jiran keessaa kan kolonii Awurooppaan hin qabamne biyyoota lama turan; isaanis Itoophiyaafi Laayibeeriyaadha. Sirna gita bittaa Awurooppaanotaa jalatti kufuu dhabuu Laayibeeriyaatiif fedhiin biyyoota qarqara galaana Atilaantikii keessattuu Ameerikaa akka sababa guddaatti kan ka’u yemmuu ta’u, sirna kolonii Awurooppaanotaa jalatti kufuu dhabuu Itoophiyaatiif garuu sababni guddaafi inni dhumaa kutannoofi murannoo ummannishee bilisummaadhaaf qabuudha.
Itoophiyaan sirna kolonii Awurooppaanotaatiin hin qabamne jechuun garuu biyyoonni Awurooppaa Itoophiyaa koloneeffachuudhaaf hin yaadne jechuu miti. Xaaliyaan yeroo lamaa ol Itoophiyaa humnaan qabachuuf yaaltee boodarratti keessattuu adda waraanaa Adawaa irratti injifannoon argame biyyoota Afrikaafi ummata gurraacha Addunyaa kanarra jiru hundaa kan mataa ol qabachiise ture.
Itoophiyaan ofiishee qofaaf diinashee koloneeffachuuf dhufe salphistee ari’uu qofa osoo hin taane biyyoonni Afrikaa sirna gita bittaa Awurooppaanotaa jalatti kufanii turanis akka of bilisoomsaniif deeggarsi Itoophiyaan taasisaa turte yoomillee waan dagatamuu miti.
Kana keessaa akka fakkeenya isa guddaatti kan ka’uu danda’u immoo gaafa gurraachoonni Afrikaa kibbaa sirna gita bittaa Appaartaayidiitiin walfalmaa turanitti qabsaa’aa beekkamaafi Abbaa gurraachota Afrikaa kan ta’e, Nilsen Maandeellaan Itoophiyaa dhufee leenjii barbaachisu argatee gara biyyaatti deebi’uudhaan sirna Appaartaayidii barbadeessuusaati.
Barri 1960 bara irra jireessaan biyyoonni Afrikaa hedduun sirna kolonii Awurooppaanotaa jalaa itti bahan akka ta’e seenaan ni mirkaneessa. Itoophiyaan gaafa biyyoonni Afrikaa kunniin sirna gita bittaa Awurooppaanotaa injifatanii akka bilisoomaniif deeggaraa turte immoo biyyoota Afrikaa kana gaaddisa tokko jalatti gurmeessuuf kaka’umsa dabalataa horatte.
Biyyoonni Afrikaa bilisooman kunniin garuu akkuma bilisummaasaanii gonfataniin garee lamatti walqoodanii waan turaniif biyyoota kanneen hunda mataa walitti qabuudhaan Dhaabbanni Afrikaa akka hundeeffamuuf shoora olaanaa taphachuushee kan haalu hinjiru.
Itoophiyaan yeroo hedduuf mootummoota ummatasaanii cunqursan, mirga uumamaafii dimokraasii sarbaniifi walqixxummaa amantii hinmirkaneessineen bulaa turtus, hooggantoonni ummata Itoophiyaatiif hamaa turan hundisaanii dhimma Afrikaa irratti warra hamataman hin turre.
Humni cimaaniifi abukaatoon biyyoota Afrikaa hundaa Itoophiyaa ta’uu kan baran biyyoonni lixaa, yeroo ammaa immoo kolonii ammayyaa ‘Neocolonization’ lammataaf Afrikaa kaadhimachuuf Itoophiyaa dadhabsiisuurratti xiyyeeffachaa jiru.
Sirna kolonii ammayyaa biyyoota Afrikaa kaadhimachuuf taasifamaa jiru kana dursanii qolachuuf immoo dhaadannoo ‘NoMore’ ykn ni ga’a! jedhu bocuudhaan waltajjii barbaachisaa hundarratti tarkaanfachiisaa kan jirtu Itoophiyaan, hojii abukaatummaa kanaaf meeqa akka kanfalamuuf beekkamuu baatus har’as sagalee Afrikaanota hundaa ta’aa jirti.
Walumaa galatti, sochiin biyyoonni Afrikaa gaafa sirna kolonii Awurooppaanotaa jala turan bilisummaaf taasisaa turan sun, har’a osoo kolonii ammayyaa jalatti hinkufne duula ‘NoMore’ Itoophiyaan eegalte ajandaa godhachuu qabu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014